Waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaandi aadaa waliin hojjachuu Afrikaanotaatiif bu’uura kan ta’uudha” – Gumii Dargaggoota Afrikaa

Itoophiyaafi Somaalilaandi waliigaltee waliin hojjachuu dhiheenya kana waliimallatteessan ilaalchisee akkuma qaamoleen waliigalticha sirnaan hubatan jiranitti kanneen bu’uura waliigaltichaa osoo sirnaan hinhubatiin qeeqaniifi akka waan Itoophiyaan humnaan qaama biyya tokkoo qabachuuf socho’aa jirtuutti fudhatanis hindhabaman.

Gama qaamolee lamman waliigalticha mallatteessaniitiin dhugaan ibsamaa tureefi jiru garuu, faayidaasaanii bira darbee waliigaltichi hariiroo Afrikaanotaafi biyyoota ollaa kan cimsuufi nagaafi tasgabbii biyyoota gaanfa Afrikaa mirkaneessuufis barbaachisaa akka ta’eedha.

Warreen Itoophiyaan qarqara galaana diimaa teessee waggoota dheeraaf bishaan dheebochuun akka ittifufu barbaadaniifi walitti dhufeenyi biyyoota gaanfa Afrikaa cimee nageenyi naannawichaa akka hinfooyyofne hojjatan waliigaltee qaamonni lachuu ulaagaa kennanii fudhachuutiin irratti waliigalaniifi waliimallatteessan akka waan Itoophiyaan biyyoota ollaa humnaan qabachuuf yaalaa jirtuutti kaa’uu barbaadu.

Oduuwwan sobaafi fedhii Itoophiyaa isa bu’uraa hinibsine kunniin carraalee argatan hundaan tamsaa’anii dhugaa jiru akka hindabsineef immoo hojiin dippilomaasii cimaafi dhugaa Itoophiyaa sirnaan lafa kaa’u hojjachuun barbaachisaa qofa osoo hintaane, dhimma murteessaadhas.

Fedhii Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabduufi fedhicha gara hojii qabatamaatti geeddaruuf hojii tokko jedhee eegaleen waliigalteen Somaalilaandi waliin mallatteeffame fakkeenya gaarii yemmuu ta’u, gama biraatiinis fedhiin Itoophiyaan galaana funyaanshee jala jirutti karra ittibaatu barbaaduun kun bifa lolaa ykn weeraraatiin osoo hintaane, karaa waliigalteefi mariitiin qofa ta’uusaatiifis agarsiiftuu guddaadha.

Seenaa keessatti Itoophiyaan biyyoota ollaashees ta’ee biyyoota fagoos taanaan weerartee ykn humnaan qabattee kan hinbeekne yemmuu ta’u, biyyi humnaan Itoophiyaa qabatee itti milkaa’es akka hinjirre seenaatu ragaa baha. Ammas taanaan Itoophiyaan qajeeltoo kanaan masakamuudhaan biyyoota ollaashii kamuu waliin miira walhubachuufi walkabajuutiin waliin jiraachaa jirti.

Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaandi waliimallatteessanirratti dargaggoota biyyoota Afrikaa Bahaarraa babahaniif hojiin dippilomaasiifi hubannoo cimsuu torbee darbe Fifninneetti kennamee ture.

Waltajjichi mataduree, “Walittihidhamiinsa naannawaa nageenya waaraaf” jedhuun kan adeemsifame yoo ta’u, nageenya naannawa Afrikaa bahaa mirkaneessuuf gahee Itoophiyaan qabduufi waliigalteen dhiheenya kana Somaalilaandi waliin mallatteessite akkamiin nageenya naannawichaatiif wabii akka ta’urratti gumii dargaggootaa biyyoota Ugaandaa, keeniyaa, Somaalee Laandiifi kanneen biroorraa babahaniif hojiin hubannoo uumuu adeemsifameera.

Fedhiin Itoophiyaa yeroo hunda nagaafi nagaa qofaa ta’uu kan himan Daariktarri Olaanaan Inistituyuutii Qorannoo Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Jaafar Badruu, sagantaan marii dargaggoota Afrikaa biyyoota gara garaarraa dhufan hirmaachise kun fedhii haqaqabeessa Itoophiyaan qabdu Afrikaanotaafis ta’e addunyaaf kanirratti ibsame ta’uu dubbata.

“Itoophiyaan amala biyyoota ollaashee weeraruus ta’e jeequu akka hinqabne biyyoota hundatu beeka” kan jedhan Obbo Jaafar, fedhiifi gaaffiin Itoophiyaa yeroo kamuu karaa nagaafi mariitiin akka ta’e dargaggoota Afrikaa hubachiisuudhaan dhalootni Afrikaa duubaa dhufu walittihidhamiinsa biyyoota ardichaatiif akka hojjatuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Dargaggeessi ambaasaaddara egeree nageenya Afrikaa akka ta’uuf hojiilee hojjataman hundarratti hubannoo uumuufiin barbaachisaa ta’uu kaasanii, kanaanis dargaggoon miira waliin jireenyaafi walittidhufeenya gaarii akka horatu taasisuun barbaachisaadha jedhan.

Waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaandi fedhii waliin misoomuu biyyoota lamaanii kan mirkaneesse ta’uu kan himan immoo Pirezidaantiin Gumii Dargaggoota Itoophiyaa Dargaggoo Fo’ad Gannaati. Misooma qofaaf osoo hintaane nageenya biyyoota lamaaniifi gaanfa Afrikaatiifis barbaachisaa ta’uus dubbateera.

Akka yaadasaatti; yeroo ammaatti ummata Ardii Afrikaa keessaa dhibbantaan 65 dargaggeessa umrii 35 gadii yemmuu ta’u, sababa kanaanis Afrikaan ardiiwwan kanneen akka Awuroopppaa, Eeshiyaafi Ameerikaa caalaa ardii dargaggeettii jedhamuu dandeesseetti.

Ardii dargaggeessi ittibaay’atu keessatti hojiilee dippiloomaasii dabalatee hojiiwwan mararratti bifa adda ta’een dargaggoota ardichaa hirmaachisuun dhimma filannoo hinqabne waan ta’eef, dhimmoota guguddoorratti hubannoon waloo uumamuu qabu mararratti fedhiin dargaggeessi Afrikaa qabu tokko jedhee Itoophiyaatti eegalameera.

Dargaggootni biyyoota gara garaarraa dhufan kunniin waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaandi gidduutti adeemsifame faayidaa waliin misoomuu biyyoota lamaanii bira darbee bu’ura walittidhufeenya biyyoota Afrikaa akka ta’eefis dargaggootni ardichaa shoora irraa eegamu akka bahatan Dargaggoo Fo’aad dhaamsa dabarseera.

“Daangaan biyyoota Afrikaa gidduutti yeroo ammaatti beekamu kun sarara yaadaa koloneeffattootni Afrkaa addaan hiruuf sararan malee daangaa dhugaa miti” kan jedhu immoo Ergamaa Dargaggoota ‘IGAD’ Dargaggoo Ogwal Saamiiti.

Daangaa ormi gaafa koloneeffatu sararan akka daangaa dhugaafi haqaqabeessaatti fudhachuun Afrikaa keessatti madda walitti bu’iinsaa taasifachuun dhaabachuu akka qabus nidubbata.

Sararri sirnootni koloneeffattootaa gidduu Afrikaanotaatti sararan qorqalbii Afrikaanotaa gargar qooduu kan hindandeenye ta’uu kan himu dargaggoon kun, aadaafi duudhaan biyyoota Afrikaa bu’uurri tokkummaa gidduusaanii waan jiruuf gargar qoqqoodamanii yeroon itti walwaraanan kanaan booda akka deebi’uu hindandeenyetti cabuu ibsa.

Akka yaadasaatti; Nageenya ardii Afrikaa eegsisuuf meeshaalee waraanaa guguddoo Ameerikaafi Awurooppaan omishtu caalaa kan wabii ta’uu qabu dargaggoota Afrikaati. Aadaa waliin hojjachuu ummattoota Afrikaa akka cimuuf, seenaafi duudhaa walii barachuudhaan waliif kabajuun akka jiraatuuf, Afrikaan waltajjiiwwan guguddoo Addunyaarratti irree tokkoofi ejjannoo tokkoon akka dhihaattuuf darggootarratti hojjachuun daran barbaachisaadha.

Bu’uuruma kanaan yemmuu ilaalamu waliigalteen biyyoota Itoophiyaafi Somaalilaandi gidduutti mallattaa’es qaama walitti dhufeenyaafi waliin hojjachuu Afrikaanotaa waan ta’eef barbaachisummaasaarratti gaaffiin ka’u kan hinjirre ta’uus dargaggoon kun dubbateera.

Dargaggootni Afrikaa bifa dhaabbii ta’een biyyoota walii daawwachuudhaan miira waliin jireenyaafi walitti hidhamiinsa gama hundaa cimsuun barbaachisaa ta’uu kan himu Pirezidaantiin Sosochii Dargaggoota Jibuutii Dargaggoo Ahmad Hamadu Aliiti. Innis haalli kun Ardii tokkummaa cimaa qabduufi nageenyi waaraa itti mirkanaa’e uumuuf kan gargaaru ta’uu dubbata.

Mootummootni Afrikaas shariika daldalaafi dinagdee barbaacha hanga Ameerikaafi Chaayinaa jala fiigan walitti deebi’anii waliin daldalasaanii osoo cimsatanii dhiibbaa biyyoota guddatanii jalaa bahuuf yeroo kan isaanitti hinfudhanne ta’uu kaasee, haalli qofa qofaa fiiguu kun biyyoota dur Afrikaa koloneeffataniif malee biyyoota Afrikaa fayyadu tokkollee kan hinqabne ta’uu dubbata.

Waliigalteen waliin misoomuu Itoophiyaafi Somaalilaandi gidduutti taasifame kaka’uumsa waliin hojjatanii waliin misoomuu biyyoota Afrikaatiif fakkeenya gaarii ta’a.

Walumaagalatti; hojiiwwan biyyoota ollaa waliin hojjataman hundarratti ijjannoofi fedhiin Itoophiyaa akka mul’atuuf hojii dippiloomaasiitiin deeggaruun cimee ittifufuu qaba.

Dhumarrattis Pirezidaantiin Gumii Dargaggoota Itoophiyaa Fu’ad Gannaafi Ergamaan Dargaggootaa ‘IGAD’ Saam Ogwal akkasumas miseensonniifi raawwachiistonni hojii jaarmiyaalee kanneenii Godambaa Saayinsii Itoophiyaatti argamuun agarsiisa Dippiloomaasii Itoophiyaa daaw’ataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You