Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad tibbana kutalee hawaasaa naannolee adda addaa keessaa babahan wajjin dhimmoota gara garaarratti marii bal’aa taasisaa jiru. Gaazexaan Bariisaas marii isaan torbee darbe kutaalee hawaasaa godinaalee Oromiyaarraa babahan wajjin taasisan haala ittaanuun dhiyeesseera.
Doktar Abiyyi Ahmad
Jidduu kana akka naannootti iddoowwan gara garaatti marii gochaa turre. Waanti marii sanarratti hubanne darbee dares ta’e walarganii marichuun barbaachisaa ta’uusaati. Kanumarraa ka’uun walarguuf murteessine. Walga’anii mari’atanii yaada gurmeessanii kallattii kaa’anii, kallatticharratti hundaa’anii qabsaa’uun aadaadhuma keenya.
Kanaanis beekamna. Yeroo dhiyoo as aadaa sun waan babbadaa dhufeef, namni ni mari’ata, ni harcaasaa, waan mari’ate sanarratti hojii hinhojjetuu, namni ni mari’ataa ni hataa, hattummaan aadaa keenyaa miti. Oromoon hattummaa ni jibba. Amaloonni haaraa babahaa waan jiraniif xiqqoo mai’annee waan argannes barree waan kana booddee guutuu qabnus adda baafannee deemuu akka dandeenyuuf walga’iin har’aa waamame. Yaada akka naannoo, biyyaas ta’e addunyaatti hubattan, gaaffii qabdan hunda kaasuu dandeessu.
Hirmaataa tokkoffaa
Rabbi keenya kan waa mara harkaa qabu, kan mootummaallee namaa kennu, kan hiree namaa kennu, kan umrii namaa kennu, isa galatooffanna. Namni waan tare hinbeekne, waan keessa jiru hinbeekne, kan fuulduratti maal deemne jechuu hinbeekne. Namooma hinqabu. Waan kaleessaa yaadannee darbuutu nuuf ta’a. qabattanii?
Mootummaa nuu taatanii otoo isin gajeeltoon barumarra gaditeessanii biyya to’attanii hinargiin diinni nutti ka’e. Siina sana akka isin ofirraa deebistan, akka isin nurraa deebiftan sana yoon yaadadhu booyi na godha. Waan mootummaan dalage, waan doktarri dalage. Kan kaleessa ilaalaa oole sana yoo ilaallu, ani kan sana dura jiru yoon ilaalu, zamana duraanii mootii tokkotu jira.
Nabiyyii Suleeymaan jedhaniin. Nanmi kitaaba Qur’aanaafaa beeku ni beeka. Nabiyyi Suleeymaan kan bubbee yaabbatu sana. Suleeymanii kun qooqa allaattiillee beeka. Kan raammoofi mixiillee ni beeka. Namni isarra waan bareeda ijaare hinjiru. Maaltu isa qarqaare jennaan jinnii… waamara Rabbi laaffiseefii jinniin isa qarqaaree akkasitti ijaare jedhama. Kanas ogeeyyii wayiituu akka jinniitti Doktar Abiyyiif garaa laaffisee ijaare malee kana namaatu ijaare jechuu hindandeenyu, waan kale ilaalle kana.
Kanin ittaansu waa’ee nagayaati. Yoo nagaa hinqabaatiin mana keenya seennee bullee bahuu hindandeenyu. Maaltu nagaa nu dhoogge jennee haa ilaallu. Dhukkubni keenya numaa ta’innaa jedheen shakke. Maaliif? Waliigaluu dhabuuf, Oromoo akkamitti waan qara yknduraan ta’e dagatte? Maal yaadda Oormoo? Akkanatti sii taatii? Dhala namaa dhiisii … dur Baalee horii horsiisa, hanga horii 200.
Yoo saani tokko dura bu’ee qajeele horiin kuun garbuutti hingoru. Mee walfakkaadhaa qajeelaa, dhugaa dalagaa. Namni dhugaa dalage hindu’u, kufu, hinsalphatu. Nama dhugaa dalage Doktar Abiyyi Ahmad Aliirratti ilaali.
Nuti akka Baaleetti, Baale guddaadha. Guddaan kun karaa asfaaltii kiiloo meetira 40 qofa qabnaayyu; biyyi midhaan bareeda, re’ee, hoolaa, gaalaafi loon qabu. Har’a karaa sanallee arganneerra. Rabbi keenya galanni haa ga’uu karaa Roobee ka’ee Gaasara keessa bahee Gindhiir dhaqu Obbo Shimallis ni beeku yeroo sadii kontiraaktaraa kenname. Karaan sun cite Roobeefi Gindhiir walittidhufuu dadhabde. Sana akkam nuu gootan kan jedhu dhaamsa tokko.
Lammaffaan, industirii bareeda Magaalaa Roobeetti nuu dalagame, moroonni guguddoon achirra nuu dhaabata, qeeraafaan achirra nuu dhaabatu. Miidhaan keenyaan paastaa makoronooniifaan achitti nuu dalagama jennee ilil jenna. Sun maaliif akkasitti taa’e kan jedhu yaadachiisa.
Hirmaataa 2ffaa
Nageenyarratti rakkoo guddaa qabna. Waanti hojjetame kan milkaa’u, otoo nagaan jiraatee dachaa isa hojjetameetu hojjetama ture. Nagaarratti haa hojjennu. Obbolaan keenya maaliif qawwee walitti dhukaasu? Yaa jaarsolii of kennuu barbaada. Ijoollee baddaa keessaa galchuu barbaada. Mootummaan qofaasaa milkaa’uu hindanda’u. Jaarsoliifi abbootiin amantii bira goruu qabu.
Gama daandiitiin rakkoo guddaa qabna. Kan jiru kan yeroo Xaaliyaanii hojjetameedha. Karaan kun kan Naannoo Kibbaa dabalatee godinaalee afur walqunnamsiisa. Erga Itoophiyaa guddittii barbaadnee Oromiyaafi naannolee Itoophiyaa guddachuun dirqama. Waan afaaniin haasofnuu miti guddinni. Abbootiin Ortodoksii kana dhaga’aa. Maali rakkinni keessan? Abbootiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa tasgabbaa’aatii yaadaa, dubbadhaa, hojjedhaa.
Kanin Ministira Muummee keenya kadhadhu isinn yoomiyyuu ilma keenya, ilma Oromooti, ilma Jimmaa Abbaa Jifaari, ilma Itoophiyaati, leenca Afrikaati. Fuuldura imala keessanii nu qabdanii deemuuf kan dulloome akka abbaa keessaniitti, haadholii akka haadha keessanii, dargaggoota akka obbolaa keessaniitti ilaaltanii deemuudha furmaanni. Sanaan achi olaantummaa seeraatiin waa hunda kabachiisuutu barbaachisa.
Karaan Finfinneerraa ka’ee Asallaa geessu mijataa miti. karaansaa dhiphaadha. Erga guddannee kan konkolaata qofa otoo hintaane daandiin baaburaallee otoo nuu bahee hawwii qabna. Buufata xiyyaaraallee hawwii qabnaa kunis otoo nuu mijatee.
Biyya keenya kana dinqisiifachiise, akka addunyaan gara keenya ilaalu kan taasise waa’ee ashaaraa magariisuuti. Inni kun faalama qilleensaa addunyaa balleessee, addunyaana gara ittigararalu wallaalee mala dhabee ittirakkatu kana biyya keenyatti agaruu malli argamee kunoo biqiltuun dhaabatee guddatee faalama qilleensaatiin morminee addunyaallee kan baraarre taanee Itoophiyaan fakkeenya gaarii mul’atteetti. Kun waan daran nu gammachiisuudha. Addunyaattis nu mul’eseera. Kanaafis Waaqa galateeffanna. Warra kana gaggeessuurratti iddoo olaanaa fudhatan ministira muummee keenya ammoo guddisnee galatteeffanna.
Seenaan ittifufa kan jedhu barumsa guddaa arganneerra. Isa darbe awwaala miti. Isa gaarii fudhannee isa hamaa ammoo fooyyessinee akka ittijiraannuuf waan guddaa waan baranneef kanaafis galata guddaa dhiyeessuu barbaadna.
Rakkoon bardheengaddaa qonnaan bulaa mudate xaa’ootu yeroodhaan bira jhingeenye waan ta’eef haala arfaasaa baranaatiif akkuma yaalamaa ture xaa’oon otoo dafee qonaan bira qaqqabee gaariidha. Kanaanis qonnaan bulaan dafee facaafatee omishee bareeda. Xaa’oon bahee karaatti akka hinhafneef to’annoofi hordoffiin barbaachisaadha.
Ijaarsi daandii Naqamtee Bureefi buufata xiyyaaraa jalqabamee ture otoo cimee ittifufee. Akkasmas ijaarsi daandii asfaaltii Naqamtee-Sogee, Beenyaa Lataa kaasee hanga Shaambuutti, Shaambuu hanga Agamsaatti dhagaan bu’uuraa kaa’ameef otoo deemamee; ummanni isa gurraan dhaga’e ijaan arguu waan barbaaduuf.
Karaa kaaniin waa’een nagaa murteessaadha. Waa’eesaatiif hundi keenya nidhamaana, nihojjenna. Ministirri muummeenis ta’e pirezidaantiin naannichaa waa’ee kanaa kanaan dura irra deddeebiin dubbataa turtaniittu. Inni marii nagaa jedhamu jalqabameera. Inni jalqabame sun otoo garabal’inaan ittifufee nagaan keenya caalaatti deebi’ee waanti yaadame hojjetamuu danda’a jennee yaadna.
Meeshaalee mana qorichaa keessumaa meeshaaleen ‘MRIfi siitii iskaan’ jedhaman yoo waliin gahuun dadhabame bakkuma jeddugaleessa tokkollee otoo jiraatanii. Kunis wal’aanamtoota gara Finfinnee dabalee fagoo deemuurraa ni baraara. Ummatas rakkina jalaa baasa.
Jennata daaw’annee agarre. Waan akkanaa yeroo gabaabaa keessatti hojjechuun akka danda’amu hubanne. Amma booda waan Abiyyi hojjete hojjedhaa, irraa hingoriinaa lubbuu bultanii, bultanii. Hammeenya dhiisaa, hinhatiinaa. Haqaan deemaa. Hiyyeessaafi hiyyeettii walqixxeessaa.
Dinqisiifannaan ani qabu qaamaa pirojektii kana nihojjetamaa dhiisaatii hin yaadamne. Hojjetamuusaatiin otoo intaane haala qulqullina qabuufi yeroo gabaabaa keessatti naannoorrattis ta’e federaalarratti hojjete hunda keessan laphee koorraan baga Waaqni isin milkeesse, otoo oduudhaan hintaane hojjettanii mo’attanii addunyaa isinii mirkaneessen jedha.
Waan hojjennus waan raawwannus beekna. Ennaa kam kamiifi yoom akka hojjennus ni beekna. Ennaa barbaachisutti qabsaa’eera. Dhiigni lammii keenyaas lola’eera. Waan dhiiga lammii lola’eetiin argame kana ammoo tikfachuuf eenyumayyuu hingaafannu. Ijoolleen keenya gamaa gamana dhaabattan hamma Waaqayyo walitti isin fidutti nuti warri gorora liqimsineefi waan darbe keessa dabarre jecha araara buusu, walitti fidu malee haasa’uun nurraa hineegamu.
Finfinnee Oromoon handhuura keenya jedhee irratti dhumaa ture yeroo gabaabaa keessatti akkanatti jijjiiruun dinqiidha. Inni kaan waggoota 40, 27, 17 bulchee waan hinjijjiirre yeroo gabaabsuu kana keessatti yaada mo’ataa qabattanii hojii kana fakkaatu hojjettanii baga nu boonsitan Waaqni umrii keessan nuuf haa dheeressun jedha.
Pirojektonni akka biyyaafi Oromiyaatti hojjetaman abdii egeree Oromoon qaba namatti agarsiisa. Waantonni barbaadnu hundi gaafa tokkoon asfaaltii ta’ee hinargamu. Walgargaaruu, aarsaafi kutannoodhaan hojjechuu gaafata. Isa kanaaf karaa nutti agarsiisuu keessaniif galatoomaa.
Hoggantoonni gara gadii jirtan ammoo as kana fudhattanii Oromiyaatti babal’isuun barbaachisaadha. Yoo waan gaarii hojjetame gaariidha, yaraadhaan yaraadha hojjechuu dadhabne maalsaa walcinaa jirra. Waltakaaluu, duubatti walharkisuu, maqaa walxinneessuufi, walabaaruurraa maal arganna?
Doktar Abiyyi biyyuma Itoophiyaa jedhamtu tana eenyutu kan saba tokkoo taasise? Kan saba afaan tokko dubbatuu, amantaa tokko amanuu, eenyutu taasise? Warra ana malee jedhu kana akkamitti ofirraa dhoowwuu dandeenya? “Yoo isaan bulchan malee ni diigamti, yoo amantiinsaanii afaansaaniitiin lallabame malee biyyatu diigama” jedhu. Kana maal goonu? Abumti fedhe bahee nutti geeraruu hinqabu.
Tuffii Oromoof qaban alaa keessaa nutti labsanii nu abaaraa jiru. maal gooneet abaaramna? Ni laanneef, dinagdeedhaan biyya kana baannee deemne. Beekumsaan biyya kana hogganna. Maal isaan goonee nu abaaru? Nurraa adabachuu qabu. Miidiyaanumti keessaas ta’e alaa nutti duule kun nurraa adabachuu hinqabuu? Seerri addunyaa ta’ee biyyaa hinjiruu?
Maaliif haadha warraafi abbaa warraa walnyaachisu? Maaliif abbaafi ilmoo walnyaachisu? Abbootiin amantii as keessa jirtanis ta’e iddoo biraa jirtan akka kootti waantota lamatu isinii jira. Yookaan amantii keessan filadhaatii akkan nagaan bu’uuf Waaqa kadhadhaa.
Yoo nama siyaasaa ta’uu barbaaddan ammoo daandiinsaa bal’aadhaa ba’aatii siyaasa faana deema. Waan lama qabachuun hindanda’amu. Maaliif hojjetu, guddatu, maaliif biyyu kun akka addunyaatti beekamti warra jedhutu nutti bobba’ee kana nu gochaa jira. Isaan kun nurraa dhaabachuu qabu.
Nuti akka Oromootti nama, amantii hunda ni kabajna. Cimaa nu keessatti dhalates eenyuyyuu akka xuqu hinbarbaadnu. Hojiin misoomaa isin hojjettan ji’a lamatti, saditti, waggaa tokkotti xumurre jettu oggaa ilaallu, isa Waaqa qaqqabu kana. Oggaa gara keenyaatti gadi bu’e maaltu takaalaa? Karaan Amboo xumurame, karaan Walisoo garuu lafa jira, hinhojjetamne.
Mootonni darban karaa lixaa kana sirumasaa albuudaafi midhaan dabalatee waanuma nuti qabnu funaannachuu malee Buraayyuurraa kaasee magaalonni ittidhuftan hundi hunduu daalattiidha. Waanti misooma jedhamu tokkollee hinjiru. Ani natti ulfaata asittoo hojjettanii achitti maaliif hinhojjenne jedhee dubbachuuf.
Waan rakkoo ta’es nan qalbeeffadha. Garuu maal goonee keessa baana. Karaa gabaan Jimmaa hamma Gudaritti hojjetamuuf karoorfamus hinjiru. Ijaarsi daandii Gincii- Gindabarat akkuma jirutti dhaabate. Jallisii guddaan Faaxee Tokkee Kuttaayee keessa jiru hojiinsa hamma yaadne nu deemuu dide.
Gudar-Waayyuu-Fincaa’aanis akkasuma. Isaan kunniin rakkoo qabu haa kennu Doktar. Isuma Magaalaa Ambootti hanga Gudaritti hojjetamu dhimma nageenyaatti hinqabatamu. Isin gaafa hojii jalqabsiistan waggaa tokkotti xumuraa jettan. Waggaan lakkaa’ame. Maaltu harka qabe? Hojicha ilmi keenya, Shimallis akka duukaa bu’u nan beeka. Garuu nuu hubadhaa jedheen kaase.
Karaa lixaa kana warshaas ta’e industiriin wayii hinjiru. Yoo barate homtuu hinjiru. Kun rakkoodha. Namni hojii dhabee kuufame ammoo ba’aa biyyaa ta’a. Isa kanas hin yaadne jechu hindanda’u. Otoo waan hojjettan arguu nu gattaniirtus hinjedhu. Isa asiis isa achiis Shimallisuma faana waa ittinu yaadaa jechuu barbaadeeni.
Hammin odeesse kun kan milkaa’u yoo nageenyi biyya keessa jiraate waan ta’eef ijoollee keenya kan Waaqni nuu kenne nu gargaaraafi hojjetaa jirtu. Garuu hamma geenyuufi hamma qabnu hinbeeknu. Hamma bineensa lagaa hanqanneet namaan walnyaanna. Inni kunis Oromoofan qabsaa’a, sunis Oromoofan qabsaa’a jedha.
Oromoon kun lama miti, tokkichuma. Maaloo adaraa Waaqa isin uumee nagaa qawweedhaan otoo hintaane mariidhaan nuu fidaa. Otoo Oromoon tokko ta’ee, araaramee inni iddoowwan hundaa arraba baasee nutti lallabu kun achumatti dhaamaayyu. Ulaa qe’ee keenyaa saaqneet rakkachaa jirra. Doktar Abiyyi sammuun keessan pirojektota akkanaa yeroo gabaabaa keessatti hojjete Oromoo walittifiduu hindadhabuu Waaqaafi lafa faana araara nuu buusaa.
Mootummaan garabal’eessa. Araara nuu buusaatii Oromoo dhiphate, bahee ilmoosaa barsiifachuu, haadhaafi ilmoosaa awwaallachuu, gabaa bahee galuu, dhukkubsatee wal’aannachuu dadhabe nuu hiikaa. Warri iddoo nagaa jiru nagaadhuma ittifakkaata. Garuu miti. Isa kaleessaa dhiisnee gara fuulduraatti tokko taanee haa deemnu. Tokkummaa Oromoo itichaa, nuu fidaa. Yoo Oromoo keessatti nagaan argame Afrikaan bahaa nagaa taati.
Aanaan Boosat Shawaa Bahaatti argamtu aanaa rakkoof saaxilamteedha. Ummanni buqqa’aa jira. Sababiinsaas Minjaar Shankooraa Boosat Fantaallee naannawa finxaalleyyiif saaxilamaniidha. Gandi Borcataa jedhamu tokko 200 ta’u qabaa buqqa’eera. Horiin irraa oofamaa jira. Yeroo ilmi abbaa Gadaa, mootummaan Oromoo nu bulchu kanatti achitti Oromoon cabaafi du’aa jira.
Aanaan Fantaallee magaalaa wajjin gandoota 42 qabdi. Gandoota buqqa’antu caala. Rakkoo cimaa keessa jirra. Minjaar Shankooraa, Gandoota Kitichaafi Amooraa jedhamanitti gaararraa gadi dhukaafamee Oromoon dhumaa jira. Nuti garuu warra Boosan, Oolancitii keessa jiranitti hindubbannu, ni hammanna. Mee of haa beekan jenna. Kana garuu akka mootummaa federaalaatti nuu jabaadhaa. Mootummoonni naannolee lamaanis mari’adhaatii nagaa nuu buusaa. Namnis loonis duma jiru. Hojii gaarii hojjetaa jiru.
Oggaa nageeny jiru misoomni jira. Akka Godina Shawaa Bahaatti rakkoo cimaa keessa jirra. Kan hubatamuu qabu daandiin Adaamaa kaasee Jibuuti geessu wiirtuu biyyattiiti. Konkolaachisaatu qalamaa, du’aa, butamaa jira. Kunniin irratti xiyyeeffannaadhaan akka nuu hojjetamu. waa’ee nageenyaarratti nuu jabaadhaa.
Ibsaafi deebii Ministira Muummee
Yaadonni ka’an baay’ee namatti tolu. Waan nama gammachiisuufis otoo keessa oolee hinbadu garuu gaggabaabseetuman yaada kenna. Kanin jalqabarratti yaada irratti kennuu barbaadu waa’ee nageenyaati. Oromoon eenyummaasaarraa, aadaasaarraa, sirnasaarraa, amantaasaarraa ka’eeti kan dubbii ilaalu. Akkasumaan nagaa, misoomaa naa fidaa hinjedhu.
Gaafa waa’ee nagaa dubbatu aadaansaa koo, sirni koo abbootiin koo waa’ee nagaa maal jedhu jedhee ka’a. Nagaa hawwineef argachu hindandeenyu. Nagaan waan hawwiidhaan mirkanaa’u miti. Nagaan hojii barbaada. Oromoon sirna Gadaa keessatti oggaa waa’ee nageenyaa kaasu dubbiilee ijoo afur kaasa. Namni nagaa barbaadu, namni waa’ee nagaa hubatu, nagaan kan jalqabamu ofirraa waan ta’eef nagaa keessoosaa haa eeggatu jedha. Abbaan sun ollaafi obbolaa wajjin otoo hintaane ofumasaatii akka nagaa qabaatu. Kun maal jechuudha? Inni halkan dukkana keessa dhoksee hatu nagaa qabaachuu hindanda’u, ni fakkeessa malee.
Namni keessoosaatti nama jibbu fakkeessuu danda’a malee nagaa argachuu hindanda’u. Namni Oromoo Oromoorraa qoodaa uulu miidiyaarratti fakkeessuu danda’a malee nagaa argachu hindanda’u. Keessoon keenya qulqulluu hinta’u taanaan, keessoon keenya nagaa hinqabu taanaan hirribas hinqabnu, milkiinis hinjiru. Sirni Gadaa nagaan inn jalqabaa ofirraa ka’aa jedhan.
Nagaa lammaffaan kan ofii eeggatanii tikfsachuu dandeenyaan obbolaa wajjin, ollaan wajjin nagaan jiraatama. Ollaa nagaa ta’u baannaan nagaan uumamuu waan hindandeenyeef. Namni nagaa ofii eeggatee nagaa ollaa waliin eeggatu malee nagaa mirkaneeffachuu hindanda’u.
Nagaa sadaffaan uumama wajjini. Abbootii Gadaafi abbootii amantii ilaalaa. Oromoon kadhaasaa keessatti otoo waa’ee uumamaa hinkaasiin kadhatee hinbeeku. Sababiinsaas nagaa ofii keenyaa argannaan uumama wajjinis nagaa argachu qabna. Bishaan qulqulleessanii eeggachuu, baddaa ofi eeggachuu, ofii nyaatanii saawwan dagachuun ni ta’aa aadaa Oromoo keessatti? Hinta’u. Nagaan inni sadaffaan uumama wajjini.
Nagaa inni afraffaan Rabbi wajjini. Namni Waaqa wajjin nagaa hinqabaanne sadan jalqabaa milkaa’uu hindanda’an. Inni baddaa jirus, ala jirus, keessa jirus, aangoorra jirus nagaa barbaannaan inni jalqabaa ofirraa jalqaba.
Namoonni aangoorra taa’anii Oromoo isa rakkatee misooma gaafachaa jiru kana jijjiiramuuf hawwee halkanii guyyaa boo’aa jirurraa hatu nagaa argachuu hindanda’u. Foon nyaatee foon fakkaachuu danda’a malee nagaa hinqabu. Rafee hinbulu. Sababiinsaas waan raawwachaa oolu keessoonsaa ni beekakaa.
Oromoon lagaan walqoodaa, amantaadhaan walqoodaa, walirratti hojjechaa, waldiigaa oolu kun nagaa argachuu hindana’u. Oromoon tokko. Walqooduus hinqabu. Tokkummaa Oromoo eeggachuu hindandeenyu taanaan tokkummaa Itoophiyaa eeggachuu hindandeenyu.
Kanaaf biqiltuu kan jennu waan uumama wajjin nagaa ta’uu barbaadnuufi. Waan hojjenne hundarratti Rabbiin haa galatu kan jennu isaan alatt milkiin hinjiru jennee waan amannuufi. Waantota afran kanneenirratti hundoofneetu nagaa Oromiyaa ilaaluu qabna.
Waa’ee nagaa waantota baay’ee kaastaniirtu. Dhugaadha. Nagaan bu’uura. Bakka nagaan hinjirretti waa’ee misoomaa, waa’ee guddinaa, waa’ee tokkummaa dubbachuun rakkisaadha. Walnyaachaa waa’ee tokkummaa dubbachuu hindandeenyu. Garuu mootummaadhaa kan nagaa dhoowwachaa jiru? Nuyii kan hinbarbaadne? Mee jaarsoliin as keessa jirtan borii iftaan warra bosonaafi bakkeewwan gara garaa taa’ee mootummaa ofii, eenyummaa ofii arrabsaa jiru kana fidaatii nuti didnaan yeroos gaaffii kaasuu dandeessu.
Dhiyeenya kana Wallagga deemeen ture. Abbootiin keenya achii gaaffii kaasan, nagaa fidaa jedhanii. Nagaa jalqabnee jennaan ijoolleen maqaa Oromootiin qabsaa’an Oromoo wajjin nagaa fiduuf halkanii guyyaa diinota wajjin mari’atu. Eenyu wajjin akka mari’atan nutis nibeekna, jarris nibeeku. Ormaan mari’achaa maatii keessatti nagaa fiduun hindanda’amu.
Namni nagaa barbaadu yoo hanqinni jiraatellee keessoosaatti mari’achuufi rakkoo hiikkachuu kan qabu. Ani Ormaan mari’achaa as deebi’ee manatti nagaa fiduu hindanda’u. Rakkoo guddaa kan ture namoonni nagaaf deeman sun mariinsaanii orma wajjin ture.
Ormi ammoo nageenya keenya waan hinbarbaadneef gorsa jalaa gorsa. Isaanis isa qabatanii badan. Ammas gorsitanii deebifachuu dandeenyaan mootummaan qophaa’aadha. Waanti Oromiyaa keessatti ta’aa jiru waan nu balleessuuf nuti hinbarbaadnu. Maaf rakkattan, erga mari’attanii rakkinichi maalinni yoo jettan ummata keenya miti.
Namoonni siyaasa Oromoo oofan baay’eensaanii siyaasa adurree oofu. Adurreen ofii dhaltee otoo guddisuu qabduu ofumaa nyaatti. Oromoon dhalee guddisee namoota boru iftaan bu’aa naa buusu jedhee eeggatu warri siyaasa Oromoo gaggeessina jedhan nyaachuu baranii, nyaachuutti guddatanii ammas nyaachaa jiru. Waan haaraammoo hinse’inaa.
Hayilee Fidaa eenyutu nyaate? Ormatu nyaatee? Hayilee Fidaa nama Oromoof qabsaa’u duwwaa otoo hintaane sammuu addaa qabaatee nama rakkoo biyya kanaa hiikuu danda’u, isaa xiqqoo bahuu jalqabuu warri siyaasaa Oromo oofna jedhan ‘Hayilee Fidaa Oromoo miti killisiidha’ jedhan. Mucaa Arjootti dhalatee guddate. Maatiinsaa achi jiru.
Oromoo miti jedhan. Sannaayi Likkee eenyutu ajjeese? Baaroo Tumsaa eenyutu ajjeese? Oromoon xiqqoo keessaa ba’ee mul’achuu jalqabnaan kan koo miti jedhanii ganuu aadaa godhate. Xiqqoo baanaan cabsuu, akka adurree ilmoo ofii nyaachuu. Hanqinni jiraachuu mala.
Hanqina sana guuttatanii deemuurra ilmoo ofii nyaachuu aadaa godhanne. Hojiin agarsiisnaa haa dhiisnu jenne. Dubbachuu dhiisnee, marii dhiisnee hojiidhaan saba keenyatti agarsiisna jenne malee nagaa jibbinee miti. Nagaan jiraatu malee hawwiifi jalqabbiin keenya milkaa’uufi fiixaan bahuu hindanda’u.
Akkuma abbootiin koo jedhan Oromoon tokko ta’ee nagaasaa eeggannaan inni kaan ni tasgabbaa’a. Arrabni lafee lafee nyaata malee lafee hinqabu. Inni akkas nu rakkise foon fakkaata, fira fakkaata, qaccee cabsa, eenyummaa cabsa, lafee cabsa. Akka of gantan, of jibbitan, isin godha. Kana sirreessuuf isin waan baay’ee waan beektaniif rakkoo Oromoo hiikkachuun Oromoo harka jira.
Mee jara kaanis nus waamaatii gaafa nuti hinteenyu, hinmari’annu, jaarsummaa hinbarbaadnu jennu nu gaafadhaa. Bakka nuo qophii taanetti deemaa deebisaa Oromoon hinbarbaadu yoo ta’e rakkoo maalii qaba kaardii abbaa barbaaddan filadhaa. Humnaan ta’uu hinqabu jenne malee Oromoon Oromoo keessaa nama fooyyee qabu adda baafatee filachuu hindanda’u hinjenne nuti.
Nuti hindandeenyu taanaan abbaa barbaade filachuudha. Garuu tokkummaa keessan eegaa. Nageenya keessan eegaa. Oromiyaa keessatti hanga yeroo kanaatti karaa nagaatiin qabsaa’ee namni filannoodhaan mo’achuu ni danda’u, Oromoon Oromoo akka karaa nagaa hinqabsoofne ni daangessa jennee yoo dubbanne addunyaan nu amanuu hindanda’u.
Kun soba. Oromoon Oromoo keessatti karaa nagaatiin qabsaa’uu dhiisaatii warra nu abaaru wajjinuu taa’aa jirra. Yoom dubbannee beekna. Warra guyyaa guyyaadhaan bahee nu arrabsu yoo baanee dubbannee beekna. Haala baruun baay’ee barbaachisaadha. Oromoon gannaafi bona beeka.
Waan ganama oggaa qonnaaf bahu uffatu, subii solaachuu bahu uffatu waaree booda hinuffatum, yeroo filata mee. Yeroo qorraafi aduu beeka. Gannaafi bona qixxee hinuffannu, yeroo walfakkaatu hinbaanu. Yoom wayyaa akkamii akka uffannu nibeekna. Haalaafi yeroo hubachuun baay’ee barbaachisaadha.
Kaleessa jaarraa tokkoof bilisummaaf qabsoofneerra. Mirgaaf qabsoofneerra. Abbaa biyyummaaf qabsoofneerra. Amma gaaffii akkasii kaasuu hindandeenyu. Yeroon jijjiirameera, bari’eera. Amma gaaffiin keenya gaaffii haaraa ta’uu qaba. Achuma dhaabannee ammas waa’ee bilisummaa, waa’ee abbaa biyyummaa kaasna yoo ta’e kun duubbatti hafummaadha. Isa qabsoofnee mooneerra.
Abbaan koo sila maal jedhan? Biyya kana sabaafi amantaa tokkoof eenyu kenne jedhan. Oromootu kenne. Oromootu kenne abbaa koo. Oromootu waa hunda kan koo miti jedha. Adwaan, Itoophiyaan kan koo miti jedha. Oromootu kenne abbaa biyyummaasaa. Kan Adwaa waan yeroo sana hinjirreef haa dhiisnuutii baay’een keessan waraanaa Itoophiyaaf Somaaliyaa jidduutti adeemsifame hindhageenyee, hinbeektanii? Achi keessatti Oromoon hinduunee? Isa kaleessaa, bara Dargiin kaasaa jira.
Lafee ijoollee keenyaa achi jiru ganaa jirra. Kan duraa haa dhiisnu mee. Bara Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa walwaraanan anuu hirmaadheera. Oromoo meeqatu achitti hafe? Waaranuma dheengaddaarratti meeqatu hafe? Nideemnaa, ni injifannoon nidhufaa injifannoon kan koo miti jennee abbaa ittibarbaaddanna.
Qonna qofa miti waraanni biyya kanaa hirmaannaa Oromoo malee waraanamees injifannoo argamees hinbeeku. Garuu nuti abbaa biraa ittikenninee keenya miti jenna. Gabayyoon kan du’e Adwaarratti. Gabayyoon gaafa injifannoo sana du’e. Kan waraana Itoophiyaa gaggeessu Gabayyoodha, Gabayyoo Gurmuu.
Namicha waraana gaggeessaa deemee aarsaa ta’e injifannoo fide kan koo miti jennee abbaa biraa ittibarbaaddanna. Beektu biyya keenyatti namni xiqqoo waa horatee, suuqii xiqqoo qabaatee, daldala jalqabee wayyaa qulqulluu uffachuu jalqabnaan maal jenna? Maqaa ittibaasna. Namni daldalee waa argachuu danda’a jennee amanuurra namichi kun waa qaba jennee maqaa ittibaasna.
Isa duwwaa miti. Wayyaa adii uffatee baanaan maal taate, si jalaa xuraa’aa jennaan. Wayyaa adii jibbinam. Maali gurraacha hingodhattuu, adiin kun si jalaa xuraa’aa jennee yaadna. Aadaa kun nu keessatti guddachaa deeme. Isa jijjiiruutu rakkoo nutti fidaa jirra amma.
Kanaaf haala, yeroo barree adeemuun barbaachisaadha. Nagaa keenya deebifachuuf gama keenyaan qophiidha. Jaarsoliin biyyaa abbootiin amantii gahee keessan taphadhaa. Warri baddaa jirtanis ergaan kun isin haa ga’u.
Maqaa Oromootiin qabsaa’aa Oromoo saamuu, Oromoo ajjeesuu, akka Oromoon hinmisoomne misooma dhaabsisuun Oromoof qabsaa’aa ta’uu hindanda’u. Waa’ee misoomaa kaastaniittu. Eenyutu dhaabe nutu dhaabee? Namni Oromoof qabsaa’uufi Oromoof gaddu jiraannaan anaan waldhabuu danda’a. Shimallisiin waldhiibuu danda’a rakkoo hinqabu.
Qonnaan bulaa Oromoo joorsuun, ajjeesuun saamuun garuu sirrii miti. Nuti asii baanaan abdiin keenya ummata keenya malee godoo tokko hinqabnu. Jarri kuun baddaa taa’anii godoo baay’ee qabu as keessaa. Oromoon haqaafi mariidhaan waan amanuuf akkaawuntii keenyas haa ilaalamu, akkaawuntiin jaraas haa ilaalamu. Eenyu akka hattu ta’e, abbaa qabeenyaa akka ta’e adda baafadhaa.
Oromoof gadduun Oromo saamuu miti. Oromoof gadduun Oromoorraa nyaachuu miti; Oromoof hojjechuudha. Kana gochuuf yoo ga’ee keessan taphattan nagaan baay’ee barbaachisaa. Nagaa malee milkaa’u hindandeenyu. Nagaa baay’ee barbaadna. Nagaaf baay’ee kadhanneerra. Ammas kadhachaa jirra. Deebi’aa karaa nagaatti galaa, jaarmiyaa keessan ijaarradhaa. Yaada keessan qopheeffadhaa. Ummata keessanis karaa nagaatiin himadhaa. Waggaalamaa bari filannoon. Namichi har’a gale waggaa lama keessatti qophaa’ee yaada qabaatee jennaan mo’uu danda’a.
Nama ajjeesuurra waggaa shan obsanii filannoodhaan mo’achuu hinwayyuu? Amma Oromoon ofiin of bulchaa jira. Garbummaa keessa hinjiru. Dachee Oromoo, aadaa Oromoo, eenyummaa Oromoo ofii keenyaan tokkummaa keenya balleessu yoo baanneen ala ormi tuquu hindanda’u.
Oromoon abbaa biyyummaasaa deebiffateera. Ofin of bulchaa jira. Naannoosaa ofii karoorfate hojjetee hamma humnasaatti carraaqaa jira. Bara kanatti gaaffii akkasii gaafachuurraa isa hafe guutuuf yaada haaraa burqisiisnee qabsoo haaraa fiduun barbaachisaa natti fakkaata. Isaaf gama keenyaan qophii ta’uu akka hubattaniifi.
Inni lammaffaan misooma.Waa’ee misoomaa waan baay’ee kaastaniittu. Daandii, buufataalee fayyaa, jallisii, mana barumsaa, ibsaa, telee misoomni hamma eegametti naannoo keenyatti babaldhachaa hinjiru. Waan jalqabdan qabdu garuu gahaa miti, dhugaadha gahaa miti.
Tokkoffaa waraana keessa jirra. Erga dhufnee as waraanni dhaabatee hinbeeku. Harka tokkoon waraanaa harka biraatiin ammoo misoomsuuf yaalla. Waan waraana keessa jirruuf hamma barbaadne fiiguu, hamma barbaanne hojjechu hindandeenye.
Lammaffaan dhukkuba. Koronaan tureera nibeektu. Miidhaansaa salphaa hinturre. Kana keessa waan turreef hamma barbaadne hojjechuu hindandeenye. Garuu yoo Oromoon dhugaatti tokko ta’e, isin yoo akka Oromootti yaaddu ta’e, Wallaggi hinmisoomu taanaan Oromiyaan jijjiramuu hindanda’u. Kanaaf jennee daandiin yoo xiqqaattee qarshii biiliyoona 25 ta’uu Wallaggaaf karoorsinee hojii jalqabnee turee. Socho’uu hindanddeenye. Rakkoon Wallaggaa inni jalqabaa daandiidha. Maaliif waa’ee biqiltuu, waa’ee bunaa kaasuu hindandeenyu. Laftisaa lafa magariisa bareedaadha. Bishaanis qaba. Yoo daandii argate waan qotate albuudasaas, yoo qonnasaas gabaatti baafachuu danda’e waan jijjiiramuu danda’uuf xiyyeeffannaan keenya daandii ture. Kana caalaa baay’ee kaasuun danda’a garuu yeroon waan hingeenyeef nandhiisa.
Baale biyya guddaa, biyya bareeda. Biyya Oromoof, Itoophiyaaf dhisaatii kaaniifuu ta’uu danda’uudha. Rakkoon Baalee keessa jiru tokko akkuma Wallaggaa san daandiidha. Lammaffaa seenaa Musliimaa keessatti Makkaatti aanee akka Addunyaatti seenaa guddaan jiru Baalee keessa. Dhokatee jira.
Baale madda Oromummaatti. Maddi keenya ammoo dhokfamee jira. Madda sana baasuun kan abbaati. Qonnaan, albuudaan, seenaadhaan, Baale Oromoorra darbee Itoophiyaayyuu kan boonsuudha. Ummanni Baalee waan nagenyasaa eeggachuu danda’eef hamma ta’e, hamma dubbatamee miti, dhibbantaa shan, kudhan kan taatu jalqabnneera. Baaletti yoom hojjenne, maaltu hojjetame? Reefu jalqabaa jirra. Baaletti hamma hojjechuu qabnu yoo hojjenne Oromiyaan hinbeela’u. Ganaadha, waan xiiqqoo jalqabne. Maaf jalqabne nagaa waan qabaniif. Rakkoon Harargee inni guddaan bishaani, jallisiidha. Ummanni Harargee hojiitti hinhamatamu, hinkomatamu, nihojjeta. Garuu bishaan hinqabu.
Jallisiin mootummaa naannoo Oromiyaa waggoota sadan darban hojjete mootummaan Itoophiyaa waggaa 100tti hinhojenne. Harargeefi Baaletti meeqa hojjenne? Garuu Oromoof nigahaa? Oromiyaan baldhaadha, biyyaa guddaadha Oromiyaa jechuun. Biyya guddaa kana waggaa shan keessatti jijjiiruun hindanda’amu. Bu’uuraafi jalqabii gaarii kaa’uun nidanda’ama. Tiraanisformi gochuun hindanda’amu. Yeroofi maallaqa barbaada.
Boorannis yoo bishaan argate dacheensaa saawwan, loon duwwaa miti. Ummata Oromiyaa walakkaa ol nyaachisuu danda’a Booranni. Dacheen Booranni qabu dachee addaati. Bishaan duwwaa dhabe. Hamma ta’e Gujiin waan Booranarraa fooyya’e qaba. Gama albuudaafa’iin. Garuu achitti moo nageenyi rakkoodha. Rakkoo bishaan Booranaa hiikuuf faggoo deemne. Booranaaf bishaan geessuun waan salphaa isinitti hinfakkaatiin. Maallaqa guddaa gaafata.
Garbummaa maaliif jibbee Oromoon, maaliif jaarraa tokkoof qabsaa’e? Maaliif boo’ee, maaliif kanaan dura du’aa ba’e Oromoon? Oromoon jaarraa tokko guutuu qabsaa’aaafi du’aa kan tureef yoon bilisummaa, nagaa argadhe misoomee jijjiiramee ijoolleen koo biyya ormaa deemuurraa haftee biyya gaariin horachuu danda’a jedheet qabsaa’aa ba’e malee waan suusii addaa qabuuf miti kan du’aa ba’eef.
Garbummaa jibinne sana bilisummaa hawwinee sana erga qabsoofnee argannee booda abbaa biraa ittibarbaadanne kan koo miti jechuun immoo aadaa nuu malu miti. Kana of keessaa balleessuun baay’ee barbaachisaadha. Kanaaf nagaafi misoomni waliin adeemu. Rakkoo yaadaa hinqabnu, gargaarsa ummata keenyaa jiraannaan Oromiyaa jijjiiruun baay’ee rakkisaa miti.
Hanga ammaa kan rakkanne gargaarsa. Gargaarsa jechuun warra bosona jiru duwwaa miti, asis baay’ee rakkanne. Yeroo rakkatu, yeroo hidhamu, yeroo biyyaa ari’amu abbaa qabeenyaa Oromooti.
Yeroo biyyatti deebisnee hojii ittikenninu Oromoo saama. Daandiin sila ka’aa ture kan hojjetamu Oromoodhaani. Yeroo rakkatan waan Oromoo taaneef rakkanne, hidhamne jedhu. Gaafa koottaa hojjedhaa jennee hojii ittikenninu Oromoo qorqanii hojii waggaa lamatti raawwachuun irra jiru waggaa kudhan teechisu.
Tokko rakkinni keenya abbootii qabeenyaa maqaa Oromootiin daldalaniidha. Lammaffaa Oromoofin qabsaa’aa, bilusummaa Oromoof, godina Oromoof kan akka koo Oromoon eenyu? Kan kee xinnoo nama shakkisiisa, Oromoo tokkoffaan ana jedhee dhufa. Aangootu itti kennama.
Torban tokko hinturu xiyyeeffannaansaa karabaatiisaa, uffanaasaa, nyaatasaa, obboleessasaa, eessumasaati. Oromo isa tokko dhiiseetuu maatiitti gala. Hattuudha. Hattun biyya misoomsu hindanda’u. Lafa Oromoo gurguraa ba’a. Lafa Oromoo gurguraa Oromoof qabsaa’un soba. Kun Oromof hinfayyadu. Oromoof kan fayyadu ganda keessa deemanii hojii hojjechuudha.
Jaras rakkanne, abbaa qabeenyaas rakkanne. Warra bosona jiranis rakkanne. Afraffaa isin rakkanne; jaarsolii biyyaa. Dhaabattanii kun sirrii miti, situ balleessaa jira jechuu dhiistaniitu atis dhiisi, atis dhiisi jettu. Kun maal jechuudha? Yoo nuti dogoggore, baleessine balleessaa jirtuu karaatti deebi’aa, yoo inn kaan balleesse itti himuudha.
Ani irra deddeebi’een kaaseer waa’ee hattummaa. Namoonni Jimmaarraa dhufan jiraachuu danda’u, abbaan barbaaddanis deemtanii ilaaluu dandeessu. Manni abbaa Fiixaas manni harmee koos hamma ammaatti dhoqqee wajjin jira. Abbaan barbaade deemee ilaaluu danda’a. Ani kanan qabsaa’e abbaa koof, haadha koofi obboleettii koof miti.
Warra hattoota, hattoota jedhaa itti himaa. Warra hojjetuun hojjetaa jirta jedhaa itti himaa. Warra balleessan balleessitan jedhaa itti himaa, jaarsi akkasii. Maaliif jaarsi biyya keenyaa duubattin deemaa jiraa, boolli kiyya qotameeraa, kana booddee sobuufi fakkeessuu hindanda’u, gara haqaan deemaa jira jedha.
Maali jireenyi addunyaa kanaa maal nu fayyada? Gatii itti hinbaasnu taanaan. Haqa dubanneefi hojjenne deemuu wayya.
Oromon safuu qabaa, safuu sana eeggachuun barbaachisaadha. Nuti yaaddoo hinqabnu. Maaliif yaaddoo hinqabaanne yoo xiqqaatee xiqqaate haqaan hojjechaa waan jirruuf rafnee bulla. Maaliif yoo jettan kan baranne, hinhatiin haqa namaa eeggadhu, qalbii qulqulluudhaan hojjedhu, Rabbi kee hindagatin. Kana gootee jennaan balballi banamaadha. Asis rakkannee hinjirru rafnee bullaa, gaafa deemnus bakka qabna nuti.
Dubbii sadaffaan amaanaa guddaa wajjin isinitti himuu waa’ee kadhataafi beelaati. Waa’ee beelaa dubbachuun Oromoorraa hinbareedu. Kadhataa arguun Oromoorraa hinbareedu. Waa’ee Finfinneefi Itoophiyaa dhiisaa. Warri Naqamteerraa dhuftan Naqamtee keessa kadhataan tokkollee akka jiraatuuf eeyyamuu hinqabu. Maaliif kadhata hojjetee, qotee hin nyaatuu? Naqamte magaalaa keenya keessatti kadhachuun hindanda’amu, dhorkaadha jedhee labsuu qaba. Kan Roobee, Aggaaroos, kan Harargees akkas gochuu qabu. Kadhachuun nama cabsa.
Lammaffaan beela. Rakkoon xaa’oofi teknolojii jira. Garuu Oromiyaan qotee of nyaachisuuf waan hinrakkanneef Baale, Arsiin, Wallaggi, Jimmi haa qotu. Bakka hir’atetti guunnee akka naannootti namoota seeftineetiidhaan, kadhaadhaan jiraatan bilisoomsuu qabna. Nama kadhatu hammannee waa’ee bilisummaa dubbachuu hindandeenyu. Of danda’ee, qotee, dhama’ee, dafqeen jiraadha, kadhadhee hinbulu jennaan Oromiyaaf bilisummaa dhugaan isa.
Kadhaafi beela ofirraa tiksuu akka dandeenyuuf gahee keessan taphadhaa. Waa’ee xaa’oo barana nifooyya’a. binneerra, baay’eensaas galaa jira. Hattummaa eeggannaan rakkoo ta’a jedhee hin yaadu. Maallaqa guddaa ittibaasna. Baay’ees ittidhamaana. Barana fooyyee qaba jedheen yaada.
Amma ni ilaalla. Ammas Oromiyaatti waa’ee xaa’oorratti yaadamuu kan qabu xaa’oo binnee fidna. Xaa’oo omishuu hindandeenyu. Biyyi tun warshaa xaa’oo omishu hinqabdu. Oromiyaan kompostii babal’isuu qaba. Hamma omishuu dandeenyutti kompostii babal’isuu qabna. Xaa’oon dhufu bartokko ni fayyada oolee bulee garuu dachee keenya nyaachaa waan deemuuf waan nu fayyadu miti.
Ammaaf nama quufsaa boru iftaan garuu beela fida. Kanaaf xaa’oo hir’isaa kompostii bal’isaa deemuu akka dandeenyutti waanti Oromiyaatti jalqabame jiraa garuu cimee ittifufuu qaba. Oromoon miiraan, aariidhaan, laphee ofii banatee kennuudhaan jaarraa tokko tureeram.
Kana booda miirri hinbarbaachisu. Kan barbaachisu bilchina. Miira gadiqabnee bilchinaan dubbii ilaaluu. Oromoon rakkoo tarsiimoo hinqabu jedhu. Tarsiimoo jechuun waan waggaa shan kudhan boodaaf ta’u yaaduu jechuudha. Oromoon tokko ta’uu qaba. Bilisoomuu qaba. Of danda’uu qaba. Ofiin of bulchuu qaba. Kun waan gaariidha.
Akkamitti kun dhufaa hinbeeknu. Taaktikiin hinjiru. waan guddaa achi kaawwateetu akkaataa kamiin kun milkaa’uu akka danda’u tooftaan hinjiru. Tooftaa malee tarsiimoo milkeessuun hindanda’amu. Yeroo baay’ee qabsaa’ota, hayyoota Oromoo teechistanii otoo mariisistanii tooftaarratti malee tarsiimoorratti guyyaa tokkollee gargar bahanii hinbeekan. Tooftaan baay’ee murteessaadha. Tooftaan bilchina malee dhufuu hindanda’u. Bilchinni ammoo akkuma aadaa Oromoo hammachuudha, guddifachuudha, jaalachuudha, isa beela’e nyaachisuudha.
Maaliif yoo jettan abbootiin keenya guddifachuu aadaa godhatanii kan nu barsiisan waan gowwaa ta’aniif miti. waatu galeef. Namni ni deema ni dhufa. Inni deemus ta’e dhufu ormas ta’u danda’a.
Waan nama ta’eef ofirraa dhorkuufi ajjeesuurra kan ofii godhachuu wayyaadha. Afaan, aadaa barsiifannee kan ofii gochuun nidanda’ama. Natti hindhufiin jechuunis hindanda’amu. Sitti hindhufu jechuunis hindanda’amu; walkeessa deemaa oola waan ta’eef.
Ammas guddifachuu, ammas gargaaruu, amams hammachuu. Aadaa keenya yoo ta’e tikfachuu qabna. Kan ergifanne yoo ta’e gaafa namni nu arrabsu, lolu ni jijjiirama jechuudha. Guddifachuun, hammachuun, dhiisuun eenyummaa keenyamee. Kun waan keessaa maddu waan ta’eef gaafaa alaa ollaan, ormi nu arrabsu, yaadota gara garaa kaasu waan jijjiiramu ta’uu hinqabu. Kana eeggachuun waan hunda keenyarraa eegamu natti fakkaata.
Namni miiraan deemu nama jijjiiruuf rakkata, dhama’a, qabsaa’a. Nuti nama jijjiiruuf hinqabsoofnu; yaada namaa jijjiiruuf qabsoofna. Uumamni namaa baay’ee rakkisaadha. Nama tuffachuun hinta’u. Haa baratuu haa dhiisu, haa dulloomuu ijoollee haa ta’u namni namumaa uumaa Waaqaa waan ta’eef keessatti waan beeku beeka.
Namicha jijjiiruuf dhama’uurra yaadasaa jijjiiruuf dhama’uu wayya. Yaada jijjiiruuf dhama’uun ammoo barsiisuu barbaada. Obsa barbaada. Kan dubbatanirra hojjetanii agarsiisuu barbaada. Sababiinsaas qalbiin namaa adeemsa keessatti kan dhaga’urra gaafa ilaalaa deemu jijjiiramuu waan danda’uuf. Qalbii namaa jijjiiruun akka yaada jijjiiruu salphaa miti.
Yaadasaa yoo ta’ehoo har’as nan kaasaaf boris nan kaasaaf iftaanis nan kaasaaf dhumarratti guyyaa tokko jijjiiramee dhufuu danda’a jedheen abdiidhaan eeggadha. Kana kan gochaa jirru. Guyyaa tokko nigalaaf, guyyaa tokkoon hinjijjiiramu. Yaadarratti xiyyeeffachuu nuu wayya. Nama jijjiiruun hindandaa’amuu jenneetu hanga ammaa kan waliin rakkachaa jirruuf.
Yaada namaa jijjiiruun yeroo fudhata. Misoomni yeroo fudhata. Dhamaatii kana keessatti hamma danda’ametti waan qabatamaa seenaaf ta’uu danda’u, kan ijoolleen keenya itti boonan goonee darbuuf immoo ni yaalla.
Shanaffaan qorumsa amma jiru. Qoramuun bitaa mirgaa jiraa akkamitti darbuu dandeenya? nu arrabsanii, abaaranii, maa nutti dhufu yaadni jedhu waan ka’eef . Qoramuun namni barumsa hinbarannee waggaa guutuu mana barumsaa deddeebi’ee, kutaa keessa taa’ee barumsa hinbarannee gaafa dhumaa manaa waamnee qorannaan har’a waan ta’eef taa’i hinjennum isa barate adda baasnee, mallattoo eenyummaa gaafannee, barachuusaa mirkaneefannee qoranna.
Qoratamuuf barachuun barbaachisaadha. Akka mootummaatti qoratamuuf waan qabatamaa, yaada qabatamaa waa jijjiiru qabaachuu qabna. Waan yaadnuuf, waan beeknuuf, waan dandeenyuuf nu qoraa jiru. Osoo tuffiin jiraatee nun qoraniim waa jirtiif nu qoraa jiru. Waa jirtiin sun garuu mirkanaa’uu kan dandeessu yoo moonee keessa baanee sodaan sun dhugoomeedha malee akkasumaan qoramaa jirra jennee yaadofnee duubatti hindeebinu.
Namoonni baay’een maal yaaduu arrabsinee arrabsinee abdii kutatanii dhiisanii deemuu jedhu. Waggaa 30 guutuu waa meeqa keessa dabarree amma arrabaan deemnaa. Maaf akkasitti yaaduu akkatti guddanneefi keessa dabarre hinbeekan. Biyya gara garaa keessa teenyee waa dubbanneef hawwaa waan jirru itti fakkaata. Miti rakkoo keessatti guddanne. Kanaaf, waan dhaga’uu qabnuufi hinqabne addaan baasnee beekna.
Warri arrabsinee, sodaachisnee, yaaddoo keessa galchinee ofiifuu dhiisanii hinbadu jedhanii yaadan gaafa akka mikaa’uu hindandeenye baran keessaa nu arrabsiisu. Kan ormaa mitiim kan nu gubaa jiru isuma keessaatiim.
Inni keessaa meeqa nu arrabse? isa keessaa haa sirreesinu isa kaan dhiisaa. Abbaan abaaruuf uumame haa abaaru, inni hojjechuuf uumame haa hojjetu. Abbaan sirbuuf uumame haa sirbu. Maaliif dhaggeeffattu. Ani dhaggeeffadhee hinbeeku takkaa.
Yoo waan barbaannu mirkaneessuu barbaannaan garaa bal’achuu, dubbii dabarfachuu, dubbii dhiisuu, kaayyoo keenya isa guddaa sanaaf waantota xixiqqaa dhiisuun barbaachisaadha. Namni kan barbaadu kaayyoorraa jallannee bitaa mirga akka ilaalluufi. Isa dhiisnee kaayyoorratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.
Waa’ee amantaa namoonni amantaa da’oo godhatanii dubbii gara garaa kaasanirratti kan ka’eef ani abbootiin amantaa Ortodoksii, Musliimaa ykn Pirotestaantii rakkoo waan qaban natti hinfakkaatu. Abbootiin amantaa Ortodoksii rakkoo tokkoyyuu hinqaban.
Namoonni dirree siyaasaa dadhabanii karaa kanaan waa argadhaa laata jedhanii maqaa Ortodoksiitiin daldalan jiraachuu danda’u. Warra siyaasa qabutu dirree siyaasaa dadhabee asiin dhufaa jiraammoo deebi’ee Ortodoksii jechaa jiraan ala Ortodoksi wajjin rakkoo hinqabnu.
Musliima wajjin rakkoo hinqabnu. Musliimas haa ta’u Pheenxee, Ortodoksii dawoo godhatee namni siyaasa hojjetu garuu abbaa siyaasaa jennee ilaalla malee amantaa waliin walqabsiisuun sirrii miti.
Duraan dursa namoonni kun amantaa qabuu? Namni amanu safuu qabaam. Afaansaatiin nama amanu dhiisaatii namni balbala amantaa ga’ee hinbeekneyyuu areeda baasnaan of eeggachaa dubbata. Namoota akkasii jarri kun ortodoksiidha jarri kun muslima jechuun sirrii miti.
Itoophiyaa baay’ee jaalanna. Maaliif dhiigni abbootii keenya karaa bahaafi kaabaa lafeensaanii waan jiruuf tokkummaa Itoophiyaatiif nihojjenna. Abbootiin keenya itti du’aniiru. Tokkummaa Itoophiyaa nuti barbaannu garuu walqixxummaa, walkabajuudha. Nuti garbummaaf qophii miti, ittijiraanne, nuffine, dadhabne. Garbummaatti deebi’uuf nuti qophii miti, ijoolleen keenyas akkasuma.
Namni biyya kana keessati walqixxummaaf ofiin of bulchuu aadaa eenyummaa keenya eeggatee nu wajjin jiraachuu barbaadu hunda wajjiin karaa nagaafi jaalalaan jiraachuuf qophiidha. Fedhiin keenya isa. Ati Amaara, Tigreedha, Walaayittaadha, Guraageedha ajandaa keenya miti kun.
Kanaaf egaa seenaa tokko tokko Oromoonis maaliif seenaan abaluu ka’a, maaliif bakki akkasii kun sirra’aa jedhu. Itoophiyaa keessatti hirmaannaa Oromootiin ala seenaan hojjetame tokkoyyuu hinjiru. Seenaan nu hinilaallanne waan hinjirreef haaressina. Keenyaa jennee waan yaadnuuf keenya jechuun warra kaaniin keessan miti jechaa hinjirru nuti. Gaafa Oromoon keenya jedhu kan waliiniti jechuudha malee kan Oromoo duuwwaa jechuu miti. Sanas sanas keenya jettu jedhu dhugaadha keenya.
Yeroo keenya jennu, nuti biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti ga’ee qabna, achi keessa jiraannaa, kan koofi kan kee jechuudha. Warri kan koo baran hinrakkatu, keenyaa kana hinjaalatan. Garuu kan waliiniiti. Waliin hojjennee, waliin ijaarree, waliin eegnee, dhiigaafi maallaqa keenya ammas waliin eegganna. Walqixxumaadhaan walkabajnee karaa seeraafi nagaatiin waliin jiraanna. Kanaan ala wanti ta’uu malu kana booddee baay’ee abdii kan qabu natti hinfakkaatu.
Akka waliigalaatti rakkoon Oromoo bilisummaaf qabsaa’uu miti. Rakkoon Oromoo gadadoo, gadaantummaafi dhiibamuu jibbuu miti. Dhiibamuu sana jibbee aarsaa of gochuufis rakkoo hinqabu. Oromoon nqabsaa’a. Rakkoon Oromoo erga bilisummaa argatee booda, erga abbaan biyyummaasaa mirkanaa’ee booda muuxannoos ta’u danda’aa, amantaa waliraa dhabuus ta’uu danda’aa, sirnaan walbeekuu dadhabuurraanis ta’uu danda’aa waliin dhaabbatanii bilisummaa argame tikfachuu, olfachuu, bulfachuudha rakkoon keenya, Isarrati haa hojjennu.
Oromoof qabsoon barbaachisu amma bilisoomuuf miti. Bilisummaa sirnaan bulfachuufi tikfachuuti. Kanarratti jaarsoliin, abbootiin amantaa, dargaggoonnis hojjechuu qabdu. Kana goonaan gama keenyaan addunyaan baay’ee dubbachaa jirra. Waggaa kudhan, 15, 20 keessatti gaaffiifi shakkii tokko malee badhaadhinni Itoophiyaa, Itoophiyaa keessatti osoo hintaane addunyaarratti kan mul’atu ta’a.
Waan jenne, jalqabne hunda nifixnaa. Waan jalqabneefi jenne kan fixnuuf humnaafi qabeenya addaa waan qabnuuf miti; laphee qulqulluu waan qabnuuf, Rabbi waan nu gargaaruufi.
Dhufuun keessan baay’ee na gammachiiseeraa ulfaadhaa!
Kutaa Qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016
7 Comments to “Marii Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) qaamolee hawaasaa Oromiyaa wajjin taasisan”
Comments are closed.