“Waggoota lama booda Itoophiyaan maxxansa kitaabilee barnootaatiin of dandeessi” – Pirofeesar Birhaanuu Naggaa

Aangoowwan Ministeera Barnootaatiif kennaman keessaa inni tokko sirni barnootaa biyyattii sirnaan hojiirra akka oolu hordoffii taasisuudha. Kanarrattis sirni barnootaa inni haaraa manneen barnootaa hundatti akka hojiirra ooluufi qophiin kitaabilee barnootaa kanaaf barbaachisan bifa gahaa ta’een akka qophaa’anii barattoota bira gahaniif hojii bal’aan hojjatamaa jira.

Gama kaaniin ministeerichi ammas haasaa afaaniirraa kan hafe bu’aa qabatamaa argamsiisuun walqabatee warreen hamatanis jiru. Dhimmoota kanneeniifi kkf irratti turtiin Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisan Bariisaan haala ittaanuun qindeessee dhiyeesseera.

Bariisaa: Raawwiin qulqullina barnootaa mirkaneessuu ji’oota jahan darbanii akkamitti ilaalama?

Pirofeesar Birhaanuu: Jijjiiramni sirna barnootaa bara darberraa eegalee manneen barnootaa sadarkaa jalqabaarratti hojiirra oolaa jira. Yommuu sirna barnootaa tokko jijjiirtu wantoota hedduutu waliin jijjiirama. Kanneen keessaa tokko akaakuu barnootaa yemmuu ta’u, akaakuuwwan barnootaa kunniin dabaluus ta’e hir’achuu akka danda’an hubachuun barbaachisaadha.

Haaluma walfakkaatuun bu’aan barnootarraa argachuuf yaaddus hir’achuu mala. Akaakuuwwan barnootaa haaraa barsiisuu barbaadda yoo ta’e immoo humni barsiisotaa hojichaaf qophaa’e jiraachuu sigaafata. Gama keenyaan jijjiirraa sirna barnootaa haaraa kana eegaluun dura qaamolee dhimmichi ilaallatuufi damee barnootaa keessatti shoora qaban hunda waliin erga marii bal’aa gaggeessinee booda kan gara jijjiirraatti galle.

Haaluma kanaan yaaliin jalqabaa sirna barnootaa haaraa kanaa manneen barnoota sadarkaa lammaffaatti bifa yaaliitiin kan eegalame bara darbe ture. Manneen barnoota sadarkaa duraatti immoo dursee akka eegalamu taasifameera. Baranas sirni barnootaa kun haala guutummaatti fudhatama qabuun akka hojiirra oolu taasisuu keessatti rakkoon nu mudate tokkollee hinjiru.

Haa ta’uu malee sirna barnootaa haaraa kanaan kitaabota qopheessuun sababa dhiphina yerootiin nuu dhaqqabuu hindandeenye. Gama barsiisota sirna barnootaa haaraa kanaan barsiisuu danda’an qopheessuutiin yemmuu ilaallu immoo keessattuu akaakuuwwan barnootaa haaraadhaan walqabatee hir’inni jiraachuu ilaalleerra.

Nutis akaakuuwwan barnootaa akka barsiifamaniif qopheessine hundasaanii yeroo tokkotti akka eegalaniif fedhii hin qabnu. Kun immoo dhimma dursee beekkameedha. Kaarikulamiin hojirra ture guutummaan guututti yemmuu geddaramus taanaan akaakuuwwan barnootaa tanaan dura kennamaa turan hunduu yeroo tokkotti ni geeddaramu jechuu miti.

Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, barnootni sadarkaa lammataa gara barnoota waliigalaatti akka deebi’u taasifameera. Kana keessatti barattootni gaafa kutaa 12ffaa xumuranii bahan carraa dhaabbilee barnoota olaanaatti isaan galchu yoo argachuu baataniyyuu barnoota qalamaa cinaatti ogummaa qabatamaan leenji’anii waan bahaniif haalli isaan manneen barnootaa sana keessaa ogummaa wayii qabatanii bahan akka jiraatuuf haalli mijates jira.

Kana qofa osoo hintaane, barattootni teknolojii odeeffannoofi qonnaas osoo baratanii gaariidha waan jedhu qabna. Dabalataanis barattootni dameewwan akka aartii fakkiifi bobbocaa, muuziqaafi kanneen biraa akkuma dandeettiisaaniitiin filatanii akka barataniifis haalli mijataan akka uumamuuf carraan kan banamu ta’a.

Sirni barnootaa haaraan kun hundisaa yeroo tokkotti kan eegalamu osoo hintaane, sadarkaadhaan kan hojiirra oolu ta’a. Bara ittaanutti akaakuuwwan barnootaa manneen barnoota waliigalaa kutaa 12ffaaf ni kennina jennee kan yaadne akaakuuwwan barnootaa 40 ta’an yemmuu ta’u, isaan keessaa akaakuuwwan barnootaa 12 bara dhufu eegaluuf karoora qabanneerra.

Kana qofaa osoo hintaane, baranayyuu akaakuuwwan barnootaa akka Ikkonomiksiifaa baranayyuu kennuu eegalleerra. Barnootni Ikkonomiksii kanaan dura kutaa 10ffaa irraa hineegalu ture. Kana waan ta’eef yaaliin sirna barnootaa haaraa eegalchiisuuf biyyattiitti taasifamaa jiru sadarkaa hamaa jedhamurra kan jiruu miti.

Biyyoota akka Itoophiyaatti pirojektota guguddoo akkasii yeroo tokkotti guutummaatti hojirra oolchuuf humna maallaqaa akka gaafatu hubachuunis barbaachisaa ta’a.

Bariisaa: Hojiirra oolmaan sirna barnootaa haaraa kun osoo qophiin gahaan hintaasifamne akka waan eegaleetti warreen qeeqan jiru, asirratti maal jettu?

Pirofeesar Birhaanuu: Isuma duratti siin jedhe. barnootni waliigalaa duraan kutaa 10ffaatti xumuramuudhaan gara kolleejjiitti galamu sun hafeera. Amma gara sirna barnootaa haaraatti ce’amuuf yemmuu yaalamutti gufuuwwan adda addaa jiraachuun waanuma eegamuudha.

Akkuman duratti sii kaasuuf yaaletti sirni barnootaa haaraa kun akaakuuwwan barnootaa haaraa 40 barsiisuuf qopheesseera. Kana jechuun garuu akaakuuwwan barnootaa haaraa kanneen hunda yeroo tokkotti hojirra oolchuu eegalla jechuu keenya miti.

Walduraa duubaan hunduu dabaree dabareedhaan kan eegalaman ta’a. Dubbii keenyarratti, qophii kitaabaatiin walqabatee, kitaabileen nuti amma qopheessuurratti argamnu isaan amma barsiisuu dandeenyu qofaadha. Sochii gama kanaan hanga ammaatti jiruun akaakuuwwan barnootaa filataman 13 ta’an filatamanii kitaabni akka isaaniif qophaa’u taasifameera. Sana booda irratti ilaalaatuma kan itti daballu ta’a jechuudha.

Kana waan ta’eef yeroo hunda gaaffiin, “Yoom guutummaatti waan akkanaa kana hojiirra oolchitu” jettu gaaffii haala salphaa ta’een deebisuu dandeettu miti. Wanti guddaan garuu waantota hojjachuuf yaaddu hunda yeroo tokkotti guutummaatti eegalchiisuuf yaaluu osoo hintaane, dhawaata dhawaataan waantota yaadde hunda milkeessuuf filatama amantaa jedhun qaba.

Bariisaa: Dhiheessiin kitaaba barnootaa maaliif tokko nama sadiifi afuriif ta’e?

Pirofeesar Birhaanuu: Jalqaba dhimma kana iddoowwan lamatti addaan qoodnee ilaaluun barbaachisaa ta’a. Inni duraa, dhiheessiin kitaaba barnoota sadarkaa duraa akka eegalame hubachuun barbaachisaadha. Haaluma Kaarikulamii qophaa’eetiin kitaabni qophaa’es jira. Inni lammataa immoo kitaabni barnootaa barattoota sadarkaa lammaffaa barana eegalameera. Haala gurmaa’ina caasaa bulchiinsaa barnootaa federaalaatii adda baheera.

Haaluma kanaan kitaaba barnootaa sadarkaa duraa qopheessuun gaheefi aangoo federaalaa osoo hintaane kan naannolee jalatti kan kufuudha. Kitaaba barnootaa barattoota sadarkaa lammaffaa qopheessuun kan Ministera Barnootaa Federaalaati.

Dhimmi kun immoo akka hogganaa seektara kanaatti kan ani murteesse osoo hintaane, dhimma caasaa sirni biyyattiin ittiin bultu diriirseedha. Haala maxxansa kitaaba barataa naannolee bira jirurratti marii yeroowwan gara garaatti isaan waliin taasifneen rakkoolee guguddoo lama akka jiran hubanneerra.

Rakkoon jalqabaa kan manneen maxxansaatiin walqabatu yemmuu ta’u, kunis dhimma humna maxxansaatiin walqabatuun dhaabbileen maxxansaa biyya kana keessa jiran kitaabilee hedduu yeroo tokkotti maxxansuu isaan danda’an miti.

Rakkoon inni lammataa immoo sababa maxxansaaleen biyya keessaa yeroo tokkotti kitaabilee baay’ina qaban nuu maxxansuu hindandeenyeef yemmuu biyyoota alaatti maxxansiisuuf yaallutti immoo yeroon inni fudhatuufi hanqinni sharafa alaas akka rakkoo lammataatti dhimma ka’uu danda’uudha.

Dhugaan jiru garuu naannoleen humna qabaniifi manneen maxxansaa jiranitti fayyadamanii hamma humni danda’een kitaabilee barnootaa maxxansiisanii barattoota biraan gahuuf fedhii guutuu akka qabaniidha. Rakkoon biraa akka dabalataatti ka’uu danda’u durfamee waan hinqabamneef dhimma bajataan walqabatuudha.

Rakkoon kun garuu kan naannolee biyyattii hundaati jedhanii kaa’uunis hindanda’amu. Sababnisaas rakkooleen maxxansaa kitaabaatiin walqabatanii jiran naannoorraa naannootti garaa garummaa waan qabuuf. Qophii kitaaba barataa sadarkaa tokkoffaa yemmuu ilaallu naannoleen dhiheessii kitaabaa barataa hundaaf dhuunfaa dhuunfaatti waliin gahuu danda’anis akka jiran hubachuun barbaachisaadha.

Naannoleen kitaaba barataa tokko hanga barattoota kudhanii akka waliin hirmaataniif dhiheessanis jiru. Kun haala xiyyeeffannoo dhimma kanaaf kennuu naannoleefi humna isaan kitaabilee maxxansiisuuf qabanirratti hundaa’uudhaan garaa garummaan guddaan jira.

Inni kitaabni barataa tokko barattoota shaniif dhihaachaa jira jedhu kun garuu dimshaashasaa fudhachuun kan kaa’ameedha.

Bariisaa: Irranatti dhimma kanaan walqabatee naannoleetti rakkoolee sadii kaastanii turtan. Sababni rakkoolee kanneenii xiyyeeffannoo gahaa kennuu dhabuudha jettanii yaaddu?

Pirofeesar Birhaanuu: Tokkoffaa xiyyeeffannoo gahaa kennuu dhabuudhaani jedhee dubbachuuf natti ulfaata. Haa ta’u malee hanqinni bajataa akka jiru ifaadha. Naannoleen garuu rakkoon bajataa kun akka isaan mudachuu danda’u tilmaamuudhaan dursanii itti qophaa’utu irraa eegamaayyu. Yoo dursanii itti qophaa’uu baatan rakkoon akkanaa dhufuunsaa waan hin oolleedha jechuudha.

Yeroo hunda yaadotni, “Wanti kun osoo sirratee” jedhan ni dhiyaatu. Hanga dhuma ji’a Waxabajjiitti wixineen xumuraa nuu dhaqqabuu hindanda’u.

Bariisaa: Sirna barnootaa haaraatiin barattoota sadarkaa lammaffaatiif kitaabni tokko barataa tokkoof kan gahuu danda’u yoomi?

Pirofeesar Birhaanuu: Yeroo ammaa hamma humni keenya danda’een kitaabota barnootaa barattoota sadarkaa lammaffaatiif dhiheessaatuma jirra. Kaayyoon inni guddaan garuu akkuma suutuma suuta humna keenya cimsachaa deemnuun akka manneen maxxansaa baay’ataniifi maxxansa kitaabaatiin walqabatee rakkoon mul’achaa jiru akka furamu gochuudha.

Itoophiyaa biyya ummanni miiliyoona 120 keessa jiraatutti manneen maxxansa kitaabaa gahaan hinjiru. Hanga yoomiitti maxxansa kitaabileetiif Dubaayiifi Hinditti naanna’aa maxxansiisuun akka danda’amu hinbeeknu. Kanaaf rakkoolee gama kanaan jiran furuuf tarkaanfiilee fudhatamaa jiran keessaa inni tokko dhaabbileen indastirii maxxansaa kana banuu danda’an gara biyyaatti galanii damicharratti akka hirmaataniif haala mijataa uumuu qofa osoo hintaane, onnachiiftuuwwan gara garaas qopheessuudhaani.

Dhaabbilee akka damicharratti bobba’aniif hirmaachisnes fedhiisaanii bu’uuraa taasifatanii si’aayinaan gara hojiitti akka galaniif hojjatamaa jira. Akka carraa ta’ee dhaabbanni caalbaasii nuti baafne injifate kanaan durayyuu Hooldiingii Investimentii Itoophiyaa waliin haasa’aa kan tureedha. kana jechuun dhaabbatichi kan biyya kanatti paaspoortii maxxansiisuuf mootummaa Itoophiyaa waliin waliigaltee raawwateedha.

Dhaabbatichi jalqabarratti biyyattiitti kan maxxansuuf walii galtee raawwate paaspoortii qofa ta’us, erga maxxansa keessa galtanii maaliif maxxansawwan indastiriyaalaa kanneen akka kitaabaa hindabalanne gaaffiin jettu jaraaf dhihaatee isaan amansiisuudhaan waliigalameera.

Gaafa dhaabbatichi hojii maxxansaa kanatti galu torbanoota sadiifi afur keessatti kitaabota miiliyoona 20 asumatti omishuun akka danda’amu waadaan galameera jechuudha. Kanaafis bara dhufurraa eegalee dhaabbatichi warshaasaa Itoophiyaatti ijaaruu ni eegala. Kitaabileen nuti baranaaf maxxansiisuu barbaanne garuu kanneen hatattamaan barbaadaman waan ta’aniif biyyuma jirutti maxxansanii akka nuu erganiif waliigalameera.

Bara ittaanuuf garuu biyyumaa keenyatti hojii ijaarsa warshaa ni eegalu jennee abdanna. Erga warshaan maxxansaa sun biyya kanatti dhaabbatee booda rakkooleen maxxansa kitaabaafi kanneen biraa maxxansaan walqabatan hundi ni furamu jennee abdanna.

Kunis rakkoo yeroo tokkoo qofaaf osoo hintaane, bifa dhaabbii qabuun rakkoo damichaarratti biyyattii baasii sharafa alaa olaanaa ta’eef saaxilaa jiru kan furuudha. Kana jechuun maxxansa kitaabaa qofaaf osoo hintaane, maxxansawwan wantoota birootiifis fala guddaa ta’ee kan tajaajiluudha.

Kitaabilee barnootaa qofaaf osoo hintaane, kitaabileen biraas qulqullinaafi gatii madaalawaadhaan akka maxxanfamaniif carraa kan uumuudha. Isa ammaa kanaan booda biyyattiin kitaaba barataa kan maxxansiistu isa bara dhufuutiif waan ta’eef waggoota lamaan dhufanitti biyyattiin gama maxxansa kitaaba barataatiin of dandeessi jechuudha.

Bariisaa: Gama bu’uuraalee misooma barnootaa fooyyessuutiin sochiiwwan bara darbe manneen barnootaa haaressuuf taasifamaa turan maal argamsiisan?

Pirofeesar Birhaanuu: Ani Ministira Barnootaa ta’ee hojiin waggootan lamaafi walakkaa darbanitti hojjadhe jedhee yaadu keessaa inni guddaaniifi ijoon isa barnootni dhalootaaf jennee eegalleedha. Hojiin kun caljedhameetuma manneen barnootaa waan xuraa’aniif qulqullaa’anii halluu qofaan haa miidhaaganiif miti.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf wantoota hojichaaf danqaa ta’uu danda’an keessaa inni duraa rakkoo bu’uraalee barnootaa ta’uun adda baheera. Akka fakkeenyaatti yoon sii kaase, mana barnootaa bishaan hinqabnetti carraan shamarran barachuuf qaban dhiphaadha. Sababnisaas haalli akkasii barattoota hundaaf haala barnootaaf mijataa ta’uu baatus, keessattuu barattoota dubartootaatiif waan hin yaadamneedha.

Barnootni yeroo tokko tokko taphoota gara garaa waliin kan walitti hidhata qabu waan ta’eef iddoowwan sochii ispoortiitiif filatamoo ta’an dallaan mooraa manneen barnootaatti bifa gahaa ta’een jiraachuu qabu. Kunis barataan tokko dirree yeroo boqonnaasaatti sochii qaamaa itti taasisuufi akaakuuwwan ispoortii gara garaa itti dalagee sammuusaa itti boqochiisu yoo hinqabaanne carraa sammuunsaa barnoota qalamaa qabachuuf qaburratti dhiibbaa akka qaqqabsiisu hubachuun barbaachisaa ta’a.

Kun akkanumatti caljedhamee tilmaamaan waan haasa’amu qofa osoo hintaane, qorannoo bal’aan irratti taasifamee wanti akka rakkoo guddaa tokkootti adda bahe rakkoolee bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa kana. Sababuma kanaan Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa keenya haala maaliirra akka jiran hubachuuf qorannoo tokko gaggeessee ture. Manni barnootaa tokko guutuu kan ta’u yoo maal maal qabaate akka ta’es cheekliistiin tokko qophaa’e. Manneen barnootaa cheekliistii kana guutuu danda’an meeqa qabna kan jedhu qorannoo biraa gaggeessine.

Kanaaf, manneen barnootaa mootummaa waliigala sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa keessaa kumni 49 qorannoo kana keessatti akka hammataman taasifamaniiru. Yommuu bu’aa qorannichaa ilaallu manneen barnootaa mootummaa biyyattiin qabdu keessaa kanneen ulaagaa sadarkaa 4ffaa guutuu danda’an manneen barnootaa jaha qofa.

Sadarkaa 4ffaa jechuun manneen barnootaa bishaan, ibsaa, iddoo ijoolleen itti taphatan gahaa, kan qulqullina qabuufi barattootni osoo hindhiphanne ykn daree tokko keessa barataa 40 hincaalle isaan hammatanii barsiisan jechuudha. Haala kana keessatti qulqullina barnootaa yaadamu mirkaneessuun ulfaataa waan ta’eef haala kana geeddaruun dhimma filannoof hindhihaanne ture.

Manneen barnootaa keenya yoo geeddarre malee rakkoolee ulaagaa barbaachisan guutuu dhabuun walqabatee armaan olitti sii ibse sana keessaa bahuun ulfaataadha. Hojiin bu’uraalee manneen barnootaa fooyyessuufi manneen barnootaa haaromsuu humna maallaqaa guddaa kan gaafatu waan ta’eef humna mootummaa qofaan waan raawwatamuu danda’u hinturre.

Sababuma kanaatiif lammiileen naannawa manneen barnootaa sanatti dhalataniifi guddatan, manneen barnootaa sanatti baratanii darbaniifi hireen isaaniif taatee barnootaanis ta’e daldalaan yeroo ammaa milkaa’anii sadarkaa fooyya’aarra jiran hundi sochii fooyyessa manneen barnootaa keessatti akka hirmaataniif haalli mijeeffamee hojiitti galame.

Hojii haawasaafi dhalattoota naannawaa hirmaachisuudhaan fooyyeessa manneen barnootaarratti hojjatameenis lakkoofsa hanga ammaa qabnuun manneen barnootaa kuma 11fi 611 guutummaatti fooyya’aniiru. Kana jechuun rakkoolee dura keessa turan kanneen akka dhiphina daree, hanqina dhiheessii bishaanii, dirree taphaafi ispoortii, ibsaafi kanneen biroo hunda akka guuttatan taasifameera.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif isin galateeffanna.

Pirofeesar Birhaanuu: Anis isin galateeffadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You