To’annoo cimaa daldala seeraan alaarratti taasifameen qarshiin miliyoona 433 ol mootummaaf galii ta’e

Finfinnee: Ji’oota ja’an darbanitti ittisaafi to’annoo cimaa daldala seeraan alaarratti taasifameen qarshiin miliyoona 433 ol mootummaaf galii ta’uu Biiroon Daldala Oromiyaa ibse.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo ibsa dhiyeenya kana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, to’annoo cimaa daldala seeraan alaafi kontirobaandiirratti taasifameen qarshiin miliyoona 433 olitti shallagamu mootummaaf galii ta’eera. Biirichi baay’ina, saffisa ququllina, carraa hojii, hirmaannaafi fayyadamummaa haqaqabeessa uumuun kallattii ijoo godhatee hojjechaa jira.

Akka ibsasaaniitti, hojii ittisaaf to’annoo ji’oota ja’an darbanitti gaggeeffameen qarshii miliyoona 433tti tilmaamamu mootummaaf galii gochuun danda’ameera. Daldaltoota seeraan alaa kuma 98 adda baasuun tarkaanfii fudhatameen qarshiin miliyoona 7.5 galii taasifameera. Hojii to’annootiinis daldala seeraan alaa gara %18tti gadibuusuun danda’ameera. Raawwii gaariin hojjetame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yommuu walbira qabamu %36 caalmaa agarsiiseera.

Kana malees, biirichi haqaqabeesummaa daldalaa, daldala dorgomaafi sirna daldalaa ammayyeessuuf karoora yeroo dheeraafi gabaabaa hojiirra oolchaa jira. Hoggansa sadarkaan jiruufi hawaasa waliin mar’achuun alatti daldala seeraan alaafi kontirobaandiirratti to’achuuf koreen ittisaafi to’annoo daldala seeraan alaafi kontirobaandii sadarkaa naannoofi magaalotaatti hundeeffameera.

Omishaalee daldala seeraaf saaxilamaniifi qabaman dhibbantaan wayita ilaalamu bunni %10.5, midhaan dheedhii %2.6, midhaan agadaafi dibataa %1.1, beeyiladaafi bu’aawwan beeyiladaa %0.01, bosona %3, boba’aan %0.8, meeshaalee elektironiksii %5.5, meeshaalee industirii ijaarsaaf oolan %2.2 ta’uu eeraniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa fooyyessuuf bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin furmaata fiduuf hojii bal’aan hojjetameera jedhanii, akka fedhiifi dhiyeessiin walsimuuf gabaan sanbataa 157 irraa 267tti akka ol guddatu taasisuu himanii; gama carraa hojii uumuun namoota kuma 164fi 033 carraan hojii uumamuu ibsaniiru.

Gama tajaajila galmeessa eeyyamaafi haaressuu hojii bal’aan hojjetameen galmeessa haaraa kuma 135fi 280 gaggeessuuf karoorfame keessaa kuma 80fi 680 (%60) akkasumas eeyyama haaraa kuma 163fi 678 karoorfame keessaa kuma 108fi 951 (%67) raawwatamuu ibsaniiru. Raawwiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaaturraa sababoota adda addaatiin %3n hir’achuus dubbataniiru.

Walittihidhamiinsa gabaa cimaa uumuu, raawwii kenna eeyyamaafi haaressaa, qaala’iinsa jireenyaa fooyyessuu, daldala seeraan alaafi kontirobaandiifi qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuun kallattii xiyyeeffannaa fuulduraa ta’uun ibsameera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You

2 Comments to “ To’annoo cimaa daldala seeraan alaarratti taasifameen qarshiin miliyoona 433 ol mootummaaf galii ta’e”

  1. Pingback: unieke reizen

Comments are closed.