“Injifannoo Adwaa seenaa qeenxee, olaantummaan amantiifi saba tokkoo faarsu hambisuun seenaa waloon akka jiraatu taasiseera” – Obbo Girmaa Namarraa (Hayyuu Seenaa)

Keessummaan Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaa Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromootti, Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Qorannoo Seenaa Kaadhimamaa Doktaraa Girmaa Namarraati. Gaafdeebii dheengadda ayyaana Injifannoo Adwaa 128ffaafi seenessa waloorratti xiyyeeffachuun hayyuu kana waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Obbo Girmaa: Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Najjoo, Ganda Waggaarii Bunaattin dhaladhe. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa hanga 6ffaatti bakkuma dhaloota koo, naannawa Dongoroo Bunaa jedhamuttin baradhe. Kutaa 7ffaafi 8ffaa ammoo Mana Barumsaa Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaattin hordofe. Kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti ammoo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Najjoottin baradheen bara 1992 kutaa 12ffaa xumure.

Bara 1993 hanga 1997tti Yunivarsitii Finfinneetti baradheen digriikoo jalqabaa seenaadhaan fudhadhe. Akkuman digrii koo tokkoffaa xumureen Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Iluu, Magaalaa Tajiitti barsiisummaan ramadamee waggaa lamaaf hojjedhe. Isa booda Mana Barumsaa Dajjaash Garasuu Dhukii kan kan Magaalaa Walisootti argamutti ramadameen kutaa 11ffaafi 12ffaa waggaa lamaaf barsiise. Kolleejii Qonnaa Ardaayitaa Arsiitti argamuttis ramadamee waggaa shaniif barnoota Siiviksiifi Kominikeeshinii barsiise. Utuman kolleejichatti barsiisuu Yunivarsitii Haramayyaatti digrii koo lammaffaa Ingiliffaan baradhe. Kolleejii Qonnaa Agaarfaa, Baaleetti argamutti ramadamees ergan waggoota sadiif barsiisee booda bara 2007 xumurarratti gara Giddugala Aadaa Oromoo dhufee hanga ammaatti achuman hojjechaa jira.

Utuman Giddugala Aadaa Oromoo keessa hojjechaa jiruu digrii koo lammaffaa Seenaadhaan baradheera. Yeroo ammaas ammoo Yunivarsitii Finfinneetti seenaadhumaan barumsa koo digrii sadaffaa (PhD) xumuruuf waraqaa eebbaa koo hojjechaan jira. Seenaadhaan digrii koo jalqabaa, lammaffaafi sadaffaa yunivarsitiidhuma kanattin baradhe. Seenaafi Ingiliffaatiin digrii lammaffaa (MA) laman qaba. Yeroo ammaa Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromootti, Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Qorannoo Seenaa ta’een hojjechaa jira.

Bariisaa: Seenessi biyyattii duraan tureefi amma jiru akkamitti ilaaltu?

Obbo Girmaa: Seenessa biyyattiin walqabatee wantoota walxaxoo baay’eetu jira. Seenaan biyyattii namoota ogeessotaan miti. Seenaan biyyattii namoota naannawa Masaraa Mootummaa jiran (Royal Family) ta’aniin barreeffamaa ture. Namoonni kunneen ajajaafi jecha moototaa barreessu malee seenaa dhugaa ykn seenaa ummataa barreessanii hinbeekan.

Seenaa isaan barreessaa turan kan mootonni jedhan qofarratti waan xiyyeeffatuuf biyyattiitti seenaan hawaasaa beekamaa hinturre. Waanti seenaan biyyattii jedhamee barreeffamaa ture kan moototaaf loogu, waan mootonni jedhan qofarratti xiyyeeffatuufi hanqinasaanii dhiisee ciminasaanii qofa kan faarsu ture. Kun seenaan Itoophiyaafi ummattoota biyyattii loogiifi hanqina guddaa akka qabaatu taasiseera.

Seenaan biyyattii warra moototaa akka Waaqaatti kan faarsu ture. Fakkeenyaaf Hayilasillaaseen hiddi dhalootasaanii warra Yihuudaa ykn Isiraa’eeli jedhee faarsa. Kanumarraa ka’uun warri moototaa “Mootiin hinhimatamu, samiinis hinqotamu” jedhu turan. Kana jechuun mootiin waan barbaade raawwatus kan isa gaafatu hinjiru jechuudha. Seenaa Itoophiyaa keessatti olaantummaan seeraa, walqixxummaan namootaa, aadaa, afaanii, seenaafi eenyummaa itti calaqqisaa hinturre. Seenaan biyyattii afaaniifi aadaa tokko calaqqisiisaa ture.

Weerara Xaaliyaanii booda bara 1941 Hayilasillaaseen pirojektii afaan tokko, aadaa tokko, Itoophiyaa tokko jedhu fidee dhufe. Keessumaa labsii mootichi bara 1944 labseen namni afaaniifi aadaasaa akka dhabu ta’eera. Labsiin kun dhahata dhahataan qabsoo barattootaa, qonnaan bultootaafi qaamoleen gara garaa geggeessaa turaniin mootummaan Hayilasillaasee ALA bara 1974 kufee boqonnaa haaraan jalqabame.

Boqonnaa haaraa kanaan Inistiitiyuutiin Sabootaafi Sablammootaa dhaabbate. Bara Dargii keessa sabni Itoophiyaa kamuu aadaa, seenaafi eenyummaa qaba jechuun seenaan waloo barreeffamuuf yaalamaa tureera. Garuu yaalichi sadarkaa yaadameen waan barreeffamaa hiturreef seenaan qeenxee ykn seenaan moototaa hanga bara 1983tti (Mootummaa ADWUI)tti ittifufee barreeffamaa ture.

Seenessi Itoophiyaa loogii guddaa kan qabu (seenessa gartokkee) ta’uu ykn seenessa waloo kan hinqabne, keessumaa seenaashii keessatti seenaan, aadaafi eenyummaan Oromoo akka dhokatu waan ta’eef barreessitoota hedduudhaan qeeqamaa ture. Seenaa biyyattii keessatti Oromoon akka waan dhalataa biyya kanaa hintaaneetti barreeffamaa ykn seeneffamaa ture. Oromoon ummata biyya alaatii dhufe, ummata hamaadha jedhamee seenaafi dhugaan ummatichaa dhokfamee barreeffamaa ture. Seenaan Itoophiyaa kan qindeeffamaafi barreeffamaa ture mootota gammachiisuuf malee seenaa ummataa barreessuuf hinturre.

Bara moototaa mootummaafi amantiin hidhata guddaa waan qabaniif Hayilasillaaseen “Amantiifi mootummaan akka goraadeefi qabannoosaati” jedha. Kana jechuun amantiifi mootummaan gargar ba’uu hindanda’an jechuudha. Namni amantii mootichi hordofu hinhordofnellee akka namaatti ilaalamaa hinturre.

Bara sana walqixxummaan amantii, aadaa, eenyummaafi seenaa akkasumas hirmaannaa siyaasaa hinturre. Sirni Fiwudaalaa kutaa hawaasa kan jajjabeessu gareen tokko olaanaa, garee biraan ammoo gadaanaa, garee tokko abbaa lafaa, kaan ammoo ‘Ciisanyaa’ jedhee addaan qoodee maqaawwan gara garaa (Giraazmaach, Dajjaazmaach, Qanyaazmaach, Fitawuraarii, Balaambaras) jedhee qooduun akka waan namni walqixa hintaanetti fudhachaa ture.

Seenessi yeroo sana ture namoota hojii harkaa hojjetan, daldaltootaafi teknolojistoota xiqqeessuun hiyyummaan Itoophiyaa akka gangalatu taasisuun biyyattii hinfayyadne. Haallitti seenessi biyyattii barreeffamaa ture duubatti hafaafi hanqina guddaa kan qabu ta’uu qorattoota seenaatiin qeeqameera.

Bariisaa: Seenaa, aadaafi eenyummaa Oromoofi saboota kaanii ifatti baasuuf maaltu hojjetamaa ture?

Obbbo Girmaa: Waldaan Qorattoota Oromoo (Oromo Studies Association ‘OSA’)n Ameerikaatti hundaa’uun seenaa Oromoo bilisummaadhaan qoratee baasuu danda’eera. Waldichi seenaa Oromoo qoratee ifatti baasuu keessatti hojii guddaa hojjeteera. Mootummaan Naannoo Oromiyaas erga hundaa’ee keessumaa bara bara 1985 as seenessa qeenxee kan Oromoo xiqqeessu deebisee fayyisuuf hojiilee guguddoo raawwateera. Kitaaboleen ‘Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 16ffaatti akkasumas Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 20ffaatti’ jedhaman barreeffamaniiru. Kitaaboleen lamaan barreeffama seenaa Oromoo keessatti bu’uura gaarii kaa’aniiru; dhugaa Oromoo falmuunos bakkatti deebisuu yaalaniiru.

Bariisaa: Seenaan waloo dhabamuun ummatas ta’e Itoophiyaarratti miidhaa akkamii qaqqabsiise?

Obbo Girmaa: Seenaan waloo dhabamuun sabni tokko isa biraa akka shakku, biyyi kun kan kooti jedhee akka hin yaadne gochuun burjaajii uumeera. Seenessi ture Oromoon akka waan dhalataa biyya kanaa hintaaneetti ykn biyya alaatii (Madagaaskaar, Faransaayiifi Hindi) irraa dhufeetti seenessaa ture. Kun Oromoon qaama ummata Itoophiyaa, qaama seenaashiifi guddinashii keessatti akka waan iddoo hinqabneetti akka of ilaalu taasisuuf yaadamee kan barreeffameedha.

Seenessichi warri moototaa akka waan maatii Isiraa’eel ta’aniifi biyya bulchuun isaaniif kennameetti seenessaa ture. Seenessichi kan biyya bulchu maatii warra Isiraa’eel warra Waaqayyotu filate jedhee seenessuun sabootni biroon akka iddoo dhaban taasiseera. Seenessi waloo dhabamuun ykn sabootniifi sablammootni Itoophiyaa bakka dhabuun, hirmaannaan dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa walqixa ta’uu dhabuufi walqixxummaan aadaa, afaanii, amantii walqixa ta’uu dhabuun fincila kaasee ‘Addi Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Ertiraa, Addi Bilisummaa Tigraay) akka hundaa’an taasise. Seenessi ture ijaarsiifi dinagdeen biyyattii duubatti akka harkifatu, seenessi waloo akka dhabamu taasisuun maraammartoo Itoophiyaan amma keessa jirtu dhalee darbeera.

Seenessi waloo dhabamuun biyyi keessatti hinkabajamne, keessatti hirmaannaa hinqabne, biyya afaan, aadaafi eenyummaan koo keessatti hinkabajamne natti haa hafu jechuun gareen finciltootaa akka uumaman taasisee ammayyuu dirree siyaasa biyya keenyaa jeeqaa jira. Maraammartoon siyaasaa amma keessa jiru kun mataansaa seenaan waloo dhabamuurraa dhufe. Gaaffiilee bara 1930moota hanga 1960moota keessa ka’aa turan deebisuuf yaaliiwwan gara garaa taasifamaa jiraatanis hanga har’aatti deebii guutuu dhabuunsaa rakkoo har’a biyyattiin keessa jirtuuf bu’uura ta’aniiru.

Bariisaa: Seenessa waloo fiduuf hojiileen hanga har’aatti hojjetaman akkamitti ibsamu?

Obbo Girmaa: Seenessa waloo fiduuf waggoota 30 darban gama Oromootiin kitaabotni ‘Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaafi Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaatti’ jedhaman barreeffamaniiru. Kitaaboleen kunneen seenaa Oromoo dhokatee ture ifatti baasuun seenessa qeenxee Oromoon dhalataa Itoophiyaa hinturre jedhu faallessaniiru.

Har’a namni Oromoon Madagaaskaar ykn Faransaayiifi Hindii dhufe jedhu hinjiru. Kitaaboleen lamaan qorannoorratti hundaa’uun seenessa Oromoon dhalataa biyya kanaa akka hintaanetti himamaa ture sirreessaniiru. Qorannoo Waldaan Qorattoota Oromoo seenaa Oromoo dhokatee ture ifatti baasuuf taasisanis akka laayyootti kan ilaalamu miti. Qorannoowwan adeemsifaman seenessa qeenxee warri kaabaa (Abisiiniyaa) Itoophiyaa akka waan ofiisaaniitii ijaaraniitti ilaalaa turan hambisuu danda’eera.

Har’as warra kophee Minilikiifi Hayilasillaasee keessa dhaabatanii yaadaniitti walqixxummaan gadaantummaa ta’ee ittimul’atee rakkatan jiru. Seenaa Oromoo dabee barreeffame sirreessuuf gama mootummaa, nama dhuunfaafi gareetiin madaallii seenaa eeganii seenaa qabatamaa, dhugaafi ragaadhaan deggarame barreessanii lafa kaa’uuf tattaaffii cimaan taasifamaa jira.

Seenissa waloo sabootaafi sablammoota biyyattii hunda walqixa keessummeessuufi hundi ittigammadu fiduuf tattaaffiin walirraa hincinne Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi mootummaa naannichaatiin taasifamaa jira. Har’as dhiibbaan warri seenessa moofaa qabatanii deemuuf yaalan waan jiruuf qabsoon ittifufa. Inistiitiyutiin keenyaafi miidiyaan seenessa sobaa sana calalanii dhugaa jiru baasuun qabicha deggaruu keessatti gahee olaanaa qabu. Akkuma dhugaan hinqal’atti malee hincittu jedhamu dhugaa badeefi dabe sirreessaa jirra.

Bariisaa: Ka’umsi waraana Adwaa maaliidha? Injifannoon waraanicharratti argame hoo akkamitti ibsama?

Obbo Girmaa: Waraanni Adwaa humna ardii biraarraa Itoophiyaa weeraruuf dhufeefi humna qe’eessaa falmachuuf yaale gidduutti kan adeemsifameedha. Waraanni Adwaa waraana warra adiifi gurraacha gidduutti adeemsifamuun seenaa addunyaarratti yeroo jalqabaatiif warri adiin gurraachaan mo’amuu ifatti mul’iseedha.

Ummanni adiin yeroo sana addunyaarratti “Nutu beekumsa qaba, nutu dursa, nutu Waaqatti aana” jechuudhaan Konfiraansii Barliin (Scramble for Africa) irratti biyyoota Afrikaa qircachuuf mari’atanii dhufan. Konfiraansicharratti biyyoota 17tu biyyoota Afrikaa qircachuuf waliigalanii gara Afrikaa dhufan.

Biyyoonni kunneen yeroo biyyoota Afrikaa qircatan akka walitti hinbuuneefis waliigaluun dhufan. Haaluma kanaan Xaaliyaaniin naannawa Galaana Diimaa, Ertiraafi Itoophiyaa akka qabattuuf eeyyamameef. Itoophiyaan garuu weerara Xaaliyaanii ofirraa faccisuun seenaa addunyaa keessatti ummanni gurraachi yeroo jalqabaatiif ummata adii injifachuun yaada warra Awurooppaa gaaffii keessa galche.

Yeroon sun yeroo warri Awurooppaa industiriidhaan cimanii meeshaalee omishaniif gabaa barbaadaniifi galtee warshaasaanii barbaadan ture. Yeroo sana biyyoota Afrikaa keessaa warroota Awurooppaa dura dhaabatee lolee kan injifate Itoophiyaa qofa turte. Injifannoon Waraana Adwaa Itoophiyaaf sabboonummaa, ofitti amanamummaafi cimina. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa kan koloniidhaan hinqabamin hafte keessaa sadarkaa jalqabaarratti eeramti. Kun biyyattiifis ta’e ummata biyyattiif bilisummaafi sabboonummaa guddaadha.

Biyyoota Afrikaa keessaa Itoophiyaafi Laaybeeriyaan kolonii jala hingalle jedhama. Garuu biftisaa gargari. Ummanni Itoophiyaa waraana Xaaliyaanii Itoophiyaa weeraruuf dhufe ofirraa qolachuudhaan dhiiga dhangalaasee, lafee itti cabee, lubbuu ittidhabee injifachuudhaan birmadummaa biyyattii mirkaneesse.

Laayibeeriyaan garuu garboota Afrikaa Ameerikaatti gurguramaa turan keessaa warri walaba ba’an biyyattiittitti akka walittiqabamaniif Amerkaan haala mijeessite malee biyyattiin lola keessa seentee warra Awurooppaa ofirraa ittisuudhaan miti. Biyyoota Afrikaa keessaa warra adii ofirraa faccistee, loltee mo’attee duuba deebiste ta’uusheetiin galmee seenaarratti iddoo olaanaa qabdi.

Injifannoon Adwaa warra adii qaanessuun gurraachota ammoo boquu kan olqabachiise seenaa keessatti boqonnaa haaraa kan baneedha. Injifannoon Adwaa injifannoo gurraachota addunyaati. Injifannoon kun warra gabrummaan gurguramanii Awurooppaa, Ameerikaa, Kariibiyaanii turan akka mataa olqabatan taasiseera. Injifannoon kun Itoophiyaan biyya goototaa taatee akka addunyaatti akka ilaalamtu taasiseera. Injifannoon Adwaa har’as seenaa keessatti kan ummatni Itoophiyaa ittiin boonuufi biyyoonni Awurooppaa ammoo ittiqaana’aniidha.

Bariisaa: Injifannoo Adwaa galmeessisuu keessatti hirmaannaan saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa maal fakkaata ture?

Obbo Girmaa: Injifannoon Adwaa injifannoo sabootaafi sablammoota Itoophiyaati. Injifannoo Aduwaa fuudhanii kan qaama tokkoo, saba tokkoo ykn Minilik ykn Iteegee Xaayituu qofa godhanii dhiyeessuun tureera. Kun seenessa sirrii miti. Injifannoo kana gara ummatoota Oromoo, Walayittaa, Haadiyyaatti gad buusuuf barreessitoonni seenaafi mootonni biyyattii qophii hinturre.

Mootonni biyyattii Injifannoo Adwaa hirmaannaa gootota sabootaafi sablammoota biyyattiitiin argame salphisanii akka waan ofii lolanii injifataniitti fudhachaa turan. Gootota waraanicharratti hirmaatanillee maqaansaanii dhoksaa turan. Keessumaa maqaa gootota Oromoo waraana Adwaarrattti lolanii lochiisaa turanii dhahuu hinbarbaadan turan. Jeneraalota Waraana Adwaa geggeessaafi lolanii lochiisaa turan 12 keessaa sagal Oromoodha. Kun pirojektii olaantummaa warra Abisiiniyaa cimsuuf ittiyaadamee hojiirra oolaa tureedha.

Gootota waraana Adwaa ciminaan hogganaa turan keessaa sadarkaa duraarratti kan argamu Oromoodha. Haadha warraa Minilik, Iteegee Xaayituus Oromoo Yajjuu, Walloo keessaa dhufte. Baalchaa Abbaa Nafsoo goota Oromoo waraanawwan Xaaliyaanii lamaanirratti hirmaateedha. Gaafa Xaaliyaaniin bara 1896 mo’amtee waggaa 40 booda deebitee dhuftu Baalchaan waraanicha keessatti qooda guddaa qaba. Injifannoo Adwaa keessatti qoodni Oromoon sadarkaalee gara garaatti ilaalamuu danda’a. Tokkoffaan gootummaa loltoota Oromoo, hirmaannaa beektota waraanaa Oromoo, fardeen Oromoo lolicha keessatti akka taankiitti fayyadaa turuufi qabeenyi lakkaa’amuufi hinlakkaa’amne waraanichi ittiin gaggeeffamaa ture harki caalaansaa kan Oromoo ture. Qoodni Oromoon waraanaafi injifannoo Adwaa keessatti qabaachaa ture dhokfamaa ture.

Minilik Fulbaana keessa loltoonni Itoophiyaa kallattiilee hundarraa Finfinneetti walittiqabamanii gara waraana Adwaa akka deemaniif waamicha taasise. Harargeerraa gareen Raas Mokonnin Waldamikaa’el Guddisaatiin durfamu, Giddugalarraa Baalchaa Abbaa Nafsootiin hogganamu, akkasumas kanneen Wallagga, Haadiyyaafi Walaayittaarraa dhufan Finfinneetti walga’an.

Gaggeessitoonni waraanaafi ummanni Finfinneerraa ka’anii gara Waraana Adwaatti qajeelan galaa goggogaa yeroo dheeraa turu waan hinqabneef ummata keessa darbanirraa nyaachaafi dhugaa deemuun ji’oota sadii booda Maqalee Adwaa gahan. Ji’oota sadan guutuu lafa Oromoorra deemaa, Oromoorraa nyaachaafi dhugaa, qabeenya Oromoo fayyadamaa achi ga’an. Qabeenyi yeroo sana madfiin bitamaa tureefi waraanichaaf oole bunaafi ilkaan arbaafi mi’eessituuwwan gabaa addunyaaf dhiyaachaa turan kan argaman Oromiyaarraati.

Oromoon waraana Adwaarratti gootota, waraana lafoofi fardeen hedduufi qabeenya guddaa gumaachuudhaan injifannoo Adwaa galmeessisuu keessatti qooda olaanaa fudhateera. Waraana Adwaa ji’a sadii dura waraana Ambaalaageerratti adeemsifames Gootota Oromoo Gabayyoo Gurmuufi Raas Mokonninfaatu hogganaa ture.

Utuu waraannni Adwaa hinxumuramin waraana Maqaleerratti adeemsifame loltoota Xaaliyaanii marsanii qabuun nyaataafi dhugaatii akka hinarganne gochuun gahee guddaa kan taphatan hiddi dhiigashee Oromoo kan ta’e Iteegee Xaayituu turan. Kun dubartoonnis mala dhahuudhaan waraanicha keessatti gumaacha olaanaa akka qaban agarsiisa.

Minilik bara 1889 waliigaltee Wucaaleerratti warra Xaaliyaaniirraa meeshaa waraanaafi maallaqa miliyoona 30 fudhachuun sanada keeyyatoota 20 qabu mallateesse. Keeyattoota 20 sana keesaa kaan waa’ee dinagdee, hawaasummaafi dippilomaasiiti. Kanarra ka’uun Laga Marab natti hince’inaa malee jechuun naannawa Ertiraa Xaaliyaaniif dabarsee kenne. Yeroo sana daangaa babal’ifachuun hinxumuramne.

Iteegee Xaayituu Waliigaltee Wucaalee keeyyattoota 20 qabu keessaa keeyyata 17ffaa kan “Hariiroo mootummaan Itoophiyaa mootummoota biyya alaa waliin taasisu karaa mootummaa Xaaliyaa ta’uu qaba” jedhu dursanii mormanii turan. “Ani dubartiidha lola hinbaraadu, garuu waan ati jettu kanatti walii hingalu, waan ati jettu kanatti waliigaluurra du’an filadha, lolas yoo barbaadde kottu” jechuun keeyyata 17ffaa sana morman. Waraana Adwaaf ka’umsa kan ta’e keeyyata kana mormoosaaniiti.

ALA bara 1886 Finfinneen magaalaa taatee hundoofte. Finfinneen hundooftee waggaa 10 booda Waraanni Adwaa gaggeeffame. Yeroo sana daangaan Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuz hanga Sudaan, Keeniyaafi Somaaleetti waan hinxumuramneef Minilik daangicha xumursiisuuf meeshaa waraanaa barbaadaa ture. Minilik meeshicha barbaachaaf jecha waliigaltee Wucaalee sana mallateesse. Dogoggora Minilik Waliigaltee Wucaaleerratti raawwate dhiiga, lafeefi lubbuu itti gabbaree kan sirreesse ammoo Oromoodha. Kanaafuu injifannoo Adwaa galmeessisuu keessatti Oromoon gahee leencaa qaba yoo jenne arbeessuu hinta’u.

Bariisaa: Loltoonni gama Itoophiyaafi Xaaliyaaniitiin Waraana Adwaarratti hirmaatan hangam ta’u? Kan lubbuun darbanoo?

Obbo Girmaa: Itoophiyaarraa giddugalaan loltoota kuma 100 ta’antu waraana Adwaarratti hirmaate jedhamee tilmaamama. Waraanni Xaaliyaanii ammoo kuma 14 hanga kuma 20tti tilmaamama. Baay’ina waraana Xaaliyaanii keessaa warra adii kan hintaane (The black Soldgers) kanneen Ertiraarraa fo’amanii leenji’anii itti makaman walakkaa ol ta’u. Loltoonni warri gurraachaa loltoota Xaaliyaniitti makaman afaaniifi biyya waan beekaniif waraana Xaaliyaanii gargaaraafi karaa itti agarsiisuun gumaacha guddaa taasisaafii turan.

Waraana Aduwaarratti gama Itoophiyaatiin loltoota kuma ja’a ol ta’antu lubbuu dhabe jedhamee tilmaamama. Gama Xaaliyaaniitiin ammoo loltoonni Xaaliyaanii kuma shan ta’an lubbuu kan dhaban ta’uutu tilmaamama. Waraanni Xaaliyaanii hedduun ammoo booji’amanii hidhamuun waljijjiirraa sana keessa gadhiifamanii galan.

Waliigalteen Finfinnee (Addis Ababa Treaty) Onkoloolessa bara1896 keessa raawwatame. Waliigalteen Finfinneetti taasifame sun Waliigaltee Wucaalee (Wuchale Treaty) faallessee artikiloota 20n hambisuun birmadummaa Itoophiyaa mirkaneesse. Waliigalteen Finfinnee Xaaliyaanii dabalatee biyyoonni Awurooppaa walabummaa Itoophiyaa amananii Embaasiiwwan gara garaa Itoophiyaa keessatti akka banatan taasiseera. Biyyoonni Awurooppaa kanneen akka Faransaayiifi Ingilizii Itoophiyaa waliin hojjechuuf waadaa seenan.

Bara 1906 ammoo biyyoonni sadan (Ingiliz, Faransaayiifi Xaaliyaaniin) daangaa Itoophiyaa eeguufi kabajuuf Itoophiyaa waliin waliigaltee walii mallatteessaniiru. Injifannoo Adwaa Itoophiyaa addunyaarratti kabachiiseera.

Bariisaa: Injifannoon Adwaa hirmaannaa sabootaafi sablammoota biyyattiitiin argame maaliif akka injifannoo warra kaabaa qofaan argameetti fakkeeffamee himamaa ture?

Obbo Girmaa: Barreessitoonni seenaa namuma aangoo qabutu seenaa barreeffata jedhu. Yeroo sana aangoon qabatanii kan turan warra kaabaa waan turaniif ummata Oromoofi kanneen biroo aangoorraa fageessanii xiqqeessanii waan turaniif warri aangoorra jiran waanuma isaanitti tolu qofa barreessaa turan. Yeroo sana Itoophiyaatu maqaadhaan jira malee sabootaafi sablammoonni biyyattii keessa jiran akka beekamaniifi waa’eensaanii barreeffamu hinbarbaadamu.

Qabsoo ummanni gara Itoophiyaa Kibbaa Oromoo, Sidaamaa, Walaayittaa, Affaariifi Somaaleen taasisaniin gaafa eenyummaasaanii kabajchiifachuun dhugaa seenaa keessatti qaban ifatti baafachuu jalqaban. Yeroo dhugaan kun ifatti ba’uu jalqabu warri seenessa qeenxee bare seenessa waloo ‘Grand Naration’ kana fudhachuuf qophii hinturre. Seenessa waloo kana yeroof fudhachuu baatanis fudhachuun dirqama.

Seenessi qeenxee Itoophiyaa miidheera. Keessumaa Oromoo dabalatee ummata gara Itoophiyaa kibbaa daran miidheera. Miidhaa seenessa qeenxeetiin biyyattiis ta’e ummatashiirra gahe sirreessuuf seenessa waloorratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaarame seenaa qeenxee humna dhabsiisuudhaan seenaa waloofi dhugaa baasuu keessatti gahee olaanaa qaba. Godambichi injifannoon Adwaa hirmaannaa sabootaafi sablammoota biyyattiitiin kan argame ta’uufi keessumaa gumaacha olaanaa Oromoon taasise ifatti baasee agarsiiseera.

Bariisaa: Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaaramuun faayidaa akkamii qaba?

Obbo Girmaa: Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaaramuun faayidaa olaanaa qaba. Godambichi wanta kaleessa barreeffamaan, jechaafi haasaadhaan dhagahaa ture dhugoomseera. Hoggantoonni waraanaa kanneen akka Baalchaa Abbaa Nafsoo, Gabayyoo Gurmuu, Qusee Dinagdee, Goorgis Abbaamalaafaa, Minilikiifi Xaayituun waraanaa Adwaarratti kana raawwatan jedhamee jechaan ykn barreeffamaan himamaa kan ture Godambichatti yoom, eessatti akka dhalatan, maala akka hojjetan ifatti baaseera. Godambichi giddugala qorannoos ta’ee tajaajila. Gootummaan maal akka ta’es ifatti kaa’eera.

Gootummaa jechuun haala rakkisaa, beelaafi dheebuu keessatti yeroo, humnaafi beekumsasaa dabarsee kennetu goota jedhama. Gootonni Adwaa waggaa 128 dura dhagaa bu’uura gootummaa nuu kaa’aniiru. Itoophiyaan biyya rakkoo guddaa keessa dabartee ijaaramteedha. Godambichi namoota biyyattiin akka ijaaramtuuf gatii guddaa kaffalan ifatti baasee mul’iseera.

Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa ambaasaaddara Itoophiyaati. Itoophiyaan yeroo waraana Adwaa sana seenaa akkamii akka dabarte, cimina akkamii qabaachaa akka turte, gootota akkamii akka qabduufi meeshaa waraanaa akkamii fayyadamaa akka turte ifatti mul’iseera. Godambaan bakka itti irraa waabaratan, itti qayyabatan, ittibashananan, waa ijaan arganii ajaa’ibsiifataniidha.

Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaaramuun dhugaa kaleessa dhokfamaafi gadiqabamaa turetti lubbuu horee akka dhaabbatu taasiseera. Godambichi injifannoo Adwaarratti eenyu, maal akka gumaache ifatti lafa kaa’eera. Godambicha keessa Siidaan Jeneraalota Waraana Adwaa geggeessaa turanii 12n maqaansaanii hanga akaakayyuutti, eessatti akka dhalatan, eessaa akka dhufaniifi bara kam akka boqotan barreeffamaan ibsu dhaabateera. Kanaan booda injifannoo Adwaarratti gootummaa eenyuutu caala kan jedhu walnama hingaafachiisu.

Godambichi dhaloonni har’aa waan kaleessa abbootiifi gootonnisaa ummataafis ta’e biyyattiif gumaachan hubatee ani hoo har’a maalan gochaa jira jedhee akka of gaafatu taasiseera. Godambichi Giddugala Qo’annoofi Gorannoo waan ta’eef seenaa Itoophiyaa boqonnaa boqonnaan qorachuuf nu gargaara. Godambichi seenaan Itoophiyaa waggoota 128 dura tureefi isaa as jiru maal fakkaata jennee boqonnaa boqonnaan akka qorannuuf boqonnaa haaraa baneera.

Gadambichi ijaaramuun warri waggoota 128 dura Itoophiyaa weeraruuf dhufan biyyattiin har’a maal akka fakkaattu akka daaw’itiitti ittiagarsiiseera. Biyyoonni Itoophiyaa akka mallattoo walabummaatti ilaalan ammoo dhufanii maalummaafi gootummaa biyyattii akka qorataniif carraa gaarii uumeera. Godambichi iddoo itti seenaan ummata gurraachaa gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee, gootummaafi dippilomaasiitiin ture itti qoratamuudha.

Godambichi seenessi qeenxeen kanaan dura barreeffamaa, dubbatamaafi himamaa ture sirratee seenaan walootiin akka bakka bu’u taasisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Seenessitoonni gama Oromoofi Itoophiyaa Kibbaatiin jiran seenessi Injafannoo Adwaarratti barreeffamaafi himamaa ture sirrii miti jechuun waggoota 50f falmaa turaniiru.

Godambaan yaadannoo Injifannoo Adwaa seenaa qeenxee, olaantummaan amantiifi saba tokkoo faarsu hambisuun seenaan waloo akka jiraatu taasiseera. Teknolojiifi meeshaaleen waraanaa Itoophiyaan waggoota 128 dura ittifayyadamaa, gootonni yeroosii eenyu eenyu akka ta’an ifatti lafa kaa’uun hunduu argee akka amanu taasiseera. Wantoonni godambichatti walittiqabamanis sirriitti qoratamanii bilchaatanii seenaa waloo kanaan booda barreeffamuuf bu’uura ta’u.

Bariisaa: Injifannoo Adwaatiin walqabatee dhiyeenya kana Giddugalli ‘Black History and Education Center’ jedhamu Finfinneetti hundaa’eera. Giddugalli kun hundaa’uun faayidaa akkamii qaba?

Obbo Girmaa: Giddugalli kun Itoophiyaa qofa utuu hintaane ummata gurraacha bakka bu’a. Itoophiyaa dabalatee seenaan biyyoota Afrikaa barreeffamaa kan ture warra Awurooppaatiini. Warri Awurooppaa seenaa biyyoota Afrikaa barreessaa kan turan waantota hundaa akka Awurooppaatti yaaduudhaani. Warri Awurooppaa ummata Afrikaa dirqisiisuu, akka horiitti gurguruu, aadaa, afaan, eenyummaafi dinagdeesaa to’achuun amatiifi aadaasaanii akka fudhatuuf dirqamsiisaa turan.

Waanti ummanni Afrikaa yaadu, hojjetu, uffatan, nyaatan akka warra Awurooppaa akka ta’uufi dippiloomaasiifi hariiroon biyyoota Afrikaa karaa warra Awurooppaa akka ta’u taasisaa turan. Xaaliyaaniinis dippilomaasiifi hariiroo Itoophiyaan biyyoota alaa waliin taasiftu “Karaa koo” ta’uu qaba jettee turte. Ka’umsi waraana Adwaa Itoophiyaan kan Xaaliyaaniin jette diduusheeti.

Adeemsi siyaasa biyyoota Awurooppaa gama siyaasaa, dippilomaasii, dinagee, hawaasumaafi amatiitiin jiru biyyoota Afrikaa guutummaatti miidheera. Seenessa biyyoota Afrikaa isa dhugaa barreessuu Giddugalli “Black History and Education Center” hundaa’uun gumaacha olaanaa qaba. Seenessa qeenxeedhaan kan rakkatu Itoophiyaa qofa utuu hintaane biyyoota Afrikaa hunda. Seenessa qeenxee kana keessaa ba’uuf ammoo qo’annoofi qorannoo adeemsisuu barbaada. Giddugalichi qo’annoofi qorannoo adeemssisuuf daran fayyada. Giddugalichi bakka aadaan, seenaafi dhugaan biyyoota Afrikaa itti ifatti ba’uufi addunyaatti beekamuudha.

Giddugalli “Black History and Education Center” kun seenaa hundeeffama Gamtaa Afrikaa hundeeffamasaarraa kaasee qorachuudhaan hariiroo daldalaafi dipilomaasii biyyoota Afrikaa gidduu jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Miidiyaa guddaan waa’ee Afrikaa addunyaatti beeksisu hundeessuuf yaadamaa jira. Kaayyoonsaa qo’annoofi qorannoon giddugalichi adeemsisu addunyaatti beeksisuun akkasumas aadaa, safuu, seenaa, dhugaa, haqa, qabeenya, gootummaafi beekumsa ganamaa biyyoonni Afrikaa qaban qoratee baasuun addunyaatti beeksisuudha. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya walabumaashee mirkaneeffatte ta’uusheetiin ‘Gamtaan Afrikaa’ biyyattiitti akka hundaa’u ta’eera.

Bariisaa: Dhumarratti yaadannoo Injifannoo Adwaa baranaa maaltu adda taasisa? Yaada hinkaane ykn yoo ergaa qabaattan?

Obbo Girmaa: Waggaa 128 booda Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa bakka bu’u ijaaramuun ayyaana Yaadannoo Injifannoo Adwaa baranaa adda taasisa. Godambichi bara mootummaan Oromoo biyya bulchaa jiru keessa ijaaramuun ammoo waan biraati.

Waraana Adwaa haala rakkisaa keessatti tokkummaan injifannee har’a ammoo hiyyummaa injifachuu dhabuun keenya boquu gad nu qabachiisa. Lolaan warra adii injifannee har’a ammoo hiyyummaafi beekumsaan isaan jalatti kan kufnu yoo ta’e, injifannoo Adwaarratti galmeessifne nu jalaa xiqqeessa. Har’a teknolojii, qulqullina barnootaa, waliin mari’annee rakkoo keenya furachuufi siyaasi keenya sadarkaa akkamiirra jira jennee yoo ilaalle gaaffii guddaa walitti kaasuu qabnuudha.

Ummanni jaarraa 21ffaa keessa goota jedhamu ummata akkamiiti yoo naan jette, ummata taa’ee rakkoosaa mariidhaan furatee nageenya biyyasaa mirkaneessuufi boqonnaa ittaanutti ceesisuudha. Oromiyaas ta’e biyyattiin yeroo ammaa rakkoo siyaasaafi waldhabdee guddaa keessa jirti. Beektonni keenya, mootummaafi warri hidhatanii bosona jiran rakkoo siyaasaafi waldhabdee naannoon Oromiyaafi biyyattiin keessa jirtu kana mariidhaan furuu yoo danda’an bor gootota siidaan dhaabbatuf ta’uun gootota Adwaa waliin sarara tokkorra dhufu.

Walumaagalatti gootummaan anaaf waldhaga’uu, hoggansa ofii dhaga’anii hordofuudha. Hoggansi waan maatiirraa jalqabuuf hunduu bakkuma jirutti hogganaasaa dhaga’uu, hogganaanis qaama hogganu dhaga’uu qaba. Kanatu walqabatee biyya ijaara. Kanaaf gootummaan anaaf waldhaga’uu, waliif obsuu, waliin mari’achuu, waliidhoksuufi walgorsuudha. Yoo kana goone Injifannoo Adwaa irra deebinee galmeessisuu dandeenya.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ “Injifannoo Adwaa seenaa qeenxee, olaantummaan amantiifi saba tokkoo faarsu hambisuun seenaa waloon akka jiraatu taasiseera” – Obbo Girmaa Namarraa (Hayyuu Seenaa)”

  1. Pingback: auto swiper

Comments are closed.