Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gujiifi duudhaaleesaa

Ardaa jechuun bakka namoonni quttuma jireenyaa, fooraa ykn horaa, qachaa sirna Gadaa, mana jireenna dhunfaafi kkf irraa qubatanii turan jechuudha. Gabalaan (area) Gadaan itti qachisee ykn qubatee ittijilifatu ardaa jedhama. Bariisaanis odeeffannoo dhimma kanarratti Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi maddeen adda addaarraa argate akka ittaanutti qindeessee dhiyeesseera.

Hundaa ol jechi ardaa jilaa jedhu kan ibsu, quttuma ykn gabalaa yaa’a ykn Abbootii Gadaa jechuudha. Akkasumas Jila jechuun sirna ykn aadaa ummatni Oromoo hawwii jiruufi jireenyasaa guuttachuuf karaa aadaatiin eenyummaasaa ibsuuf kan geggeeffatuudha.

Jilli sirnoota adda addaa of keessaa qaba. Isaanis, Jila maqbaasaa, jaarraa utaaluu, baallii Gadaa wal-harkaa fuudhuufi kkf eeruun nidanda’ama. Ardaafi Jilli yoo haala armaan oliitiin ibsamu “Me’ee Bokkoo” yoo itti dabalamee garuu hiiknisaa akka yaada addaa of keessaa qabu dubbistooti keenya xinxaluunsaanii hinoolu.

Akka dabarsaan maanguddootaa himutti, “Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo” jedhame kanarratti jaarraa dheeraa dura nami bakka kanarratti qubatee akka hinbeekne dubbatama. Dabarsaan maanguddootaa waa’ee Me’ee Bokkoo akkana jedhanii dubbatu:

“…Bara ykn jaarraa dheeraa dura obboleewwan maqaansaanii Dhugaa, Lola, Cubbo Bonaafi Rooba jedhaman karaa ila dayya’a Boruurraa ka’anii bakka qubatan barbaadachuuf deemaa turan” jedhu maanguddooti.

Oggaa bakka harannaa Bulluq jedhamu gahan Roobni “Ani bakka qubsummaa argadhe” jedhee achumatti qubatee hafe jedhama. Obboleewwan hafan ammas osoo deemanii oggaa lolaan lafa Arooressa jedhamu gahu, “Innis bakka qubsummaa argadhe” jedhee achumatti hafe jedhama.

Haaluma obboleewwan lamaaniitiin Bonni bakka Gannaalee jedhamutti hafe. Cubbo bakka Gooroo Dibbee jedhanitti qubatee yoo hafu, Dhugaan ammoo erga Bokko qubatee booda achumatti akka du’e afoolaan himamama. Haalli kun akkana ta’ee garuu lafti Dhugaan irra qubate tun lafa qubsuma Dhugaa haa jedhamtuu malee maqaansii yeroo san lafa Dhugaa jedhamti malee Bokkoo jedhamaa hinturre.

Erga Dhugaan du’ee duuba namni “Bokko” jedhamu haadha warraasaa “Me’ee” jedhamtu wajjin lafa Dhugaa tanarra qubatan. Bakka qubsumasaanii kanatti mukni ta’e boolluu qayyaa haadha warraa Bokkoo keessaan late jedhama.

Muka late kana maqaa haadha warraa Bokkootiin “Me’ee” jedhamee moggaafame. Naannawa kanatti namni walhin arrabsu; yoo akka tasaa walarrabsellee ni dhibama ykn rakkoowwan adda addaatu nama mudata jedhamee akka amanamu maanguddooni nidubbatu.

Kanarraa ka’amee lafti tun lafa dhugaa irratti dubbatan waan taateef “Woyyuudha” jedhanii daangessanii maqaa isiillee Bokkoofi haadha manasaa Me’eetiin “Me’ee Bokkoo” jedhanii akka moggaasan dabarsaan maanguddootaa ni himu.

Qubsuma Bokko lafa Woyyuu tanarra Qubate dura namni Dhugaa jedhamu achitti du’ee waan awwaalameef “Dhugoon Daama jirti; Dhugaan ammoo Bokko jirti” jedhamee mammaakama.

Sirna Baallii Gujii keessatti Hangaana galchuun maali?

Hangaana galchuun waantota lama of keessa qaba. 1ffaan aangoo ummataa ofirraa kennuu yoo ta’u, 2ffaan aangoo waaqaallee galchuudha. Kanaaf, aangoo ummataa Gadaa ittaanuuf kennuuf kan qophaa’e ta’ee, aangoo waaqaa ofirraa kennuu qaba jechuudhaan Abbaan Gadaa Uraagaa Baallii harkaa qabu naannoo laga Gannaalee (dambii Dagallee/ Sutame) deema.

Waggaa saddeet nagaan turuusaatiif Waaqa galateeffata. Kanaan duuba bara 40 irratti ilmi kiyya akka dhufee si galateeffatu naa taasisi jedhee imaanaa Waaqatti kennatee deebi’a. “Bakka Danbii Dagallee” jedhamu kanatti sababi waaqa galateeffataniif iddoon dhaloota dhala namaa inni jalqabaa (Haadaa–Hawwan) bakka kana jedhamee waan amanamuuf taasifama.

Kanaan duuba, ganama aangoo walittikennuuf qophiin ni godhama. Yeroo sa’aatiin 12:00 geettu miseensonni yaa’a Doorii gabalaa sadiiniituu (Uraagaa, Maattiifi Hokkuu) “Aangoo fudhata dhufaa jirraa karaa nuu bani” jedhanii hayyoota lama lama gara abbootii Gadaa aangoo harkaa qabanuu akkaatummaa gabalaasaaniitiin ergatu.

Erga yeroo sadii itti deddebi’anii duuba afreessoorratti Abbootiin Gadaa sadanuu kottaa jedhanii warra aangoo fudhachuuf qophaa’aniif eeyyamu. Akkuma eeyyama kana argataniin abbootiin yaa’a Doorii akkatuma gabalaa (zone) isaaniitiin hayyoota torba torba qabatanii gara qachaa Abbootii Gadaatti qajeelu.

Yeroo qachaa Gadaa gahanu Dooriin Uraagaa gara qachaa Gadaa Uraagaa, Dooriin Maattii gara qachaa Gadaa Maattii, Dooriin Hookkuu gara qachaa Gadaa hookkuu deemu.

Sirni walharkaa fuudhiinsa Baallii Gujii ji’oota torbaaf gaggeeffama

Sirni walharkaa fuudhiinsa Baallii Gujii Sirnoota garagaraatiin ji’oota torbaa oliif gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, kan baranaa Roobii darbe haala ho’aadhaan adeemsifameera.

Labsii Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo Guyyaa Guyyaan raawwatamu:

  1. Labsii Gooroo

– Woyyuu Waaqaa

– Woyyuu Lafaa

– Woyyuu Qaalluu (seera Qaalluu )

  1. Labsii Aadaa

– Ilmaafi intalaa

– Fuudhaafi heerumaa

– Aadaa soddaa

– Dhaslaafi miiloo

  1. Labsii seeraa

– Seera abbaa Gadaa

– Seera dhirsaafi niitii

– Seera ilmaafi intalaa

  1. Lallaba Woyyuu

-Woyyooma abbaa Gadaa

-Woyyooma haadhaafi abbaa

-Woyyooma ardaa jilaa

  1. Lallaba Aadaa

– Aadaa hirbaafi dabaree

– Aadaa qusannaa

– Aadaa fuudhaafi heerumaa

  1. Lallaba seeraa

– Seera lubaa

– Seera yaa’aa

– Seera fincaan shanii

  1. Labsii Woyyoomaa

– Woyyooma haaganaa

– Woyyooma malkaa

– Woyyooma soddaa

  1. Labsii Aadaa

-Aadaa soddaa

  1. Labsii seeraa

– Seera maddaa

– Seera malkaa

– Seera ayyaantuu

– Seera Qaalluu

  1. Labsii seeraa

– Seera bosonaa

– Seera beelladaa

– Seera mukaa

– Seera ijoollee

– Seera uwwaa

-Seera waataa birraa

– Seera tumtuu

  1. Lallaba seeraa

– Seera fagaa murtii

– Seera yuubaa

– Seera jaarsaa

– Seera Gumii

-Seera Gabalaa Gadaa

– Seera balbala torbaa

– Seera gabalaa Qaalluu

yaa’a Doorii gabalaa sadiiniituu Lallaba Dhaamata seera maraa/hundaa

✓Waa’ee Gooroo

✓Waa’ee Aadaafi

✓Waa’ee Seeraa “ An Gooroo sii Lallabee Gooree teetiin galii” Seerota Dhaamataa kana lallabuu

Jila maqbaasaa

Godina Gujii, Aanaa Gooroo Doolaa, Ardaa jilaa Qilxaa Eebbaaseetti Abbootiin Gadaa Hookuu ijoollee Dabbalee maqaa baasaniiru.

Ilmi maqaa bayee ilma nageyaa,

Ilma abbaa dhage’uu, intala haadha dhageetu akka taate/ta’e jechuun yeroo maqaa baasan eebbisaniiru.

Jilli kun abbootiin Gadaa Gujii kan Harmuufaa (kan Baalliin harka ture) ijoolleesaanii sadarkaa irra jiranirraa gara sadarkaa ittaanuutti darbuuf raawwatamuudha.

Jila kana keessatti sirnootni armaan gadii raawwatamaniiru.

✓Sirna buna badaafachuu

✓Sirna Dhaabaa dhaabuu (mijuu aannaniifi

bunaa qalmaa)

✓Sirna Qootii dhaabuu

✓Sirna sirboota aadaa adda addaa

(Weedduu loonii Yokeefi Horeyyoo)

✓Sirna Muuda Woddeessaafi Siiqqoo

✓Sirna Qodaa Damboobaa unuu

✓Sirna maq-baasa ijoollee Daballeefi

mataa haaduu

✓Sirna qabaa kormaafi tapha sirba Shaboo

Yaasaa

✓Sirna Hariirtii Kormaa

✓Sirna Dhiiga qabannaa

✓Sirna Qeexalaa(qubateeti qeexalee),

✓ Sirna duula Billaachaafi Ijjeesseeti

geeraru jechuun qeexalu

✓Sirna Uusaa mooraa, dhiigaafi dhiitata

ilaaluufi odeessuu

✓Sirna Dhandhamaa

✓Sirna Gubbisaa(ijoollee maqaa baatee

nyaachisuu)

✓Sirna Eebbaa geggeessuun xumurameera.

Jilti Maq-baasaa, jilti nageya!

Barri Nageya, Nage’ee.

Ittifufa

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gujiifi duudhaaleesaa”

Comments are closed.