Gujiin aannan walobaasee Baallii walii dabarsa

Me’ee Bokkoo: Walharkaa fuudhiinsi Baallii Gujii 75ffaa Guraandhala 13, bara 2016 Me’ee Bokkootti aannan walii kennuun raawwatama.

Harmuufaafi Roobaleen walharkaa fuudhinsa kana gaggeessuuf jila godhatanii lamaansaaniiyyuu erga Me’ee Bokkoo qubatanii torbeewwan hedduu lakkoofsisaniiru. Seera gara fuulduraatti inni Baallii fudhatu (Roobaleen) ittiin hawaasicha gaggeessu tumuuf Gumiin Me’ee Bokkoo Roobii darbee eegalee taa’ameera.

Abbaan Gadaa Miidhagaa Notee Walharkaa fuudhinsa gaggeeffamuuf jiru kana ilaalchisee turtii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Gogeessi lachuu walharkaa fuudhinsa kana raawwachuuf jilasaanii taasifataniiru. Miseensotasaaniifis duudhaa gulantaan ittiin dabalamurratti hundaa’uun gulantaa dabalaniiru.

Harmuufaan bara Gadaasaa waggoota saddeettan darbanitti ummataafi Daangaa Bulchiinsaa daawwachuuf ardaalee Jilaa Gadaan Gujii qabu 376 hundarratti jila taasisaa tureera.

Walharkaa fuudhiinsa Guraandhala 13 bara 2016 gaggeeffamuuf Roobii darbee eegalee, hanga Guraandhala 12 bara 2016tti lallabniwwaniifi labsiiwwan garagaraa guyyaa guyyaadhaan kan qaamni Baallii fudhatu ittiin hawaasasaa waggoota saddeettan itti aananii jiran ittiin bulchu ni labsamu.

Bu’uuruma kanaan dheengadda (Kamisa) lallaba woyyoomatu lallabame. Akka lallaba kanaatti Gadaan, Abbaan Gadaa, Yubni, Ardaan Jilaa, Jal’aabniifi Me’ee Bokkoonfaa Woyyu.

Haaluma walfakkaatuun kaleessaa Roobaleen waggoota saddeettan dhufan kan seera fuudhaafi heeruma ittiin gaggeessu lallabni Ilmaafi intalaa lallabameera. Gumichi lallaba ilmaafi intalaa kana aadaafi aadmalee jedhee iddoowwan lamatti qooduun lallabeera.

Akka lallabichaatti intala niheerumsiisu malee hingurguran, soddaan hindheekkaman, intalli araara ofiif hindhaqxu, heerumni aadaa qaba, niitii namaa jala hindeeman, butiin aadmaleedha, Abbaan warraa haadha warraatiif Woyyu, Haati warraa abbaa warraaf Woyyu, intala kophaa hinfuudhan.

Gaafa walharkaa fuudhiinsi kun gaggeeffamu (Guraandhala 13, 2016) obboroon hayyotni Roobalee ala dhaabatanii dhufaa jirra karaa nuu saaqaa jedhanii si’a sadii deddeebi’anii warra Baalliin harka jiru gaafatu.

Sagalee sii eeyyamameera (ottaa) jedhu erga dhagahanii booda Dooriin Baallii fudhatu. Hayyootasaa waliin gara Qachaatti olseenee aannan qodaa torbaan qophaa’eef unate eebbas Baalliis fudhata. Dhumarratti Abbaan Gadaa Baallii kennu Gooroo sii lallabee Gooroo keetti Gali jedhee warra Baallii fudhatan eebbisee gaggeessa.

Warri Baallii fudhatan sagalee “Gadaa, Gadaa” Gadaa” Gadaa Bitaa Gadaa Mirga jedhu olfuudhanii dhageechisuun hundisaanii si’a tokko Odolcha Yaabu. Dooriin Baallii fudhate yeroo baallii fudhate sanaa eegalee Abbaa Gadaa ta’a (nigadooma), Abbaan Gadaa Baallii kennemoo Baatuu ta’a.

Lallabaan safuun eegama kan jedhan Abbaan Gadaa Miidhagaan, Gadaan yoo bulle namni keenyas lafti keenyas nagayatti jiraata jedhan.

Sirni Gadaa falaasama ilmaan namaa bira darbee qabeenya uumamaaf xiyyeeffannoo kennuudha. Kun immoo Oromoon qabeenya uumamaa mukaafi tulluu dabalatee akka kunuunsuufi jaalatu taasiseera. Jaalala tulluuf qaburraan Kan ka’e Oromoon ilmasaatiif Tulluu jedhee maqaa moggasaa, jaalala mukaaf qaburraan kan ka’e Odaa, Birbirsa, Qilxuu jedhee moggaasas jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You

3 Comments to “ Gujiin aannan walobaasee Baallii walii dabarsa”

  1. Pingback: breaking bad

Comments are closed.