Gujii Bahaatti ittigaafatamaan Damee Siyaasaafi Loojistiksii Shanee harka kennate

Finfinnee: Godina Gujii Bahaatti Ittigaafatamaan Damee Siyaasaafi Loojistiksii Shanee, Gammadaa Dhugoo harka kennate.

Ajajaan Olaanaa Kutaa Waraanaa Letenaal Koloneel Gabree Gaamoo akka ibsanitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa garee Shanee Godina Gujii Bahaa sosocho’aa jirurratti tarkaanfii fudhachaa jiruun hoggantoonni olaanaan garichaa harka kennachaa jiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannawa Sabaaboofi Daawwaa jedhamutti tarkaanfii fudhateen injifannoo olaanaa galmeessuun, tarkaanfiin raayyichi fudhatu garicharratti dhiibbaa uumeera.

Haaluma kanaan Godina Gujii Bahaatti Ittigaafatamaan Damee Siyaasaafi Loojistiksii Shanee Gammadaa Dhugoo yookiin Loongoo jedhamu harka kennachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarra argame nimul’isa.

Oduudhuma walqabateen, Raayyaan Ittisa Biyyaa kutaa waraanaa Mabraq Hoggantootaafi miseensota Shaneerratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.

Tarkaanfii fudhatameenis meeshaaleen waraanaa gareen kun dhimma itti ba’aa ture raadiyoo dabalatee meeshaaleen waraanaa gara garaa qabamaniiru.

Haaluma kanaan Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Gidaamii naannawa Giraayi Soonkaafi Abooteetti raayyaan ittisa biyyaa hoggantoota Shanee afurirratti tarkaanfii fudhachuun ibsameera.

Ajajaaa ittaanaan kutaa waraanaa Mabrq Letenaal Koloneel Nugusee Xilaahuun akkka jedhanitti, hoggantoota garichaa barbadeessuu cinaatti raadiyoo dabalatee meeshaaleen waraanaa biroon to’atamuu ibsaniiru.

Duula garicharratti baname kanaan Shaneerartti rukkuttaa cimaa irra gahuun ibsameera. Tarkaanfii miilana fudhatame kanaa keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa tahuunis eerameera. Raayyaa Ittisa biyyaarraa odeeffanne.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You