“Mootii Abbaa Jifaar keessummaa bunaan simatanii ‘Bunaafi nagaa hindhabinaa’ jedhanii eebbisanii gaggeessu” -Obbo Najiib Abbaaraayyaa (Kantiibaa Magaalaa Jimmaa)

Jimmi magaalota Itoophiyaa Kibbaa dur hundeeffaman keessaa ishee tokko. Magaalaa seenaqabeettiin wiirtuu daldalaa taatee tajaajilaa turte tun jijjiirama sirna mootummaa waliin yeroo tokko ho’aa yeroo kaan ammoo qabbanaa’aa turuunshee ni yaadatama. Magaalaa tun duubatti deebitee hanga, ‘Magaalonni yoo dullooman akka Jimmaa ta’u” jedhamutti geessee turte.

Magaalaan Teessoo Abbaa Jifaar turte, Masaraan Abbaa Jifaar itti argamu, omisha bunaatiin beekamtu, waggaatti ji’a sagal rooba argattu, bosonaafi magariisa uffattee argamtu tun waggoota muraasaa as guddummaa seenaashee ganamaa deebifachaa jirti.

Misoomniifi guddinni magaalattii haala nama ajaa’ibuun adeemsifamaa jira. Qarqarri Lagni Aweetuu duraan iddoo balfi ittigatamu ture yeroo ammaa misoomee iddoo bashannanaa, aaragalfiifi suura itti ka’an ta’uun Magaalaa Jimmaa miidhagina addaa gonfachiiseera.

Gaafdeebii dhiyeenya kana hojiilee misoomaa Qarqara Laga Aweetuu invastimantii, haala nageenyaa, qonna magaalaa, galii walittiqabuufi dhimmoota biroorratti Kantiibaa Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaaraayyaa waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Sochiin misooma Magaalaa Jimmaa yeroo ammaa maal fakkaata?

Obbo Najiib: Jimmi magaalota Itoophiyaa dur hundeeffaman keessaa ishee tokko. Finfinnee, Asmaraa, Jimmaafi Dirree Dawaan magaalota biyyattii afran dur hundeeffamaniidha. Magaalaan Jimmaa Itoophiyaa Lixaatti wiirtuu daldalaa taatee tajaajilaa turte. Magaalaan dursitee hundooftee tun gidduutti duubatti deebitee turte. Yeroo dhiyoo guddummaa maqaa Jimmaa ganamaa deebisuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Karoora keenya milkeessuuf dura “Jimmi maal qabdi? jedhu adda baafannee hojiitti seenne.

Jimmi qabeenya uumamaatiin badhaatuudha. Lageen magaalattii qaxxaamuranii darban keessaa lagni Aweetuu isa tokko. Lagni kun fageenya kiiloo meetira 12.5 yaa’uun magaalattii qaxxaamura. Kana malees lageen xixiqqoon akka Kiittoofi Doloolloo laga Aweetuutti dabalamuudhaan magaalattii qaxxaamuranii gara laga Gibeetti yaa’u.

Lagni Gibee lakkoofsi tokkos Magaalaa Jimmaa tuqee darba. Lageen Magaalaa Jimmaa keessa qaxxaamuran Laga Gibeetti yeroo makaman Haroo Booyyee uumu. Jimmi magaalaa gaarreen bosona uffataniin marfamtee argamti. Magaalaa magariisa, qabeenya uumamaan badhaateedha.

Lagni Aweetuu waqtii gannaa guutee jiraattota magaalattii qe’ee isaaniirraa buqqisaafi qabeenya isaanii barbadeessaa ture. Rakkoo lagichi jiraattotarraan gahaa ture furuuf hojiin daangaa lagichaa misoomsuu fageenya kiiloo meetira afur irratti raawwatameera. Qarqarri Laga Aweetuu iddoo itti balfi gatamu ture yeroo ammaa iddoo bashannanaa, iddoo aaragalfii suuraa ittika’an ta’ee tajaajilaa jira.

Qarqarri laga Aweetuu yeroo ammaa daanga’ee abaaboo, biqiloota adda addaafi margaan uwwifamee iddoo bashannanaa, iddoo ittidubbisaniifi suura ittika’an ta’ee tajaajilaa jira. Qarqarri lagichaa yeroo ammaa bakka ittishaayiifi buna dhuganii ittiboqotaniifi bashannanan ta’ee tajaajilaa jira. Qarqara lagichaatti iddoon bashannanaa ‘Aweetuu’ jedhamuufi wiirtuun dargaggootaa ijaaramanii hawaasa bal’aaf tajaajila kennaa jiru.

Wiirtuu dargaggootaafi iddoo bashannanaa kana gidduu daandiin konkolaataa waan jiruuf riqichaan akka walquunnaman ta’eera. Riqichi kun magaalattii miidhagina addaa gonfachiiseera. Jimmaan barcuma miila sadiitiin waan beekamtuuf ijaarsi riqichichaa barcuma miila sadiitti fakkeeffamee akka ijaaramu ta’eera. Oggaa maqaan Jimmaa ka’u bunaafi maqaa Abbaa Jifaartu ka’a. Yeroo ammaa ammoo Laga Aweetuufi misooma qarqara lagichaatu duukaa ka’aa jira. Hojiin misooma qarqara Laga Aweetuu galii magaalattiin walitti qabduun hojjetamaa jira. Hojiin misooma qarqara lagichaa waggaa waggaan humna galii magaalattiirratti hundaa’uun hojjetamaa jira.

Erga hojiin misooma qarqara lagichaa jalqabamee waggoota sadii lakkoofsiseera. Yeroo ammaa hojiinsaa boqonnaa tokkoffaafi lammaffaan xumuramee gara boqonnaa sadaffaatti ce’eera. Hojii boqonnaa sadaffaa bara dhufu xumuruuf karoorfannee hojjechaa jirra. Hojichaaf hanga ammaatti qarshiin miiliyoonni 200 ba’eera.

Hojii misooma qarqara Laga Aweetuun cinatti hojiin misooma paarkii magaalaa lafa heektaara 12.5 irratti adeemsifamaa jira. Paarkiin magaalaa misoomaa jiru kun oolmaa daa’immanii, wiirtuu aadaa, restoraantii, mana kitaabaafi iddoo magariisaa qaba. Hojiileen misoomaa paarkii kun qarshii miiliyoona 50n adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, miidhaginaafi qulqullina magaalattii mirkaneessuu, jireenyaaf mijataafi filatamtuu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bariisaa: Bu’uuraalee misoomaatiin walqabatanii hojiileen magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jiran maal fakkaatu?

Obbo Najiib: Daandiiwwan Magaalaa Jimmaa keessa jiran kan bara Xaaliyaanii hojjetaman yeroo ammaa dulloomanii gara biyyootti jijjiiramaa waan jiraniif hojiin daandiiwwan kanneen haaressuufi babal’isuu raawwatamaa jira.

Ji’oota ja’an darbanitti daandii kiiloo meetirri ja’a qarshii miiliyoona 400n hojjetameera. Hojiileen sarara elektirikiifi bishaan dhugaatii qulqulluu diriirsuus bal’inaan raawwatamaa jiru. Hojiin kunneen galii magaalattiitiin hojjetamaa jiru.

Bariisaa: Hojiileen qonna magaalaafi carraa hojii uumuun walqabatanii raawwatamaa jiran akkamitti ibsamu?

Obbo Najiib: Hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu inisheetiivii naannoorraa gadibu’ee hojiirra oolaa jiruudha. Magaalaa keenyatti wabii nyaata mirkaneessuuf kilaastaroota 300 ta’an ijaarree lukkuuwwan miiliyoona 1.2 itti galchuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Hanga ammaatti lukkuuwwan kuma 400 kilaastaroota 187tti galchineerra. Sheediin lukkuu tokko lukkuuwwan 2,000 qabata. Sheediin tokko ammoo dargaggoota gurmaa’an 20f kennama. Dargaggoon tokko lukkuuwwan 100 sheedicha keessaa qaba.

Omisha aannaniif kilaastaroota 100 ijaaruuf karoorfannee hojjechaa jirra. Hanga ammaatti kilaastaroota 67 ijaaruudhaan sanyii loon aannanii filatamoo kuma tokkoofi 500 ittigalchineera. Sheediin loonii tokko loowwan aannanii 60 qabata.

Sheediin loonii tokko dargaggoota gurmaa’an 20f kennama. Tokko tokkoon dargaggootaa loowwan sadi sadii sheedicha keessaa qabu. Sheediin lukkuus ta’e kan loonii tokko dargaggoota 20f carraa hojii uumeera. Sheedota 100 ta’anitti ammoo hojiin sangoota kuma saddeet furdisuun gabaaf dhiyeessuuf hojjechaa jirra.

Omishni fuduraaleefi dammaas kilaastaraan adeemsifamaa jira. Kilaastaroota 518 barana magaalattiitti hojjechuuf karoorfaman keessaa hanga ammaatti kilaastaroonni 340 hojjetamanii tajaajila kennaa jiru. Kilaastaroonni kunneen hojjetanii agarsiisuuf kan hojjetaman yoo ta’u, jiraattonni magaalattii qe’eesaaniitti hojii qonna magaalaarratti hirmaataa jiru. Hojiin wabii nyaataa mirkaneessuuf raawwatamaa jiru magaalota naannoofi biyyattii biroof fakkeenya gaarii ta’a.

Barana dargaggoota kuma 28f carraa hojii uumuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Raawwii karoora hojii ji’oota ja’an darbaniitiin dargaggoota kuma 20 ta’aniif carraa hojii uumneerra. Dargaggoonni kunneen irra jireessaan kilaastara horsiisa lukkuu, loowwan aannanii, fuduraalee, omisha dammaafi hojiilee biroorratti gurmaa’anii hojjechaa jiru. Pirojektonni bajata qarshii miiliyoona 50 gadiin hojjetan dargaggoota IMXn gurmaa’aniifi gara IMX giddugaleessaatti ce’aniif kennamaa jira.

Hojiiwwan dargaggoonni gurmaa’anii hojjechaa jiran kunneen omishaafi omishtummaa guddisuun qaala’insa gatii hir’isuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee guddaa qabu.

Bariisaa: Galii walittiqabuun walqabatee karoorriifi raawwiin hojii baranaa maal fakkaata?

Obbo Najiib: Magaalattiin galii walittiqabuurratti dadhabduu turte. Waggaa lama dura galiin magaalattii miiliyoona qarshii 400 ture. Bara darbe galiin biiliyoona 1.5 walitti qabameera. Barana ammoo galii qarshii biiliyoona sadii walittiqabuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniitiin galii qarshii biiliyoona 1.3 walittiqabameera. Hanqinoota guunnee humna qabnu hundatti yoo fayyadamne qarshii miliyoona 300 ol walittiqabuu dandeenya.

Magaalattiin bakka ittikuftee turtee kaatee awwaara ofirraa haxooftee gara fuulduraatti deemaa jirti. Misoomaafi guddina magaalattii si’eessuuf hirmaannaan ummata magaalattiifi hoggantoonni kutannoofi miira kaka’umsa cimaa qabuun waliin hojjechaa jiru. Kana caalaa guddachuufis carraa guddaa qabdi. Carraawwan jiru hundatti fayyadamuun misoomaafi guddinashii caalaatti si’eessuun hawaasa hirmaachisuun ni hojjenna.

Bariisaa: Haalli nageenyaafi invastimantii magaalattii maal fakkaata?

Obbo Najiib: Ummanni Jimmaa uummata nagaa jaalatuufi sabootaafi sablammoota biyyattii waliin nagaa, jaalalaafi obbolummaan jiraatuudha. Jimmaan magaalaa sabootni, sablammootniifi ummattootni biyyattii hundi nagaa, jaalalaafi tokkummaan keessa jiraatan waan ta’eef Itoophiyaa xiqqoo jennee waamuu dandeenya.

Mootii Jimmaa Abbaa Jifaaris baraasaaniitti nagaaf iddoo guddaa kennu turan. Mootii Abbaa Jifaar keessummaa bunaan simatu; keessummaa yeroo gaggeessan ammoo “Bunaafi nagaa hindhabinaa!” jechuun eebbisu. Duudhaan kun hawaasa magaalattii biratti hanga ammaatti ittifufee jira. Yoomiyyuu nagaan waan hundaaf bu’uura. Nageenya magaalattii mirkaneessuu keessatti gumaachi abbootiin amantiifi jaarsolii biyyaa taasisaa jiran olaanaadha.

Dargaggoonnis duudhaa abbootiirraa dhaalan ittifufsiisuu keessatti hirmaannaa guddaa taasisaa jiru. Dhimma nageenyaarratti jiraattonni magaalattiifi qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechaa jiru. Nageenyishii amansiisaadha. Nagaadha jennee hojii nageenya eegsisuu utuu hindagatin cimsinee ittifufuus qabna.

Naannoleefi magaalonni biyyattii biroon Magaalaa Jimmaarraa barachuu kan qaban sabummaafi amantiin utuu walhinqoodiin nageenyi bu’uura waan hundaa ta’uu hubachuun nageenyaaf iddoo guddaa kennanii irratti hojjechuudha. Nageenyishii mirkanaa’uun hojiileen invastimantiifi misoomaa cimanii akka ittifufan taasiseera.

Jimmi waggaa keessaa ji’oota sagaliif waan rooba argatuuf hojii misooma qonnaatiifis mijattuudha. Omisha bunaa, boqqolloo, fuduraalee, albuudawwan gara garaatiin waan beekamtuufis abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa damicharratti bobba’uu barbaadan simachuuf qophiidha. Haalli qilleensashiis daran mijataadha.

Bariisaa: Hojiin sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf raawwatamaa tureefi jiru hoo maal fakkaata?

Obbo Najiib: Kallattii mootummaan barnootaaf xiyyeeffannaa kenninee hojjechuu qabna jedhu gad bu’ee magaalattiitti hojiirra oolaa jira. Hojiin sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuufi mijataa taasisuus qarshii miliyoona 30 ramaduun hojiileen gara garaa raawwatamaa turaniiru. Walumaagalatti hojii mannneen barnootaa babal’isuufi sadarkaasaanii fooyyessuuf qarshii miiliyoona 115 baasii ta’eera.

Dhaabbileen amantii adda addaas manneen barnootaa bu’uura boruu sadarkaasaanii eeggatan ijaaraniinii nuu kennaniiru. Manneen barnootaa bu’uura boruu 19 ijaaramanii xumuramanii tajaajila kennaa jiru.

Manneen barnootaa 25tti barattoota kuma 28 nyaachisuuf karoorfannee yeroo ammaa barattoota kuma 26 nyaachisaa jirra. Erga sagantaan nyaata barattootaa jalqabamee waggaa lama ta’eera. Yeroo ammaa sagantichi barattootaa mana barnootaa tokkoon ala manneen barnootaa hundatti hojiirra oolaa jira.

Hoggantoonni hojii qabxii barataa fooyyessuurratti hirmaachuun mana barumsaa tokko tokko fudhatanii akka hordofaniifi to’atan ta’eera. Ani akkan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Abbaa Bunaa jedhamu hordofuuf naa kenname. Mana barnootaa qormaata biyyaalessaa 12ffaa bara darbeetiin barataa tokkoyyuu hindabarsine kantiibaan akka hordofu ta’eera.

Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa barattoota xiqqaa dabarse ammoo ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa akka hordofu ta’eera. Hoggantoonni shan manneen barnootaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa dabarsuurratti hanqina qaban akka gargaaraniifi deggeran ta’eera.

Hojiin kun barattootaa ciccimoo, giddugaleessaafi dadhaboo jedhee bakkawwan sadiitti qooduudhaan adeemsifamaa jira. Barattoota dadhaboof sa’aatiin dabalataa kennamee akka gargaaraman ta’eera. Barattoonni giddugaleessaa akka ciman, ciccimoon ammoo daran akka cimaniif xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira. Keessumaa barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa barataniif xiyyeeffannaan addaa kennamee irratti hojjetamaa jira. Barsiisota ciccimoofi giddugaleessa ta’anis adda baasuudhaan akka waldeeggaran taasifneerra.

Keessumaa barattoota kutaa 12ffaaf mana kitaabaa mijeessuufiin akkasumas kitaabonni barbaachisan akka guutamuuf ta’eera. Gaaffiilee qormaatawwan waggoota torba darbanii hojjechuudhaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf akka of qopheessan ta’aa jira. Barsiisonnis Sanbataafi Dilbata dabalatee barattoota akka barsiisaniif kallattii keenyee hojjechaa jirra. Hojichas yeroo yeroon gamaaggamaa jirra.

Bariisaa: Raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniitiin sochiin invastimantii akkamitti ibsama?

Obbo Najiib: Bara darberraa kaasee hanga ammaatti pirojektonni invastimantii 120 kaappitaala biiliyoona 15 galmeessisuun hoteela, riil isteetii, manifaakchariingiifi kkf irrattu hirmaachaa jiru. Kanneeniifis lafti adda bahee koree invastimantiitiin murtee akka argatu ta’eera. Hojiin kun boordii invastimantii naannootiin hogganama. Pirojekota boordii naannootiin ragga’anii dhufan 120 keessaa 94 hojiitti galaniiru.

Pirojektota hojiitti seenan keessaa Riizoortiin Hayilee kan kutaa ciisichaa 120 qabu ijaarsisaa ji’oota saddeet keessatti xumureera. Hoteelli Seentaraaliis sadarkaasaa gara urjii shaniitti guddisuuf hojii babal’isaa jira.

Pirojektonni hojii ijaarsaa xumuranii hojiitti galanis jiru. Fakkeenyaaf abbaan qabeenyaa Eeliyaas Jabal jedhaman ijaarsa warshaa buna qindeessu ji’a afur keessatti xumuruun buna gabaa alaatiif dhiyeessaa jiru.

Magaalattiin invastimantii qonna magaalaa, hoteela, industirii, manifaakchariingii agiroo pirooseesiingiifis lafa heektaara 200 ol qopheessiteetti.

Bariisaa: Hirmaannaa Yunivarsitiin Jimmaa hojiilee misooma magaalattii deggaruu keessatti qabu akkamitti ibsama?

Obbo Najiib: Yunivarsitiin Jimmaa hojiilee misoomaa magaalattii deggaruu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Dizaayinii pirojektii misooma qarqara laga Aweetuu qopheessuurraa kaasee nu waliin hojjechaa jira. Hojii qonna magaalaarrattis qorannoo adeemsisuurraa kaasee hanga bakka filachuutti nu waliin hojjeta.

Bakka loowwaniifi lukkuuwwan horsiisuuf mijatu adda baasuurraa eegalee hanga ijaarsa manaatti darbees hojiilee qo’annoorraa hanga raawwiisaatti nu waliin hojjechaa jira.

Yunivarsitichi hojiilee misooma magaalattii deggaruu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Hanqinoota ijaarsa pirojektotaarratti mul’atan hordofuun hanqinoota mudatan furuurratti akkasuma. Bakka barbaachisetis leenjii kennuun deggersa barbaachisu taasisaa jira.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa.

Obbo Najiib: Isinis guddaa galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You