“Tajaajila elektirikii dhabuun madda rakkoo hojidhabdummaa keenya isa olaanaadha” – Dargaggoota Magaalaa Addis Boodarii

Boodariin magaalaa xiqqoo Naannoo Itoophiyaa Kibba Lixaa, Godina Daawuroo, Aanaa Loomaatti argamti. Magaalattiin kun Hidha Madda Humna Elektirikii Gilgal Gibee-III (3) irraa fageenya kiiloo meetira shaniirratti argamtus tajaajila ibsaa elektirikii hinqabdu. Tajaajilli ibsaa magaalattii bira ga’uu dhabuun “Madda rakkoo hojidhabdummaa keenya isa olaanaadha” jedhu dargaggoonni magaalattii.

Dargaggoo Minaas Iyyoob, Barakat Indiriyaas fi Fiqruu Folaa dargaggoota Magaalaa Boodarii keessa jiraataniidha. Dargaggoonni kunneen yaada dhiyeenya kana garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa magaalattiitti argameef kennaniin akka jedhanitti, magaalattiin Hidha Madda Humna Elektirikii Gilgal Gibee-III irraa kiiloo meetira shan qofa fagaattee argamtus tajaajila ibsaa hinqabdu. Bu’uuraalee misoomaatiinis duubatti haftuudha. Manni barnootaa sadarkaa lammaffaas magaalattii keessa waan hinjirreef barattoonni kutaa 8ffaa xumuran baay’een barumsa addaan kutuuf dirqamaa jiru.

Kutaa 8ffaa booda barattoota maatiinsaanii iddoo biraatti barsiisuu danda’an qofatu barachaa jira. Tajaajilli ibsaa magaalattii keessaa dhabamuun ammoo tajaajiloota biroo argachuurratti dhiibbaa guddaa uumuurra darbee madda rakkoo hojidhabdummaa dargaggoota magaalattii ta’uu dubbatu.

Dargaggoo Minaas akka jedhutti, dargaggoonni magaalattii baay’een hojidhabeessa. Konteenariin dargaggoota gurmaa’aniif dhufe mummuramanii abbootii qabeenyaaf kenname. Tajaajila elektirikii waan hinqabneef hojiilee gara garaa hojjechuu hindandeenye.

Bilbila keenya bakka itti chaarjeffannu waan hinqabneef bilbilli keenya yeroo baay’ee cufaadha. Magaalattiin Hidha Madda Elektirikii Gilgal Gibee-III irraa kiiloo meetira shan qofa fagaattee tajaajila elektirikii dhabuunshee daran nama gaddisiisa jedha.

Jiraattonni magaalattii utuma madda elektirikii cina jiranii tajaajila elektirikiirraa fagaatanii dukkana keessa bulu. Tajaajiloota elektirikiirraa argachuu qabanis argachaa hinjiran. Tajaajila elektirikii argachuuf gaaffii keenya mootummaa naannichaafi mootummaa federaalaatiif dhiyeessinus hanga ammaatti deebii hinarganne. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waggaa tokko dura gara kana dhufanii tajaajila elektirikii ni argattu jedhanii turan hanga har’aatti garuu sochiin tokkoyyuu hinjiru jechuun dubbata.

Utuu nuti warri Hidha Madda Elektirikii Gilgal Gibee-III bira jirruu tajaajila elektirikii hinargatin biyyoonni ollaa tajaajilicha Itoophiyaarraa argachaa jiru. Tajaajilli elektirikii utuu nu qaqqabee keessumaa dargaggootaaf carraa hojii bal’aatu uumama. Hojiileen elektirikii fayyadamuun hojjetaman hedduudha. Utuu tajaajila elektirikii argannee maashinoota gara garaa fayyadamuudhaan warra kaaniifis carraa hojii uumuu dandeenya turre. Tajaajila elektirikii akka argannuuf sararri elektirikii hanga ammaatti diriire akka hinjirres ni dubbata.

Soolaarii waatii 150 maddisiisu qarshii kuma 45n bitee hojii gaaraajii hojjechaa kan jiru Dargaggoo Minaas akka jedhutti, galii hojicharraa argatuun of jiraachisaa jira. “Soolaaricha bituun koo qarshiidhaanis ta’u jiraattonni magaalattii mobaayiliisaanii nabiratti akka chaarjeffatan gargaareera. Hojii hojjennu hunda humna elektirikiin utuu hintaane humna keenya fayyadamuun hojjechaa jirra. Tajaajila elektirikii waan hinqabneef carraa miidiyaarraa odeeffannoo argachuus hinqabu jedha.

Akka dargaggoo Minaas jedhutti, magaalattiin tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluus hinqabdu. Jiraattonni magaalattii bishaan dhugaatiifis ta’e uffata miiccachuuf bishaan lagaatti fayyadamaa jiru. Hanqinni qulqullina bishaan dhugaatii hawaasa dhibeewwan gara garaatiif saaxilaa jira. Jiraattonni magaalattii bishaan dhugaatii argachuuf fageenya kiiloo meetira tokkoo hanga sadii miilaan imalanii lagaa waraabanii ittifayyadamaa jiru.

Magaalattiin mana barumsaa sadarkaa lammaffaa waan hinqabneef barattoonni kutaa 8ffaa xumuran kiiloo meetira saddeet deemanii Magaalaa Shootaatti, ykn kiiloo meetira 17 deemanii Magaalaa Yallootti barachuuf waan dirqamaniif barattoonni maatiinsaanii barsiisuu hindandeenye baay’een barumsasaanii kutaa 8ffaa booda addaan kutuuf dirqamaa jiru. Barattoonni magaalattii barnoota sadarkaa lammaffaa magaalota Shootaafi Yallootti baratan guyyaa guyyaan manaa deddeebi’anii barachuu waan hindandeenyeef mana kireeffatanii barachaa jiraachuu dubbata.

Erga tajaajila elektirikii ni argattu, manni barumsaa sadarkaa 2ffaas ni ijaarama jedhamnee bubbuleera kan jedhu dargaggoon kun, konteenaroonni 150 dargaggoota magaalattii shan shaniin gurmaa’aniif akka kennamaniif qophaa’anillee mummuramanii konkolaataadhaan fe’anii utuu nuti duukaa ilaalluu iddoo biraa geeffaman jechuunis ibsa.

Akka Dargaggoo Barakat jedhutti, otoo biyyoonni ollaa tajaajila elektirikii Itoophiyaarraa argachaa jiranii magaalaan keenya Hidha Madda Elektirikii Gilgal Gibee-III 3 maddii teessee tajaajila elektirikii dhabuun sirrii miti. Humna elektirikii malee maashinni socho’u hinjiru. Maashiniin rifeensa sirreessullee humna elektirikiitiin hojjeta. Kanaafuu maashinoota gara garaatti fayyadamnee hojjechuu hindandeenye.

Soolaarii fayyadamuudhaan hojii rifeensa sirreessuurratti kan bobba’e dargaggoon kun, soolaariin ifa aduutiin waan hojjetuuf waqtii roobaafi ifni aduu gahaan hinjirre hojii malee dabarsaa jiraachuu dubbata. Tajaajila elektirikii argachuuf yeroowwan gara garaa gaafachaa turrus hanga ammaatti Bulchiinsa Godina Daawuroorraas ta’e Aanaa Loomaarraa deebii arganne hinqabnu jedha.

Utuu tajaajila ibsaa argannee hojiilee mukaafi sibiilaa adda addaarratti hirmaannee hojjechuu dandeenya kan jedhu dargaggoo Barakat, dargaggoonni duraan Kaampaanii ijaarsaa ‘Saaliinii’ waliin ijaarsa Hidha Madda Elektirikii Gilgal Gibee-III hojjechaa turaniifi ogummaawwan hojiilee gara garaa gonfatanii bahan baay’een magaalattii keessa tajaajilli elektirikii waan hinjirreef hojii malee taa’aa jiru. Utuu tajaajilli elektirikii magaalattii qaqqabee dargaggoonni carraa hojii adda addaa ummatanii hojjechuu danda’u turan jedha.

Dargaggoonni magaalattii hedduun carraa hojii waan hinqabneef gara magaalota gara garaatti godaanaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, utuu tajaajilli elektirikiifi bu’uraaleen misoomaa biroon nuu diriirfamanii dargaggoonni dhimma magaalota ykn biyyoota alaatti godaananiif hinqaban jedha.

Jiraattonni magaalattii dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu waan hinqabneef yoo xinnaate sa’aatii 1:30 miilaan imalanii bishaan lagaa waraabbatanii fayyadamaa jiaachuu kan himu Dargaggoo Barakat, hanqini qulqullina bishaan dhugaatii ammoo fayyaa hawaasaarratti miidhaa guddaa geessisaa jira. Guyyaatti yoo xiqqate sababa hanqina qulqullina bishaan dhugaatiitiin namoot 30tu tajaajila wal’aansa fayyaa argachuuf gara buufata fayyaa deema. Dhibeen busaas jiraattota magaalattii daran miidhaa jiraachuu dubbata.

Magaalattii keessa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa-8ffaa tokko qofaatu jira kan jedhu dargaggoon kun, barattoonni magaalattii gara kutaa 9ffaatti darban miilaan dhaqa qofa sa’aatii lama deemanii Magaalaa Shootaatti barachuuf dirqamu.

Manni Barumsaa sadarkaa lammaffaa Yallootti argamu ammoo miilaan adeemsa sa’atii ja’aa waan ta’eef deddeebi’anii barachuun hindanda’amu. Barattoonni maatiinsaanii magaalota Shootaa ykn Yallootti mana kiraa fuudhaniifii nyaata isaanii danda’anii barsiisuu hindandeenye barnootasaanii kutaa 8ffaatti dhaabuuf dirqamaa jiraachuu hima.

Dargaggoo Fiqruun akka jedhutti, daraggoonnis ta’e jiraattonni magaalattii tajaajila elektirikii dhabuudhaan daran miidhamaa jiru. Yeroo ammaa hojiin baay’een ‘online’ dhaan raawwatama. Tajaajila kana argachuuf jalqaba tajaajilli ibsaa jiraachuun dirqama ta’a. Nuti tajaajiloota elektirikiirraas ta’e karaa ‘online’ kennamu argachaa hinjirru. Intarneetii fayyadamnee odeeffannoo barbaachisus argachaa hinjirru. Hanga ammaatti tajaajila elektirikii dhabuun keenya rakkoo bulchiinsaarraa madda jedheen yaada jedha.

Rifeensa mataa sirreeffachuufillee magaalaa biroo deemuuf dirqamaa jirra kan jedhu dargaggoon kun, carraa miidiyaa (televiizhinii) daawwachuufi odeeffannoo argachuullee hinqabnu. Jiraattonni magaalattii tajaajila elektirikii, bishaan dhugaatiifi bu’uuraalee misoomaa biroo dhabuudhaan daran miidhamaa jira. Ji’a kana keessa ammoo weerara dhibee busaatiin baay’ee miidhamaa jiraachuus himeera.

Gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaas hojii dirree garasitti taasiseen magaalattiin tajaajila elektirikii, bishaan dhugaatii qulqulluufi bu’uuraalee misoomaa kan hinqabne ta’uufi dargaggoonni baay’een hojii malee daandiirra dhaabachaa kan oolan ta’uu hubateera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You