Injifannoo Adwaarratti duudhaa kabaja fardaafi gumaachasaa

Guuboon jechaa Afaan Ingilizii Oksifoordi jecha Farda jedhu beeylada manaa biqiloota sooratu, qaamaan guddaa, kottee jabaa qabu, garmaamu, ba’aa baachuufi gaarii harkisuun tajaajila hawaasaaf kennu jedhee hiika.

Walittidhufeenya Oromoofi farda gidduu jirurraa kaanee oggaa ilaallu Oromoo biratti fardi hiikaafi kabaja addaa qabaachuu hubanna. Gaaffiilee hariiroon Oromoofi farda gidduu jiru maalfakkaata? Oromoo biratti fardi akkamitti ilaalama jedhaniifi kkf feestivaalli 3ffaan gugsii fardaa Oromiyaa Amajjii 25fi 26 bara 2016 26 Godina Shawaa Kaabaa, Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti gaggeeffame deebii qabaa dubbisa gaarii.

Magaalaan Sandaafaa Bakkee Finfinneerraa kiiloomeetira 40 fagaatti. Anis garee ogeessota miidiyaalee oolmaa feestivaalichaa gabaasuuf magaalattiitti yeroodhaan argameera. Yeroo magaalattii qaqqabu daandiiwwan magaalattii konkolaataa, baajaajiiifi gaangee gaarii harkisu dabalatee hawaasaaf tajaajila geejjibaa kennaa jiru.

Caasaaleen gaachana sirnaa magaalattiis nageenya kabachiisuuf osoo asii achi jedhanii mul’atu. Namoonni uffata aadaatiin faayaman, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, bulchitoonni magaalaafi hoggantoonni Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa argamaniiru. Akkasumas dorgomtoonni feesitivaalichaa fardeensaaniirra ta’anii oggaa dirree dorgommiirra asii achi socho’an waan Adwaatti duuluuf ka’an fakkaatu.

Naannoon galma sagantaan ittigaggeeffamus barjaalee ergaa ayyaana gugsii fardaa Oromiyaa marsaa 3ffaa dabarsaniifi suura fardeen garmaamaniin faayamee keessumoota simateera. Erga hirmaattonni sagantichaa bakka qabatanii booda akkuma aadaa Oromootti mariin paanaalii qophaa’e eebba abbootii Gadaatiin baname.

Kantiibaan Magaalaa Sandaafaa Bakkee Obbo Alamaayyoo Tonkoluu haasawa baniinsaa taasisaniin waa’ee hundeeffamaafi sadarkaa guddina magaalattii akkasumas farda Salaalee ibsaniiru. Akka ibsasaaniitti, Bulchiinsi Magaalaa Sandaafaa Bakkee bara 1928 hundaa’uun bara 1974 mana qopheessaan buluu eegalte.

Bara 1996 riifoormii magaalaatti hammatamuun bara 2015 irraa kaasee murtee mootummaa naannoo Oromiyaatiin sadarkaanshee guddatee ittiwaamamnishees naannoo ta’eera. Hawaasni magaalattiifi naannawashiis seenaa qabsoo weerara diddaa koloniirratti injifannoo Itoophiyaan galmeessiste keessatti fardeensaaniin maqaa olaanaa qabu.

Keessumaa weerara Xaaliyaaniin bara 1928- 1933tti Itoophiyaarratti raawwatterratti gumaachi gootota Oromoofi fardeen Salaalee bara baraan kan yaadatamuudha. Qabsoo diddaa koloniirratti taasifame keessatti gumaachi fardeen Oromoo olaanaa ta’uus seenaan dhugaa ba’a.

Kanaafis, “Jimaan Sanbatee boora kaachisee leenca faranjii ijibbaachise” jedhamee weelliffame. Walittidhufeenyi dhala namaafi fardaa waggoota kumaatama lakkoofsisus hariiroon Oromoon farada wajjin qabu garuu guyyuma sabichi lafa kanarratti uumamee kaasee akka ta’etu himama.

Kanaafis, fardi jireenya hawaasdinagdee Oromoo keessaa keessumaa gaafa cidhaa, gaddaafi lolaa irraa adda ba’ee hinbeeku.

Waa’ee farda Oromoo waan baay’ee jechuun danda’amus injifannoon Adwaa farda Oromoo malee kan hin yaadamne ta’uu seenaatu dhugaa ba’a. Feestivaalli gugsii fardaa tibbana Sandaafaa Bakkeetti gaggeeffames walittidhufeenya Oromoon farda waliin qabu cimsuun dhalootatti dabarsuuf akkasumas, aadaa laafe bakkatti deebisuuf shoora olaana qaba.

Dirreen gugsii fardaa magaalattiin qabduuf bu’uuraalee misoomaa guutuun akaakuuwwan ispoortii garagaraa duudhaa fardeenii hawwata turizimii taasisuuf Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa xiyyeeffannaadhaan akka hojjetuudha Obbo Alamaayyoon kan ibsan.

Afyaa’ii ittaanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Ummataa haasaa sirnicharratti taasisaniin, mootummaan naannoo Oromiyaa aadaa, duudhaafi seenaa ummata Oromoo sirnoota darbanii haguugamee ture duudhaasaanii eeggattanii akka dhalootatti darbaniif xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeran. “Oromoof fardi waan hunda. Fardi gaafa gaddaa, gammachuufi lolaa Oromoorraa adda ba’ee hinbeeku. Walittidhufeenyi Oromoon farda waliin qabu olaanaa ta’uu seenaatu dhugaa ba’a” jedhan.

Bu’uura bilisummaa saba gurraachaa kan ta’e injifannoo Adwaa keessatti shoorri fardeen Oromoofi gootonni Oromoo walfaana ka’uudhaan Itoophiyaanis akka hinkoloneeffatamne taasiseera jedhan.

Kanaaf, dhaloonni haaraas aadaa gootummaa Oromoofi fardeensaa akka dhaaluuf mootummaan hojii bal’aa hojjetaa jira jedhanii, gugsii fardaa madda hawwata turizimii addunyaa taasisuufis feesitivaalli gugsii fardaa marsaa 3ffaa Oromiyaa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti geggeeffame jalqabbii gaarii waan ta’eef hunduu gumaacha irraa eegamu akka ba’u gaafataniiru.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Daraaraa Katamaa gamasaaniin ummanni Oromoo ummata duudhaa, aadaa, safuufi safeeffannaa bal’aa qabuudha jedhanii, sabichi kana qabatee sirna dinagdeefi siyaasasaa karaa guutuu ta’een geggeeffataa turuufi ammas, geggeeffataa jira jechuun ibsaniiru.

Ummatichi beekumsa xabboo sirna Gadaarraa dhaaleen kabajaafi safuu beeyladaafi biqilootaa qabaachuus eeranii, keessumaa kabajniifi safuun inni fardaaf qabu olaanaadha jedhan.

“Kabajni, safuufi duudhaan Oromoon beeyladaafi biqilootaaf qabu Itoophiyaan qabeenya beeyladootaatiin Afrikaatti sadarkaa jalqabaa akka taatuuf gumaacha olaanaa qaba. Loon, farda, harree, gaalaafi re’eefaa beeylada Oromoodhaan daran kunuunfamanillee fardaaf iddoo guddaa qaba.

Fardi gaafa jilaa abbaa Gadaa baatee bakka jilaa geessa. Guyyaa lolaa lolchiisee loluudhaan jiruufi jireenya hawaasa Oromoo keessatti gumaacha olaanaa qaba. Kanumarraa ka’uun Oromoon fardaaf seera tikaa tumee, yoo miidhame gumaan akka kaffalamuuf ta’eera. Sabichi akka dhalasaatti fardaaf maqaa moggaasuun faayee cidhaafi gaddarratti waliin bobba’a. Hariiron Oromoofi fardasaa gidduu jiru hariiroo abbaafi dhalasaa gidduu jiruun adda miti. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas duudhaafi aadaa Oromoon fardasaa waliin qabu deebisuun dhaloottatti akka darbuuf feestivaalli gugsii fardaa geggeeffamaa jira.

Kana malees madda dinagdee ta’ee jiruufi jireenya ummatichaa akka utubuuf biirichi xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jira. Qooda fudhattoonni feestivaalichaafi hawaasni duudhaafi aadaan Oromoon farda waliin qabu madda dinagdee ta’ee irraa fayyadamaa dhalootatti akka ce’u taasisuuf gaheesaa bahachuu qaba ” jechuunis waamicha dhiyeessaniiru.

Hayyuun Seenaa Yunivarsitii Finfinnee Obbo Mabraat Gergeessoo barreeffama ka’umsa marii paanaalicharratti dhiyeessaniin, walittidhufeenyi fardiifi Oromoon qabu cimaa ta’uu bal’inaan ibsaniiru. Akka ibsasaaniitti, fardi Oromoof gootummaa, bashanannaafi dinagdee ta’uun faayidaa olaanaa qaba jedhan.

“Gaafa lolaa gootota waliin bobbaa’uun ari’ee diina waraanuuf, kaatee gootota diina jalaa miliqsuun gumaachi fardaa seenaa Adwaarratti galmaa’e ni addeessa. Injifannoon Adwaa bu’uura bilisummaa saba gurraachaa ta’uun Itoophiyaan akka injifattu gochurratti gumaachi fardeenii bakka olaanaa akka qabu seenaatu ragaa ba’a.

Gumaachi fardaafi duudhaansaa sirnoota gitabittaa darbaniin irraanfatameera. Kabajifi walittidhufeenyi fardiifi Oromoon qaban gadibu’aa dhufeera. Kana bakkatti deebisuuf Yunivarsitiin Salaalee hojjechaa jira” jedhan.

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaas yaada kennaniin, Oromoofi fardi adda ba’ee hinbeeku. Oromoon gaafa Waaqa kadhatus qe’ee fardaafi ilmaa naagodhi jedhee kadhata. Kanas kan jedhuuf qe’ee ilmiifi fardi jiru yartuun hinmil’attu jechuun iddoo fardi hawaasa Oromoo biratti qabu ibsaniiru. Fardi beeylada amanamaadha.

Lolarratti yoo abbaan fardaa irraa wareegame gatee hingalu. Kanaafis, fardeen Harargee bahaa gaara Qundhudhoo osoo abbaasaanii irraa wareegame eeganii bineensa bosonaa ta’anii hafan akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Gootummaa lola Adwaaf gumaachi fardeenii olaanaa ta’uu seenaan himaamuu qofa osoo hintaane siidaan fardeeniif dhaabatee dhalooti irraa barachuu qaba jedhu.

“Oromoon kabajaafi jaalala fardaaf qaburraa ka’ee tumaa gumaan fardaa ittiba’u tumee qaba. Akka Godina Shawaa Kaabaatti tumaan kabaja farda Oromoo deebisuuf tumame hojiirra ooluu qaba.

Fardi siyaasdinagdee Oromoo keessatti Oromoo biraa hafee hinbeeku. Gara fuulduraatti seenaan fardaafi maloota kunuunsasaa fooyya’aan qorannoodhaan addaba’ee hawaasaaf akka ifa ta’uu qaba” jechuun gaafataniru.

Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa Aadde Meeroon Mokonninis godinichi duudhaafi kabaja fardaa laafe iddootti deebisuun dhalootatti dabarsuuf Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Yunivarsitii Salaalee waliin hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Feestivaalli gugsii farda Oromiyaa 3ffaa gaggeeffames duudha sabaa ifa baasuun addunyaattii beeksisuurratti kan xiyyeeffatteedha jedhanii, tumaan eegumsa fardaarratti xiyyeeffate baatii Fulbaanaa darberraa tumamuus ibsaniiru.

“Namoota aadaafi duudhaa fardaa dagachuun farda gaarii harkisiisanii madda galii godhataniif baatiin ja’a kennameera. Kan seericha cabsee argames qarshii kuma 60 akka adabamu tumaadhaan ta’eera. Kanaaf, hojiin akka jalqabbiitti godinichatti eegalame cimee ittifufuun duudhaafi aadaa hawaasichaa bakkatti deebisaa hawwata turizimii taasisuuf hojiin eegalame cimee ittifufa” jedhan.

Waajjira Aadaafi Turizimiirraa waltajjicharratti kan hirmaatan Obbo Simee Gaarradoos fardi Oromoof maal akka ta’e bal’inaan ibsaniiru. Fardi ummata Oromootiif beeylada, dhala, lolee lolchiisaa, faaya cidhaafi gaddaa ta’uudhaan jiruufi jireenya Oromoo faana walitti hidhamiinsa guddaa qabuudha. Fardeen Injifannoo Adwaarratti hirmaatan keessaa hedduunsaanii guddugala Itoophiyaarraayi. Kanaaf, fardi kunuunsi taasifameefii kabajiifi gumaachi inni injifannoo Adwaaf gumaache dhalootatti akka darbuufi tumaan fardaa ba’ee feestivaalli gugsii fardaa ittifufiinsaan hojiirra ooluun waanuma gaariidha jedhan.

Leenjisaa ittaanaan Kilabii Beekaa Fardaa Obbo Taganuu Araarsaa namoota leenjii barbaadaniif leenjii gugsii fardaa kennaa jiraan keessaa tokko. Leenjiin kilabiisaaniin kennamaa jirus seenaafi duudhaa fardaa iddootti deebisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeranii, ijoolleen kilabichatti leenji’an dorgommii gugsii fardaa, “All Africa Algeria” umurii 18 gadiirratti hirmaatee tokkoffaa ba’uun Faxxanaa Nigusuu poteenshaala naannicha keessa jiru waan agarsiisuuf leenjiin kennamu cimee ittifufa jedhaniiru.

Kanaaf, fardi Oromoof beeylada amanamaa, goota waliin ba’ee wareegamu, gaafa gammachuu miidhagina, gaafa jilaa abbaa Gadaa bakka jilaan ga’uun waliigala jiruufi jireenya hawaasdiinagdee Oromoo waliin walitti hidhata cimaa qabaachuun beeylada kabajaa Oromooti. Feestivaalicharratti agarsiisni nyaata aadaafi meeshaalee faaya fardaa bal’inaan dhiyaataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You