Dajjaazmaach Garasuu Dhukii (Abbaa Booraa)

Dajjaazmaach Garasuu Dhukii abbaasaanii Obbo Dhukii Dhabsuufi haadhasaanii Aadde Warqee Elemaarraa Caamsaa 19 bara 1897Godina Shawaa Kibbaa Lixaa, Aanaa Walisoo, Maaruu, bakka addaa Kaaroo jedhamutti dhalatan.

Dajjaazmaachi Garasuun maatiisaaniif ilmasaanii 6ffaadha. Dajjaazmaachichi kan guddatan mana maatiisaaniitti waan ta’eef yeroo umriinsaanii barnootaaf gahu barsiisaan mindeeffameefi barnoota wayita sana kennamu akka argatan taasifameera.

Dajjaazmaach Garasuu Dhukii ijoollummaasaaniirraa kaasee nama cimaafi namaan waliigalan waan turaniif hiriyootaafi namoota guguddoo biratti kan jaalataman turan. Yeroo umrii ijoollummaa keessa turanittis ispoortiiwwan aadaa kanneen akka gugsii fardaa, qolannaa gaachanaafi darbannaa eeboo akkasumas tooftaa adamoofi waraanaa abbaasaaniirraa akka barataniidh kan himamu.

Taphoota Dajaazmaach Garasuun jaalatan keessaa inni muummeen gugsii fardaa ture. Dandeettii gugsii fardaa qabanirratti jabummaan onneefi qaamasaanii idama’ee haallitti farda to’ataniifi gulufan dinqisiifannaa cimaa waan isaan gonfachiseef yommuu umriinsaanii waggaa 10 ta’u maqaan masoo, “Abbaa Booraa” jedhamu kennameeraaf. Maqaan kunis farda isaan yaabbatanirraa akka moggaafameef maanguddoonni umriin raagan dhugaa ba’u.

Gootummaafi loltummaa

Seenaan qabsoo gootummaafi loltummaa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii kan jalqabame bara 1912 Finfinnee deemuudhaan Ministeera Waraanaa keessatti mindeeffamuun ture. Bara 1927 taayitaan (muudamni) ajajaa kumaalaa kennameef. Bara 1928 wayita faashistiin Xaaliyaanii biyya keenya weeraretti Kumaalaa Garasuun ajajaa waraanaa waliigalaa kutaa biyya Walloo ta’uun Fulbaana 26 bara 1928 gara Ambaalaaheetti duulan.

Waraana Tanbeen Amajjii 12 bara 1928 gaggeeffamerratti dhukaasa duraa kan jalqaban Kumaalaa Garasuudha. Waraana Tanbeen booda lola Maayicoorratti adeemsifameen gootummaa cimaa yoo agarsisanis waan waraanni Itoophiyaa injifatameef Ebla 22 bara 1928 mooticha Hayilasillaasee wajjin Finfinnee seenan. Borumsaa Finfinnee seenanitti Hayilasillaaseen godaantummaan gara biyya Ingiliziitti baqatan. Dajjaazmaachi Garasuun garuu gara naannawa ittidhalatan, Maarutti deebi’an.

Guyyaa Maaruutti deebi’anirra kaasee, “Xaaliyaaniidhaan bitamuu hinqbanu, bilisummaa keenyaaf waraanaaf haa kaanu” jechuudhaan firootaafi ummata naannawichaa dadammaqsaa turanii Waxabajjii 29 bara 1929 gootota beekamoo jaha kanneen akka Dajjaazmaachi Gannanaa Badhaanee, Makuriyaa Tamachawu, Hordofaa Gulummaafi Dalasaa Gobbuufaa wajjin ta’uunn iddoo Baddaa Qeerroo jedhamutti lola riphee loltummaa qabsoo Arbanyummaa eegalan.

Harka dhoowwannaa Dajjaazmaachi Garasuufi jaalleewwansaa kan dhagahan Xaaliyaanonni lammiilee biyyattii ummatasaanii gana baandota gurmeessuudhaan waraana lakkoofsaan hedduu ta’e qabatee waraanuuf yoo ittideemu humni Abbaa Booraatiin hogganamu bakka mijaa’aa qabachuun gootummaan dhukaasa tasa ittibanuun hedduu ajjeesanii namoota saddeetiifi meeshaa waraanaa 40 booji’uun qabsicha injifannoodhaan jalqaban.

Waraana Baddaa Qeerroo kanarratti meeshaa waraanaa Dajjaazmaachi garasuun itifayyadaman, matarayyasii abbaa bishaanii jedhamee beekamu yoo ta’u, loltoonnisaanii biroon qawwee Beeljigii jedhamuun waraanicha diina waliin gaggeessaa turan.

Baddaan Qeerroo Walisoorraa fageenya dhiyootti kan argamu yoo ta’u, gaara waan ta’eef waraanni Dajjaazmaach Garasuu diina dawoo naannawa Walisoo, Qooraa, Sooddoofi Toleetti qubatu to’achuuf bakka kana akka ka’umsaatti ittifayyadamaa turan.

Waraanni Dajjaazmaach Garasuun hogganamu injifannoo Baddaa Qeerroo booda holqa Garasuu Aanaa Daawootti argamutti dawoo haala waraanaatiif ta’u ta’u mijeessuun bakka hirribaa, keettoo eegumsaa, kuusaa galaafi tajaajila ittisaatiif ittifayyadamaa tureera. Njifannoo Baddaa Qeerroo booda daraggoonni naannawichaa hamilee argachuun gara qabsootti waan makamaniif meeshaan waraanaa diina booji’uun argame kennameefi humni namaa faashistootaan falmuu dabaluu danda’e. Injifannoofi bilisummaanis argame. Bilisummaa booda bulchaa iddoowwan adda addaa ta’uunis tajaajilaa turan.

Akka odeeffannoon barruu Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kibbaa Lixaatiin maxxanfamerraa argame muli’isanitti Garasuun dhukkubsatanii Caamsaa 29 bara 1958 lubbuunsaanii dabarte yoo ta’u siidaan yaadannoosaaniis Bataskaana Caffoo Gabri’eelitti argama.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You