“Jijjiiramni investimentiirratti mul’ate ummata keenyaaf aaragalfii fideera” -Aadde Saynab Hajii

Jigjigaa: Jijjiirama dura Naannoon Somaalee saamicha seerdhabdummaafi gaaga’ama hamaa keessa turuu Hoggantuu Ittaantuun Biiroo Investimentiifi Indastirii naannichaa beeksisan.

Hoggantuu Ittaantuun biirichaa Aadde Saynab Hajii turtii kaleessa waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin jijjiirama dura naannoon Somaalee gaaga’ama dinagdeefi dheebuu misoomaa keessa turuu dubbatu.

Rakkoo nageenyaa mudate hordofuun simannaan invastimentii gadi bu’uufi kanneen jalqabanii turanis addaan kutuun dinagdeen naannichaa akka golgolaa’u tahuu kaasu. Jijjiiramaa as garuu gaaffiin misoomaa deebii argachaa jiraachuu ibsaniiru.

Fedhiifi dheebuun ummataa misooma jedhanii mootummaan waan deebii kennuu eegaleef ittiquufinsi jiru olaanaa ta’uu eeru. Yeroo ammaattis sannaan investaroota baay’inaan gaggeeffamaa jiraachuu himanii, 2016 keessa dhaabbilee 170 oliif eeyyamni investimentii kennamuu dubbataniiru.

Achi keessaa diyaaspooraawwan 14, dhalootaan Somaalee yoo ta’an biyya alaatii dhufuun biyyasaanii misoomsaa jiraachuu eeranii, kanaafis kaappitaala miliyoona 755 galmeessisuu dubbatu.

Investaroonni kunniin hojiilee misooma hoteelotaa, indastiriifi kanneen biroorratti bobba’uun ofis biyyasaaniis jijjiiraa jiraachuu hubachiisaniiru. Bu’uuruma kanaan nageenyi waaraa naannichaa amansiisaa ta’uun simannaan investerootaa dachaan dabalaa akka jiru yaadachiisanii, fedhiin amma mul’ataa jirus olaanaa ta’uu ibsu.

Akka naannichaatti babal’achuun misoomawwan garagaraa biyya jijjiiruu keessatti qooda olaanaa akka qabuufi carraa hojii uumuudhaanis shoora guddaa taphataa jira jedhan. Akka ibsasaaniitti ji’a jaha keessatti namoota kuma jahaa oliif carraan hojii uumameera.

Waggoonni shanan darban naannoo Somaaleef bara beenyaati kan jdhan Aadde Saynab, ammas fedhii misoomaalee ummatichaa milkeessuuf caalaatti hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Milkaa’ina argamaa jiruun kan onnate ummanni Somaalee investaroota garasitti dhufan simatee waliin hojjechaa jiraachuu eeanii, balballisaanii misoomaaf banaa ta’uu kaasaniiru.

Yaaddoon nageenyaa hinjiru, horsiisee bulaannkeenya bifa adda ta’een qonna ammayyaa misooma qamadii jallisiifi gannaatti akka makamu hojiin hubannoo uumamaa turuus dubbataniiru. Adaduma kanaan fedhiin gama omishaafi omishtummaan jiru dachaan dabalaa jiraachuu fayyadamummaanis cimaa jiraachuu ibsu.

Ummanni keenyas carraa kanatti fayyadamee daandii misoomaarra jira jedhanii Somaaleen kaleessa sodaa nageenyaan raafama keessa ture dirree misoomniifi investimentiin itti burqu ta’ee tajaajilaa jiraachuu hubachiisu.

Hojiin investimentii ofii fayyadamanii biyya ofii fayyaduudha jedhanii dirree, sanyiifi lagaan itti walqoodan osoo hintaane dirree hunduu hojjetee itti jijjiiramu waan ta’eef yaada misoomawaa dhufu kamiifuu misoomsaa misoomaa yaada jedhuun waamicha dhiyeessaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You

One Comment to “ “Jijjiiramni investimentiirratti mul’ate ummata keenyaaf aaragalfii fideera” -Aadde Saynab Hajii”

  1. Pingback: braip produtos

Comments are closed.