“Ijaaramuun godambichi kabaja injifannoo Adwaa laafee ture lafaa kaasaa” -Mulugeetaa Dabbabaa (PhD) Hayyuufi Qorataa Saayinsii Hawaasaa

Finfinnee: Ijaaramuun Godambaa Yaadannoo Adwaa kabaja injifannoo lola Adwaa laafee ture kan lafaa kaasu ta’uu Hayyuufi Qorataa Saayinsii Hawaasaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa ibsan.

Doktar Mulugeetaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Kamisa darbe akka ibsanitti, injifannoon Adwaa injifannoo wareegama qaaliin galmaa’eedha. Ummatni biyyattii harki caalu fageenya kiiloomeetira hedduu miila qullaan imalee beelaafi dheebuu dadhabbiifi sodaa tokko malee diina hanga funyaaniitti hidhate waliin kokkee walqabuun biyya birmaduu dhalootatti dabarse. Birmadummaa biyyaa haala Itoophiyaanotaan tursanii dhalootatti dabarsuun biyyoota Afrikaa hedduuf waan hin yaadamne ture.

Ulfaatinniifi kabajni injifannoo lola Adwaa biyyoota Afrikaa baay’ee biratti olaanaa ta’uu himanii; yeroo tokko kabaja injifannoo lola Adwaarratti Pirezidaantiin Ugaandaa Yuweerii Museeveenii dawwannaa gaarreen Adwaa taasisanirratti “Bakki kun bakka qulqullaa’aadha” jechuun kophee baasanii miila qullaan daawwachuusaanii yaadachiisaniiru.

Lolli Adwaa ummata Itoophiyaa duraan walhinbeekne walbarsiisuurra darbee Afrikaanotni mirgasaanii akka falmataniif walitti fideera kan jedhan Doktar Mulugeetaan; ummata duraan sababa xixiqqoon waldhabaa tures tokkoomsu danda’uu kaasaniiru.

Yoo beekaa seenaan dabe malee injifannoon lola Adwaa herraga kamiin injifannoo qeenxee ta’uu hindanda’u. Osoo ummatni biyyattii golee afranii diinatti duulaa baate wanti injifannoo jedhu hinjiru. Kallattiin diina waraanuu, gala baachuu, gala qopheessuu, karaa argsiisuu, madoo kaasuufi wal’aanuu, meeshaa waraanaa baachuu, biyyatti hafuun nageenyaa tiksuun marti abba injifannoo Adwaa nama taasisa. Kanaafuu, injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanota hundaati kan jedhameef sababaan ta’uu hubachiisaniiru.

Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa ilaalchisanii akka jedhanitti, Godambaa kana ijaaruun matumtisaa injifannoodha. Taateewwan Godambicha keessa jiran marti seenessaa waloo qofa osoo hintaane dhugaa waloo mul’isu.

Seenaa dabee madda waldhabbii ta’es dhugaa qabatamaa lafa jiruun sirreessuuf carraa gaariidha. Godambaan kun injifannoo Adwaa boquu buusee turetti haalaan lubbuu hora. Gaggeessitoonni Afriikaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf dhufan Godambicha daawwachuun waan hedduu guduunfatanii deebi’uun ala maqaa gaarii Itoophiyaa caalaatti akka ol kaasan taasisa.

Dhalootni ammaa yaadannoo boonsaa abbootasaa ijaaruu qofa osoo hintaane waan qabu hunda walitti fidee Laga Abbayyaa barootaaf biyya hambaatti gulufaa ture dura dhaabbatee misoomatti jallisuu yaadachiisanii; Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa badhaasa gonfachiise milkeessuuf ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You

One Comment to “ “Ijaaramuun godambichi kabaja injifannoo Adwaa laafee ture lafaa kaasaa” -Mulugeetaa Dabbabaa (PhD) Hayyuufi Qorataa Saayinsii Hawaasaa”

Comments are closed.