Injifannoon Adwaa duudhaa birmadummaafi jaalalli biyyaa itti dhaalamuudha

Finfinnee: Injifannoon Adwaa duudhaa birmadummaafi jaalala biyyaa dhalooti irraa dhaalu ta’uu ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahmad eebba Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaarratti ibsan.

Doktar Abiyyi eebba godambichaa Dilbata darbe gaggeeffamerratti haasaa taasisaniin, injifannoon Adwaa duudhaa birmadummaafi jaalalli biyyaa ilaalcha nama dhuunfaatii ol ta’uun hunduu waliin ta’uun birmadummaa biyyaaf ittiduulameedha. Kanaafis, Gooticha Baalchaa Abbaa Nafsoo akka fakkeenyaatti fudhachuun nidanda’ama jedhaniiru.

Baalchaa Abbaa Nafsoo gootota Adwaa irratti duulan keessaa weerara Xaaliyaanii marsaa lammaffaa gaggeeffame arguuf carraa kan argatus yeroo sanatti garaagarummaan isaafi mootii Hayilasillaasee gidduu tureera. Ta’us ergama Xaaliyaaniin baandummaaf dhiyeessiteef diduun jaalala biyyaa dursuun lolee wareegamuun goota injifannoon Adwaa akka galmaa’u taasiseedha.

Dhalooti har’aas biyyaafi mootummaa adda baasuudhaan duudhaa Baalchaa Abbaa Nafsoo dhaaluu qaba jedhaniiru. Wayita waa’een qamadii bonaa ka’u hiyyummaa balleessuuf, jijjiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf ashaaraa magariisaa akka abbootiin keenya Adwaa injifatanitti injifachuuf guyyaa itti waadaa galluudha jechuun ibsaniiru. Qaamolee ijaarsa Godambaarratti hirmaatanis galateeffataniiru.

Pirezdantiin Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudees injifannoo Adwaa yaadachuufi kabajuu qofa osoo hintaane tokkummaa abbootii keenyaa duraaniirraa barachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Injifannoon Adwaa yeroo itti weerartootni Afrikaa qooddachuuf bobba’an ta’us Itoophiyaanonni sanyiifi amantaan osoo walhinqoodin duuluun injifannoo boonsaa galmaa’eedha jedhan.

Har’as injifannichi injifannoo Itoophiyaanotaa qofa osoo hintaane bu’uura birmadummaa saba gurraachaa ta’ee seenaatti galmaa’eera. Seenaa boonsaan kun jaalala biyyaa qabanirraa ka’ee ta’uus himanii; garaagarummaa duubatti dhiisanii biyya oolchuun garaagarummaan ol ta’uu ergaa dhalootaatti kandabarseedha jedhaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adda Adaanechi Abeebee gamasaaniitiin injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanotni garaagarummaasaanii dhiisanii wareegama barbaachisu kaffaluun seenaa gootummaa galmeessaniidha. Injfannoo seenaa qabeessa kana dhalootni akka irraa baratuuf gamoo Godambaa Yaadannoo injifannoo Adwaa bilookii 11fi darbii shanirraa ijaaramuu himanii; godambaan ijaarame kaleessa har’atti, har’a ammoo boritti hidhuun riqicha seenaa dhalootni irraa baratuudha jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You

2 Comments to “ Injifannoon Adwaa duudhaa birmadummaafi jaalalli biyyaa itti dhaalamuudha”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: fortnite hacks

Comments are closed.