Nagaafi misooma dhugoomsuun jaalalaan jiraachuu

Rakkoo nageenyaa iddoowwan tokko tokkotti biyya keenya mudate akka furamuuf ummanniifi bakka buutonnisaa olaantummaan seeraa mirkanaa’ee nageenyi waaraan akka bu’uuf waltajjiilee argatan hundarratti gaafachaa jiru.

Mootuummaanis tibbana qondaaltotasaa olaanaa kanneen sadarkaa federaalaafi naannoleetti argaman bobbaasuun Naannoo Tigiraayiin ala guutummaa Itoophiyaatti marii bal’aa taasiseera; kanarraas galtee gaariin argameera.

Ittifufuunis torbanuma kana keessa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) bakka buutota ummatoota godinaalee Oromiyaafi Amaaraa wajjin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Kallattii rakkooleen nageenyaa ittifuramaniifi hojiilee misoomaarratti kallattii kaa’aniiru, ejjennoo mootummaan nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf qabus ibsaniiru.

Nageenya ummataa mirkaneessuun kaayyoo ijoo mootummaati. Waa’ee nageenyaa kana ummannis waltajjii miilanaarrattis kanneen kanaan duraarrattis dhimma ijoofi murteessaa taasifatee irra deddeebiin kaasaati kan ture.

Mootummaan waraanaa Itoophiyaa kaabaatti mudate dabalatee nageenya buusuuf karaa dheeraa deemee akka mariidhaan guduunfamu gochuunsaa waan qabatamaatti mul’atuudha. Rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuufis marii marsaawwan lamaaf Taanzaaniyaatti taasiseera; qaama karaa seeraan alaa hidhatee socho’uun tattaaffichi fashalaa’us. Kanaan abdii kan hinkutanne mootummaan garaa bal’atee rakkoolee nageenyaa naannolee Oromiyaas ta’e Amaaraa bu’uurarraa furuuf tattaaffii eegale akka ittifufu ibseera.

Mariin filmaata jalqabaa ta’us olaantummaa seeraa kabachiisuun dirqama mootummaa waan ta’eef ammaan tana tarkaanfiin naannolee lamaanitti fudhatamaa jiru. Kanaanis bu’aa gaariin galmaa’aa jira.

Nageenya buusuun fedhii mootummaa qofa osoo hintaane fedhii qaamolee hidhatanii nageenya booressaniis kan barbaaduudha. Hunda ol garuu mootummaan jalqabumattuu dirree dimokraasii akka bal’atuu gochuufi daandii hinmalle deemee aangoo siyaasaa akka argatan taasisuudha.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis marii tibbana bakka buutota ummataa Naannoo Amaaraa wajjin taasisaniin “Nagaafi misooma fidnee jaalalaan jiraachuu malee fedhii biraa hinqabnu” jedhan.

Keessumaa Naannoon Amaaraa waraanaa keessaa bahee otoo waggaallee hinguutin konkolaataafi ambulaansii gubuun sirrii miti. Yaadni addaa yoo jiraate mariidhaan deebiin irratti kennamee isa kaan ammoo dhiifamaan darbuu malee walajjeesuu hinbarbaachisu.

Itoophiyaafi ummatootasheef kan barbaachisu nageenya, misooma. Namni gara nagaatti deebi’ee mari’achuu barbaadu mari’achuu danda’uu qaba. Kanaaf ammoo abbootiin Gadaa, abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaa akkasumas dargaggoonni qoodasaanii bahachuu qabu.

Waanti humna mootummaatiin deebi’u yoo jiraate deebi’ee, kan hindeebine yoo jiraate ammoo karaa ummanni dhaga’uun yeroo kennanii furuutu barbaachisa.

Akka Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad jedhanittis, rakkoo kamuu gara waltajjiitti fidanii dhiifama walii gochuu, yoo beenyaa barbaachises kanfalamee araaramuufi waliigaluu barbaachisa. Fedhiin mootummaa naannolee Oromiyaattis ta’e Amaaraatti qabsoon waraanaa, danquufi walajjeesuun hafee gara nagaatti akka deebi’amuudha.

Gaaffiilee ummanni kaasuuf deebii kennuun kan danda’amu yoo mootummaan boqonnaa argatee hojjete qofa ta’uunis sirriitti hubatamuu qaba. Kanaafis mootummaan utubamuu qaba. Kanneen karaa hinmalle qabatan walta’iinsaan deebisuunis barbaachisaadha.

Nagaafi misooma dhugoomsuun jaalalaan jiraachuuf ummanni bal’aan nageenyi ittifufiinsa qabuufi hawwamu, akkasumas gaaffiin nageenyaa waltajjiilee adda addaarratti kaasaa jiru akka deebi’uufiif qoodasaa murteessaa ta’e bahachuu qaba. Kanneen bobaasaa jala dhokatanii nageenyasaa booressaniifi gochoota hammeenyaa kamuu raawwachuurratti bobba’anis of keessaa baasuun gaachana nageenyasaa ta’uu qaba.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Nagaafi misooma dhugoomsuun jaalalaan jiraachuu”

Comments are closed.