“Naannoon Sumaalee daandii misoomaafi nageenyaan fakkeenya gaarii ta’eera” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Naannoo Sumaalee daandii misoomaafi nageenyaa qabatee jiruun fakkeenya gaarii ta’uu Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan.

Tibbana gara naannichaatti imaluun warshaa daabboo ijaarsisaa xumurame kan eebbisiisaniifi riizoortii haaraa kan jalqabsiisan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi akka jedhanitti, Jigjigaa misoomsuun giddugalee Sumaalota Itoophiyaa keessaa qofa osoo hintaane Itoophiyaan alaa gochuuf hojiin eegalame daran nama boonsa. Riizoortiin qaama Maaddii Biyyaaf Hager’ kunis gaafa xumuramu bakka bashannanaa filatamaa Sumaalota hunda ta’a.

Warshaan daabboo walta’iinsa waajjira Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoofi abbaa qabeenyaa Alii Allaamuddiniin ijaarame kun guyyaatti giddugalaan daabboo kuma 300 kan omishu ta’uu ibsanii; Abbaan qabeenyaa Alii Allaamuddiin qabeenyasaaniin haala kanaan ummata gargaaruusaaniif galateeffataniiru.

Naannoon kun misomaafi nageenyaan naannolee biroof fakkeenya ta’uu keessatti qoodni pirezidaantii naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad olaanaadha jedhanii; magaalaa Jigjigaa manneen bareeda qabutti biqilaa dhaabuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Godeen osoo jiruu qamadii kadhachuun qaanii waan ta’eef waliigalaan lafa naannichaa misooma qonnaaf ooluu hektaara miliyoona 10 keessaa miliyoona 2.5 qofarratti osoo jallisiin qamadiin qotame yoo xiqqaate calla kuntaalli miliyoonni 100 akka argamu eeranii; yeroo ittaanutti mootummaan naannichichaa jabaate hojjetee Jibuutii, Somaaliyaa, Sumaaleelaandiifi kanneen biroo qamadiin wayita deggaru arguun hawwiisaanii ta’uu ibsaniiru.

Riippoortara Gaazeexichaan

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You