Roobni roobaa jiru milkaa’ina qonna arfaasaatiif shoora olaanaa qaba

Finfinnee: Roobni amma roobaa jiru qonnaa arfaasaa baranaa milkeessuuf shoora olaanaa qabaachuu Inistiitiyuutiin Metiworolojii Itoophiyaa ibse. Kutaalee Naannawawwan Itoophiyaa Arfaasaan rooba argataniifi rooba marsaa lammaffaa argatan rooba idileen olii akka argatanis eereera.

Ittigaafatamaa Ittaanaan Damee Qorannoo Raaga Metiworolojii Duraafi Akeekkachiisaa Inistitiyuutichaa Doktar Asaamminoo Tashoomaa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, bokkaan roobaa jiru kan yeroosaa eeggate waan ta’eef qonna arfaasaa baranaa milkeessuuf shoora olaanaa qaba.

Akka ibsasaanitti, Garba Paasifikii Baha Giddugaleessaafi Garba Hindii Dhihaa ho’uun waqtiin rooba arfaasaa Itoophiyaatti akka uumamuuf sababa ta’a. Inistiitiyutichis kanuma bu’uura godhachuun arfaasaan bara 2016 osoo hinseenin ji’a tokko dursuun hanga bokkaa roobuu maluu raageera.

Haaluma kanaan, kutaalee biyyattii arfaasaan waqtii roobaa ta’eef Somaalee, Boorana, Gujii, Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaa, Itoophiyaa Kibba Lixaa walumaagala walakkeessi kutaalee Itoophiyaa Kibbaa rooba idileen olii akka argatan raagameera. Walakkeessi Itoophiyaa Kaabaa, Tigraay Kibbaafi Bahaa, Amaaraa Bahaa, Affaar, giddugaleessa Oromiyaa, Shawaa Kaabaafi kutaalee Itoophiyaa bahaatti waqtiin kun roobaa marsaa lammaffaa ta’eef rooba idileefi idileen olii akka argatan raagamuu ibsaniiru.

Yeroo ammaan tanas, kutaalee Itoophiyaa garagaraatti guyyoota kurnan darbanitti hangi rooraa miliimeetira tokkoo hanga miliimeetira 32tti galmaa’eera. Naannawawa rooba arfaasaa argatanitti hojii qonnaatiif faayidaaqabeessa jedhaniiru.

Arfaasaa baranaatti roobni idileefi idileen olii waan eegamuuf hanqina roobaatiin yaaddoon ongee mudachuu akka hindandeenye eeranii; qaamoleen dhimmi ilaallatuufi hawaasni kana hubachuun qophii barbaachisu taasisuu qabu jedhan.

Naannawawwan balaa lolaatiif saaxilamoodha jedhamanii Komishinii Hoggansa Sodaa Baalaatiin adda ba’an keessummaa yaa’a Laga Awaash, sulula qinxaamaatti yaa’aa lageen Oomoofi Abbayyaa akkasumas, Finfinnee dabalatee ofeeggannoon akka taasifamu hubachiisaniiru.

Naannawa lageeniitti misooma sululaa, akkasumas magaalotatti ujummoowwan lolaa qulleessuu, boolla ijaarsaaf qotame duuchuun balaa qaqqabuu malu xiqqeessuun akka danda’amus dubbataniiru. Walumaagalatti, roobni arfaasaa baranaa misooma qonnaa cinaatti lageen gabbisuu keessatti faayidaansaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You