Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa

Abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi abbootii amantii dabalatee kutaaleen hawaasaa gara garaa naannoo Oromiyaarraa dhufan Roobii darbe Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa haala daran miidhaguun ijaaramee tibbana eebbifame daaw’ataniiru.

Injifannoon Adwaa weerartuu dhaloota gabbarsiisuuf, amantiifi aadaa hacuucuuf, qabeenyaafi horata saamuuf dhufe lammiileen Itoophiyaa irree walta’een irra aananiidha.

Injifannoon ummatoonni addunyaa cunqursaa jala jiran waa’ee bilisummaa akka yaadaniifi qabsaa’an taasise, boodarra ammoo bilisummaasaanii akka gonfataniif karaa saaqeefi carraa gaarii uumeedha. Injifannoon Adwaa taateewwan guguddoo akka addunyaatti galmaa’an keessaa isa tokko, kan hindagatamneefi jijjiiramoota danuu argamsiiseedha.

Injifannoo guddaan kun hanga aarsaa kanfalameefiin, bu’aa argamsiiseen dubbatameeraaf jechuun hindanda’amu. Godambaan Injifannoo Adwaa tibbana Finfinneetti eebbifame garuu komii kanaan dura dhimma kanarratti ka’aa tureef deebii gaarii kan ta’uudha. Godambichi sadarkaa maluufiin kan ijaarameefi dhalootaa dhalootatti ce’uudha.

Abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, abbootiin amantiifi kutaaleen hawaasaa adda addaa godambaa yaadannoo seenaqabeessa kana wayita daaw’atanitti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee qabiyyee godambaa hoggansasaaniI cimaadhaan ijaaramee eebbifamee kanaarratti ibsa kennaniiru.

Qaamoleen hawaasaa daaw’annichaa godambaa mallattoo tokkummaa saboota Itoophiyaa ta’e kanarratti hirmaatanis waan arganitti daran gammaduufi ajaa’ibsiifachuu eeraniiru. Godambicha qabeenya seenaa dhalootaa dhalootatti ce’u ta’uu hubachuusaaniis dubbataniiru.

“Ani waa’ee Adwaa seenaadhaanis beekaayyu. Har’a garuu namoota yeroo sana turan waanin arge natti fakkaate. Waan baay’ee agarre. Godambichi seenaafi tokkummaa Itoophiyaa kan ibsuudha. Bu’aan tokkummaa yeroo sanaa maal akka fakkaatu sirriitti kan ibseedha. Lammiileen biyyattii yeroo sana tokkummaadhaan duulaniiti kan biyyasaanii injifannoo gonfachiisan. Kunis godambaa kanarraa mul’ata.

Godambaan kun haala kanaan ijaaramuusaatti gammachuu natti dhaga’ame ibsuun na rakkisa. Akka waan lammata dhalanneetti kan ilaalamuudha. Waan seenaadhaan dhaga’aa turre har’a qabatamaadhaan haala kanaan ijaaramee mul’achuunsaa daran nama boonsa.

Godambichi haala guddummaa injifannoo Adwaa ibsuun kan ijaarameedha. Miidiyaadhaan irruma keessa ilaalaa turre. Oggaa as dhufnee ilaallu garuu waan addaafi seenaadha kan agarre. Seenaa guddaa Itoophiyaa madaalutu hojjetame. Hojii kanarra ciminaafi tokkummaatu mul’ata. Injifannoon Adwaa otoo irreen tokkummaa lammiilee Itoophiyaa jiraachuu baatee hin yaadamu ture. Godambaan haala tokkummaafi seenaa yeroo sanaa ibsuun ijaaramuunsaa waan nama gammachiisuudha.

Lammiin Itoophiyaa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa kana arge gootummaa abbootiisaa darbanii sirriitti yaadata. Miiraafi irree tokkoomeen diina kamuurra aanuun akka danda’amus kan agarsiisuudha. Seenaa hojjetanii darbuun haala kanaan abbaa injifannoo bara baraan leellifamu nama taasisa. Itoophiyummaan, tokkummaafi jaalalli sirriitti kanirraa calaqqisuudha. Injifannoo Adwaa kan nu gonfachiisan ijoollee sabootaafi sablammoota biyyattii hunda keessaa bahaniidha.

Abbootiin keenya irree tokkoomeen humna weerartuurra aanuun Itoophiyaan sadarkaa idiladdunyaatti ulfina akka argattuufi mallattoo bilisummaa taatee akka eeramtu taasisaniiru. Kanaafis galatatu malaaf. Galatasaaniif ammoo Godambaan Injifannoo Yaadannoo Adwaa kun ijaaramuun waanuma maluufiidha” jedhan.

Aadde Adaanachi kanaan dura oggaa waa’ee godambichaa ibsan, “Injifannoon Adawaa Itoophiyaanotarra darbee ummattoota gurraacha hundaafi ummattoota gita bittaa jala turan qabsoo bilisummaaf kan kakaase, bilisummaanis kan gahe injifannoo seenaqabeessa guddaadha.

Gootota injifannoo seenaqabeessa kanarratti qabsoo cululuqaa raawwatan kan faarsuufi yaadannoo qabsoosaa seenessu ijaarsisuun, caba seenaa suphuun bifa injifannicha madaaluun akka ol ka’u taasisuun ittigaafatamummaa keenya seenaqabeessa akka bahannu nu dandeessise argachuu keenyaan niboonna” jechuun ibsan.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You