
Godambaan Injifannoo Yaadannoo Adwaa waggaa 128ffaa irratti Finfinnee, Kutaa Magaalaa Araadaa bakka Birbirsa Gooroo (Piyaasaa) jedhamee beekamuufi iddoo seenaqabeessa fageenyi kallattii Itoophiyaa marti irraa ka’amee safaramuufi fuullee Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti ijaaramee Dilbata darbe sirna ho’aadhaan eebbifamuunsaa ni yaadatama.
Godambichi haala seenduubee injifannoo Adwaa ibsuu danda’uun dizaayiniifi qulqullina addaatiin ijaaramuun bakka Pirezidaantiin RFDI Saahilawarqi Zawudee, Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo, Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, Afyaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoo, Pirezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee, ministiroonni, pirezidaantonni naannolee, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, abbootiin amantiifi keessummoonni waamichi taasifameef gara garaa argamanitti sirna ho’aan eebbifameera.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad haasaa sirna eebba godambichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, Yaadannoo Injifannoo Adwaa gatii dhabsiisuun dhiigaafi lafee abbootii keenyaa gatii dhabsiisuudha. Injifannoon Adwaa qabsoofi gootummaa abbootiin keenya taasisaniifi wareegama isaan kaffalaniin argame. Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa kun marsaa 128ffaa isaatti Itoophiyaa fakkaatee hamma Itoophiyaa gahee haala seenduubee injifannichaa ibsuun ijaarame.
Abbootiin keenya garaagarummaa biyyaafi mootummaa gidduu jiru addaa baasanii beeku kan jedhan Doktar Abiyyi, kanaafis Gootichaa Baalchaa Abbaa Nafsoo fakkeenyummaan eeraniiru. Mootummaan amma jiru mijachuu dhiisuu malus Itoophiyaan garuu yeroo maraa kan mijattu ta’uu dubbataniiru.
Abbootiin keenya kaleessaa bilisummaafi kabajaa gonfachuuf duudhaa qabaachaa akka turan himanii, daandiin isaan duudhaa gonfachuuf irraa imalan ammoo ibidda ture. Abbootii keenyarraa duudhaa bilisuummaafi kabajaa dhaaluu malee tooftaan isaan injifannicha gonfachuuf fayyadaman ibiddicha dhaaluu akka hinqabne yaadachiisaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee sirna eebbichaarratti akka jedhanitti, Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa seenaafi seenessa dhokateefi dabe sirreessuu keessatti gumaacha guddaa qaba. Waggaa 128 booda Godambaan injifannoo Adwaa madaalu ijaarameera. Godambichi lafa barootaaf faayidaa malee turerratti ijaaruun iddoo hawwata turistii dabalataa Magaalaa Finfinnees ta’eera.
Bilisummaan akka jiraannu kan taasisan goototaa Adwaaf kabajni guddaan kan malu ta’uu himanii, seenaa gootota Adwaafi injifannoosaa yaadachuuf Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa qulqullina sadarkaa addunyaa eeggateen, teknolojiidhaan dabalamee ijaaramuu dubbatu.
Pirezidaantiin RDFI Saahilawarqi Zawudees akka jedhanitti, waggoota 127f hojiileen seenaa Injifannoo Adwaatiin walgitan hojjetamuu dhabuun nama gaabbisiisa. Har’a Godambaan seenaa injifannoo Adwaan walgitu yaada Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadii maddisiisaniin ijaarameera. Seenaa sirnaan beekuun akkuma Adwaa hojiilee tokkummaa cimsanirratti hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisan.
Seenaa keessaa luqqisuun walfalmuun, abbaa seenaa olaanaa Adwaa ta’uu keenya kan hingitne ta’uu himanii, kanaaf seenaa leellisuu qofa utuu hintaane seenaarraas barachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Gootonni abbootii yeroos duula Adwaarratti hirmaatan kan walitti isaan fide jaalala biyyaa ta’uu eeruun, hunduu kan jaalala biyyaaf dhimmamu ta’uu qaba jedhaniiru.
Injifannoon Adwaa mallattoo bilisummaa ummata gurraachaa kan abbootiin keenya waldhabdee xixiqqoo cinaatti dhiisuun birmadummaa biyyasaaniif gamtaan duulanii nuun gahaniidha kan jedhan ammoo Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeeti. Injifannoon Adwaa seenaafi birmadummaa ummata gurraachaa boquu kan ol qabachiise ta’uus eeraniiru.
Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa kun daa’immanillee gootummaafi seenaa guddaa abbootiin keenya hojjetanii darban akka beekan taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.
Tajaajilli Kominikeeshnii Mootummaa RFDI ibsa baaseen, Itoophiyaan biyyoota sirna mootummaafi giddugalaa qaroominaa taatee keessaa adda durummaan eeramti. Adeemsa seenaa kana keessatti birmadummaafi bilisummaa Itoophiyaa sarbuuf weerarriwwan garagaraa gaggeeffamaa turaniiru. Biyyattiin weerarawwan kanneen injifannoon irraa aanuun fakkeenya bilisummaa addunyaa taateetti jechuunis ibseera.
Adwaan asxaa injifannoofi bilisummaa lafeefi dhiiga Itoophiyaanotaatiin argameedha. Injifannoon Adwaa gootummaafi wareegama abbootiin garaagarummaa tokko malee dhiigaa dhangalaasanii, lafee itti cabaniifi lubbuu itti wareegamanii nu gonfachiisaniidha. Kanaaf Adwaan injifannoos, hambaas ta’uu beeksiseera.
Adwaan olaantummaafi fedhii gita bittootaa kan hiika dhabsiise, bantii seenaa ta’uu eeruun, hambaa walitti hidhamiinsa ummatoota gurraachaa, asxaa qabsoo Afrikaanotaafi maddaa cimina miiraa ta’uus ibseera.
Adwaan, lammiilee Itoophiyaa hunda fo’aa jaalala biyyaan kan walitti hidhe, labsii bilisummaa birmadummaa biyyaa kan durse yoo ta’u, tokkummaan sabdaneessummaa Itoophiyaa kan bu’uureffameefi diinota keenyaatti ammoo qaanii kan haguugeedha jedheera.
Godambaan Yaadannoo Injifanoo Adwaa Magaalaa Finfinnee wiirtuu Birbirsaa Goorootti ijaarames haala injifannoo Adwaa kan gituufi injifannoo waloo ifa baasuu, seenessawwan qoqqoodoo dhabamsiisuun seenessawwan waloon akka ijaaramaniifi dhalootatti akka darban kan taasisu ta’uu ibsuun, tokkummaa sabdaneessummaa Itoophiyaafi obbolummaan akka hidda gadi fageeffatu taasisuu keessatti faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibseera.
Injifannoon Adwaa Itoophiyaanota qofaaf utuu hintaane qabsoo ummatoota gurraachaaf asxaafi madda cimina miiraa ta’uu himuun, godambichi teessoo Afrikaa Finfinneetti ijaaramuun Itoophiyaanotaaf qofa utuu hintaane obboloota keenya, Afrikaa wareegamaniifillee yaadannoo ta’uu eereera.
Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa faayidaan waloo Itoophiyaanotaa kan kabajamu walta’uun ta’uusaatiif mallattoo ta’uus eeree, godambichi seenessawwan waloo cimsuun duudhaalee injifannoo Adwaa cimsuun Itoophiyaa badhaatee ijaaruuf waloon socho’uun humnaafi injifannoo ta’uu ibseera.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, injifannoon Adwaa, ilaalcha olaantummaa warra adii tokko jedhee kan diigedha. Injifannoon kun qabsoo abbootiifi goototni keenya lolanii lolchiisuun argameefi gurraacha maqaa ulfinaa gonfachiiseedha.
Waggoota 128 booda Godambaan wareegamtootaafi Yaadannoo Injifannoo Adwaa madaalu yaada Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad maddisiisanii ijaarameera kan jedhan Obbo Shimallis, hoggansi dhaloota kanaa, akkuma seenaa injifannoo Adwaatti ulfina tolche, hiyyummaafi boodatti hafummaa mo’achuuf hojjechaa jiraachuu himu.
Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa Finfinnee, Birbirsa Goorootti lafa hektaara shanirratti ijaarame lafaa gaditti darbiiwwan lamaafi lafaa olitti darbiiwwan shan qaba. Godambichi balbaloota seensaa saddeet kan qabuu yoo ta’u, balbaloonni kunneenis “Balbala Gootota Bahaa, Balbala Gootota Lixaa, Balbala Gootota Kaabaa, Balbala Gootota Kibbaa, Balbala Abbootii Fardeenii, Balbala Goototaa, Balbala Paan Afrikaanizimii” jedhamuuun moggaafamaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016
13 Comments to “ Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa: Mallattoo gootummaafi injifannoo Itoophiyaanotaa”
Comments are closed.