Obbo Issaayyaas Jiraa “CAF”tti muudaman

Fifinnee: Pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa miseensa koree hojii raawwachiftuu Federeeshinii kubbaa miilaa Afrikaa “CAF” ta’uudhaan muudamaniiru.

Obbo Isaayyaas kan muudaman walga’ii koree raawwachiiftuu hojii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF”ALA Guraandhala 9 bara 2024 magaalaa guddoo Kotidivuwaar, Yaamooussukirootti adeemsifamerratti.

Muudamni kuns kan kenname bakka pireziidaantiin waldaa kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA” Gi’aannii Infaantiinoo argamanitti ta’uu waajjiri federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa ibseera.

Obbo Isaayyaas haasaa sirnicharratti taasisaniin; Itoophiyaan erga Obbo Yidinaqaachawu Tasammaa boqotanii as bakka bu’aa federeeshinii kubbaa miilaa Afrikaa hinqabdu turte. Amma carraan kun argamuusaatti biyyatiin maqaa kanaan dura “CAF”tti qabdu deebifateetti. Kanaafis gammachuu guddaatu natti dhagahame jedhan.

Obbo Isaayyaas pirezidaantii ittaanaa federeeshinii kubbaa miilaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa ta’anii tajaajilaa jiraachuunsaanii ni yaadatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You

2 Comments to “Obbo Issaayyaas Jiraa “CAF”tti muudaman”

  1. Pingback: tài xỉu sunwin

Comments are closed.