Muuxannoo Morookoon Kootidivaarirraa fudhachuu qabdu

Finfinnee: Bu’uura ispoortii kubbaa miilaa Afrikaa kan ta’e walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa akka hundeeffamuuf sababa kan ta’e koreen kubbaa miilaa Afrikaa kan wayita ammaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa jedhamuudha.

Koreen kun kan hundaa’e ALA Amajjii 8 bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan, Kaartumitti. Haaluma kanaan walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa yeroo jalqabaatiif Sudaanumatti akka adeemsisamu murtaa’e.

Wayita sana biyyoonni Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa jalatti galmaa’an Itoophiyaa, Misira, Sudaaniifi Afrikaa Kibbaa qofa waan turaniif biyyootuma kanneen jidduutti morkiin akka adeemsisamu murtaa’e.

Walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa isa jalqabaa sanatti Misir Suudaaniin 2-1n mo’atte. Itoophiyaan ammoo Afrikaa Kibbaa forfeedhaan mo’achuun tapha maaheessaaf dhihaattee Misiriin 4-0n mo’achuudhaan waancaa seena qabeessa isa jalqabaa fudhatteetti.

Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kun edda jalqabee walakkaa jaarraa tokkoo ol lakkobsiseera. Biyyoota Afrikaa 55 keessaa misseensa konfedereeshinichaa kan ta’an biyyoota 49.

Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa kun waggoota 67 darbanitti yeroo 34ffaaf biyyoota adda addaatti qophaa’uun biyyoonni 15 waancaa fudhataniiru. Misir waancaa kanarratti al 25f hirmaachuudhaan yeroo sadii qopheessuudhaan al torba shaampiyoona taateetti.

Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kun baranas ALA Amajjii 13 hanga Guraandhala 11 bara 2024 magaalota Kootdivaaritti adeemsifamuun mo’attumaasheetiin xumurameera.

Qopheesituun waancichaa, Kootidivaar waancaa baranaa fudhachuu kan dandeesse, taphawwan taasifattetti Giinii Bisaawoo 2-0n mo’attee, Naayijeeriyaadhaan 1-0n, Ekuwaatoriyaal Giiniidhaan 4-0n mo’amuudhaan ramaddii isheerraa sadaffaa ta’uun tapha ittaanuuf darbuudhan.

Tapha mo’anii darbuutti ammoo Shaampiyoona waancaa 33ffaa kan turtte Seeneegaaliin 5-4n mo’achuudhaan tapha irboo maaheessaaf dabartte. Akkasumas tapha irboo maahessaa kanatti Maalii 2-1n mo’achuudhaan tapha walakkaa maaheessaaf kan dhihaatte.

Ejjennoo taphaa laafaadhaan walmorkii kan jalqabde Kootidivaar tapha walakkaa maaheessaatti barana cimttee kan dhihaatte Riipaabiliiki Dimokiraatiik Koongoo 1-0n mo’achuudhaan Naayjeeriyaa waliin falmii waancaaf kan walargite.

Biyyoonni lamaanuu ramaddii tokkoffaa keessa kan turan yoo ta’u, Naayijeeriyaan tapha ramaddii jalqabaatti Kootidiwaariin 1-0n waan mo’atteef waancaa kana yeroo afraffaaf ni fuudhatti sodaa jedhuutu ture.

Haata’u malee dirreesheerratti ummata degarraa isheetiin marfamttee kan taphatte Kootidivaar 2-1n mo’achuudhaan waancaa ofuma isheetiin qopheesitte hambifatteetti. Kootidivaar kan ammaa kana dabalatee waancaa kana yeroo lammaffaaf qopheessiteetti.

ALA bara 1992 Gaanaa wajiin waancaaf dhihaatanii liigooreedhaan 11-10n mo’ateetti. Akkasumas waancaa bara 2015 Ikuwaatooriyaal Giiniitti adeemsisamees Gaanaa wajjin waancaaf dhihaachuun Liigoorumaan 9-8n mo’achuun ishee ni yaadatama. Haaluuma kanaan kan ammaa dabalatee waancaa kana yeroo sadaffaaf Magaalaa Abujaatti hambifatteetti.

Kootidivaar waancaa baranaa habifachuusheetti gammachuun ummatashee hanga ammaatti hinqabannoofne. Taphattoota beekamotashee dabalatee lammiilleenshee biyya alaa jiranis gara biyyaatti deebi’uudhaan gammachuusaanii ibsachaa jiru.

Waancaan kun magaalaa guddoo Kootidivaar, Abuujaanii bahee magaalota biyyattii keessa naanna’uudhaan ummannishees qaamaan daaw’achaa jira.

Kootidivaar qophii waancaa baranaatiif doolaara biiliyoona tokko dhangalaasuudhaan keessummootashee simachuun haala gaariidhaan gaggeessitteetti. Gareenshee kunis shaampiyoona ta’uusaatti konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaatiin doolaara miiliyoona torba badhaafameera.

Mootummaan biyyattiis gammachuu itti dhagahameen garichaafi miseensotaaf gootota biyyaa jechuudhaan badhaasa maallaqaa, mana jireenyaafi konkolaataa kenneera.

Waancaa kubbaa miilaa Afrikaarratti maqaa guddaa kan qabddu Naayijeeriyaan shaampiyoonaa taati jedhame eegamtus 2-1n mo’amuudhaan lammaffaa taateetti.

Gareen Kubbaa Miilaa Naayijeeriyaa wayita biyyatti deebi’u mootuummaan biyyattiifi ummataan simatamuun badhaasawwan addaddaa argateera.

Tapha sadarkkaa sadaffaa argachuuf taasisameetti ammoo Afrikaan Kibbaa Riippabilikii Dimokiraatik Koongoo 6-5n mo’achuudhaan sadaffaa taateetti.

Tapha waancichaa kallattiifi alkallatiidhaan daaw’ataan biiliyoona lama daaw’ateera. Isaan keessaa miiliyoona 1fi kuma 109fi 593 istaadiyoomota walmorkiin itti adeemsisametti argamuudhaan ilaalaniiru.

Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 34ffaa baranaarratti biyyoonni 24 ramaddiiwwan jahatti qoodammuudhaan taphawwan 52 adeemsisaniiru. Walumaagalatti galchoonni 119 kiyyoodhaan walarganiiru. Isaan keessaa Afrikaan Kibbaa 17 galchee 12 itti galuudhaan kan duraati.

Kootidivaar waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kana qopheessuudhaan keessummootashee haala gammachissuun gaggeessiteetti. Keessummoonnishees rakkioo tokko malee gara biyyassaaniitti deebi’aniiru.

Miseensota Konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaa dabalatee turistoonni, keesummoonni magaalaa Abujaatti argaman qophii Kootidivaar kanatti gamaduun jajaniiru.

Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 35fa waggaa lama booda keessumeessuuf carraa kan argatte Morookoodha. Morookoon Kootidivaarirraa muuxxannoo walmorkii kana haala gaariin qopheessuuf dursitee qophii taasisuu qabdi.

Morookoon ALA bara 1988 waancaa Afrikaa qopheesiteetti. ALA bara 1976 waancaa 10ffaa Itoophiyaan magaalaa Finfinneetti qopheessitte Gaanaa mo’achuudhaan shaampiyoonaa ta’uunshee ni yaadatama.

Morookoon muxannoo qabduun waancaa 35ffaa haala miidhagaadhaan keessummeessuuf ammumarraa kaastee hojii cimaatu ishee eeggata.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Muuxannoo Morookoon Kootidivaarirraa fudhachuu qabdu”

Comments are closed.