Gamtaa Afrikaa: Waltajjii milkaa’inoonni Itoophiyaa ittiqoodamu

Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa (DhTA) duraanii bara 1963tti qindoomina mootummoota Afrikaa walaba ta’an 32n Itoophiyaa, Finfinneetti hundeeffame. Yeroo sanatti mootiin Itoophiyaa Hayilasillaaseefi pirezidaantiin Gaanaa Kiwaamii Nikurumaah dhaabbaticha hundeessuuf gahee guddaa akka fudhatan seenaan ni ibsa.

Dhaabbatichi ALA bara 2002 maqaasaa gara Gamtaa Afrikaatti jijjiirrachuun imalasaa ittifufe. Biyyoota kolonii jala turan bilisoomsuu akeekasaa ijoo taasifatee kan hundaa’e gamtichi ammaan tana biyyoota miseensotaa 55 qaba.

Milkaa’ina akeekasaa kanaaf gargaarsa barbaachisu gochaa ardittiitti walitti makamni siyaasaafi dinagdee akka uumamuuf akkasumas sadarkaan jireenyaa ummatootashii akka fooyya’uuf tattaafachaa tureera.

Gamichiti waltajjii biyyoonni Afrikaa walittiqabamanii itti mari’atanis ta’eera. Yeroo biyyoota miseensotaa jidduutti waldhabdeen uumamu mariidhaan hiikuuf kan hojjetu yoo ta’u, biyyoota rakkoon nageenyaa mudatetti humnoota nagaa eegsisan bobbaasuuudhaanis qoodasaa bahachaa tureera.

Haa ta’u malee kaayyoon biraa DhTAn Afrikaa hirkattummaa dinagdee jalaa walaba taasisuuf qabate hanga har’aatti haala yaadameen hinmilkoofne. Dinagdeefi qabeenyishee har’as to’annoofi dhiibbaa warra humna qabanii jala jira. Daldalli Afrikaanota gidduu jirus gadaanaadha.

Har’as Afrikaatti dhaabbileen daldalaa, aviyeeshiniifi teknolojiifaan muraasa ta’uun, omishaalee sonni ittidabalame erguun, hojii daldalaafi bizinasii si’eessuuf bu’uuraalee misoomaa ga’aa dhabuun guddinashiitti danqaa ta’eera.

Hundarra Afrikaan sirna barnootaa dargaggootashii afaanumashiitiin barsiisuufi leenjisuu dandeessisu siriitti waan hinbocanneef damicharraa bu’aan barbaadamu argamuu hindandeenye.

Yaa’iin gamtichaa baranaas mataduree, “Barnoota jaarraa 21ffaa madaalu, sirnoota barnbootaa cimaa diriirsuudhaan Afrikaatti barnoota hundammataa, bara jireenyaa, qulqulluufi qaqqabummaasaa bal’isuu” jedhuun har’aafi boru adeemsifamu dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennee nimari’ata.

Gama kanaan Itoophiyaan keessumaa jijjiiramaa as qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu raawwachuushiifi ammas raawwachaa jirti. Keessumaa Finfinneen waggoota muraasa darbanitti damicharratti jijjiirama qabatamaafi mul’ataa galmeessisteetti.

Magaalattiin keessumaa sagantaa nyaata barattootaatiin milkaa’ina olaanaa galmeessisteetti. Sagantichaan barattoonni mana barumsaa idileen duraa hanga kutaa 8ffaatti jiraniifi kuma 700 caalaniif nyaata dhiyeessaa jirti.

Sagantaan barattootaaf nyaata dhiyeessuu hojii biyyoota addunyaa kaaniif muuxannoo gaarii ta’uu bira darbees sadarkaa idiladdunyaatti hoggansa bulchiinsichaatiif beekamtii argamsiiseedha. Sagantichaan haadholiin kuma 10 olis nyaata qopheessuurratti bobba’uun carraa hojii argataniiru.

Barattoonni akka afaan dhalootaasaaniitiin barataniif tattaaffiin taasifameera. Qulqullina barnootaa eegsisuufis barsiisotaaf leenjiin fooyyessa ogummaa kennameera, ni kennamas.

Akka Ministeerri Barnootaa ibsettis, gama duula ijaarsaafi fooyyessa manneen barnootaatiin waggaa tokko keessatti manneen barnootaa 749 haaraan ijaaramaniiru, manneen barnootaa kuma shaniifi 578 haareffamaniiru, manneen barnootaa kuma 42fi 600f galteewwaan akka gabateefi teessoo barattootaafaa guutamaniiru. Manneen barnootaa kuma 11fi 611f hojiin bishaaniifi ibsaa galchuu raawwatameera. Kunis milkaa’inoota olaanaa yaa’ichaaf dhiyaatan keessaafi tokkoofi isa ijoodha.

Kana malees Ministeerri Dhimma Alaa torbanuma kana qofa ministiroota dhimma alaa biyyoota 29 simatee dhimmoota adda addaarratti mari’ateera. Dura bu’oota biyyootaafi hoggantoota dhaabbilee idiladdunyaa gara garaa wajjinis marii bu’aaqabeessaafi milkaa’aa gaggeessiteetti, gaggeessaas jirti. Kunniin hundi xiyyeeffannoon Itoophiyaan dhimma dippilomaasii garlameefi damdaneessaatiif kennitee hojjetaa jirtu daran milkaa’aa ta’uu kan agarsiisuudha.

Yaa’ii dura bu’oonni biyyoota Afrikaa 49, kan Afrikaan alaa jahaafi jaarmiyaaleen idiladdunyaa 13 irratti hirmaatan kanarratti waliigalaan Itoophiyaan milkaa’inoota hojii ijoo kanneen akka dhimmoota barnootaa, dijitaalaayizeeshinii, diippilomaasii, ashaaraa magariisaa, eegumsa naannawaa, wabii midhaan nyaataatiin of danda’uufi kkf irratti muuxannoo gabbifatte hirmaattotaaf bal’inaan niqooddi.

Yaa’ichi Itoophiyaan biyya ibsama bilisummaafi fakkeenya injifannoo Afrikaanotaa jedhamtee eeramtu tun, yaa’ii kana borumtaa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa ummatoota gurraachaa bakka bu’u eebbistetti milkaa’ina dameewwan kanneenirratti galmeessiste ibsachuuf daran kan ishee gargaaruufi hiika addaas qabaatuudha.

Itoophiyaan seeneffama jallaa ardittiif kenname duubatti deebisuun mul’ata haaraa Afrikaanotaaf malu bocuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jirti. Biyyoonni ardichaa kaanis hariiroofi dhimmoota dinagdee, aadaafi siyaasaatiin cimsachuuf muuxannoo Itoophiyaa kana akka raacitiitti fayyadamuu qabu. Kan Itoophiyaa dabalatee ummatoonni ardittii tokkummaafi nageenya keessoosaanii jabeessuuf yeroo kamuurra tattaaffachuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You

One Comment to “ Gamtaa Afrikaa: Waltajjii milkaa’inoonni Itoophiyaa ittiqoodamu”

  1. Pingback: kelsa cosmetics

Comments are closed.