Dhaloota hambaa lakkaa’u osoo hintaane, qaroominaafi ogummicha dhaalu horachuuf dirqama haadholiin bahataa jiran

Nama qurxummii fedhuuf qurxummii laachuurra akkaataa qurxummiin itti qabamtu barsiisuun fala sirriidha jedhama. Dhugaadha, kennaan namni guyyaa tokkoof namaa kennu gammachuu yeroo gabaabaa yoo namaa kenneen ala hiyyuma keessaa nama hinbaasu.

Kanaafuu akkaataa itti tulluun hiyyumaa diigamuu danda’u barsiisuutu fala malee gammachuu battalaatiif kennaa dhumatu namaaf arjoomuun egeree namaa ijaaruu keessatti shoorrisaa gadaanaadha. Dhaloonni ammaa kennaa fudhachuu moo ogummaa dhaaluu filata jennee yoo ilaalle isinuu beektu maalan isinitti hima.

Tibbana gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa hojiif gara Harariitti wayita imalee turetti sochii dhaloota hambaa lakkaa’u osoo hintaane qaroominaa fi ogummaa durii dhaalu horachuuf sochiitti jiru tokko itti goree kan daawwate yoo ta’u, dhaloota ammaaf fakkeenya waan ta’eef isiniif qooduuf dirqaamneerra.

Biiroon Aadaafi Turizimiifi Kunuunsa Hambaalee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii dhaloonni ogummaa haadholiifi abbootiinsaanii kaleessa ittiin beekamaniin ijaaramanii akka guddataniif kanamalees madda galiif oolchuu akka qaban xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira.

Kaayyoon ogummaa dhaloota darbee har’a dhaalchisuu kun sadarkaa leveliin kennamaa kan jiru yoo ta’u, ogummaan cimsuurra darbee madda galii akka godhataniif kan kaayyeeffatedha jedhu.

Daarektarri Aadaafi Turizimiifi Kunuunsa Hambaalee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii Obbo Amiir Ramadaan turtii Bariisaa waliin taasisaniin ogummaan abbootii darbanii dhaloota ammaatiin akka dhaalamuuf kolleejjii Inaaayoobiidaa (Haadha) jedhamu banuun hojiilee xibiraa, hodhaa, faaya gara garaa dhahuu ,meeshalee faayaa qopheessuu, uffata aadaafi kanneen biroon leenjii kennaa jira.

Leenjii gama kanaan barattoota simatanii kennaa turaniin marsaa shaniif barattoota kan eebbisiisan yoo ta’u, ogummaa akka hodhaa aadaa, faaya dubartoota, kan dhiiraa, uffata aadaa, gonfoo mataa kan misirroofi namoota gurguddaa hojjechuun gahoomsa.

Sochii gama kanaan taasifamu wanti adda godhu yoo jiraate namoonni achi keessatti leenjisan hedduunsaanii haadholiifi abbootii yoo ta’an, irra jireessan kan leenjicha fudhatan warreen hojidhabdummaa jala jiran, dargaggoota, haadholii rakkoo hawaasummaa gara garaaf saaxilamanidha.

Kolleejjiin Innaayoobiidaa hojiilee ogummaarrati leenjii kennu kana kan idileerraa adda kan taasisu yeroo eebbifaman waraqaa qorannoo osoo hintaane ga’umsa ogummaa isaan qaban ilaalamee kennamuusaati.

Ga’umsa leenji’aan tokko ogummaa ittin leenji’een argate qormaata barreeffamaan osoo hintaane dandeettii ogummaa inni horateen meeshaa hojjechuuf itti leenji’e sana qabatamaan hojjetee yoo agarsiise waan ta’eef ogummaafi ogummaa duwwaan madaalama jechuudha.

Haala kanaan kolleejjiinsaani dhaloota hedduu ogummaan ijaaraa dinagdeen, hawaasummaafi xinsammuun akka ga’umsa horatan taasisaa jiraachuu kan himan daarikteerichi, kanaan dura marsaawwan shaniif kan eebbisiise yoo ta’u, waggaa waggaan dubartoonni 100 ol ga’umsa horachuun madda dinagdeesaanii cimsatu jechuun ibsaniiru.

Leenjichi ogummaafi qaroomina ummanni Hararii durii kaasee qabu dhaloota dhaalchisuu qofa osoo hintaane madda galii ofii fooyyessuun naannoo ofii beeksisuurra darbee rakkoon hojidhabdummaa akka furamu kan gargaarudha jedhan.

Aadde Firdoosaa Toofiq Diinii Kolleejjii Inaaayoobiidaa yoo ta’an, kolleejjichi bara 2007 deeggarsa mootummaa Ispeenirraa argameen haaromfamee leenjicha saaffisiisaa jiraachuu kaasu. Kolleejjicha seenuuf sadarkaa barnootaa hingaafatu fedhiin qofti jiraannaan gahaadha jedhanii ogummaawwan 11n leenjii kennaa jiraachuus ni kaasu.

Fakkeenyaaf hodhaan migiraafi alalaarraa hojjetamu akaakuuwwan 20 oltu jiru. Kunimmoo ogummaan ummata Hararii kan warra kaaniirraa adda ta’uu agarsiistuu mataasaa qaba. Akaakuwwan hodhaa keessaa tokko fudhannee yoo ilaalle Hamaatmoot kan jedhamu jira. Hodhaan kun maatiif kan kennamuudha.

Gurgurtaansaa hanga qarshii kuma 30 kan baasuudha. Kanaaf shamarri heerumuuf qophooftu hodhaa kana hodhitee ykn bittee maatiisheef kennuun dirqama irraa eegamu waan ta’eef gabaansaas olka’aadha jechuudha. Qarshii kuma 30 baasanii bituurrammoo ogummaa kanaan leenji’anii ofii migiraafi alalaadhaan hodhachuun baasicha irraa isaan baraaruu danda’a jechuudha.

Kolleejjichatti namoota dhukkuboota gara garaa qaban jechuunis kanneen akka ootiizimiifaa simatanii ogummaa meeshaalee aadaa kana hojjechuu akka horataniifi dargaggoonni hojidhabeeyyii eebbifamanii ykn barnoota xumuranis karaa gandaa yoo dhiyaatan simachuun akka carraa leenjii argatan taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Meeshaaleen aadaa kolleejjichatti omishaman tokkoo tokkoonsaanii hanga qarshii kuma 10 kan baasan yoo ta’u, ga’umsi ogummaa harkaa ummatichaa adda ta’uurra darbees gaalii argamsiisuu keessatti bakka guddaa kan qaban leenjitoonnis itti quufinsa kan itti argatan ta’ee tajaajila.

Fedhiin yeroo ammaa kolleejjichatti leenji’uuf dhaloota haaraan mul’achaa jiru dachaan dabalaa kan jiru yoo ta’u, hirmaannaan shamarranii daran olaanaadha. Qoobii (Gonfoon) aadaa Hararii dizaayinii miidhagaafi hawwataa ta’een waan hojjetamuuf hanga qarshii kuma 15tti gurgurama jechuudha.

Ogummichi fo’aa halluuwwan gara garaa qabuufi kirooshii kanamalees ofkennuu gaafata kan jedhan Diinittiin ogummichi galii guddaa kan argamsiisu ta’uus ni eeru.

Dandeettiin ogummaa meeshaalee aadaa dabalataanis mana jireenyaa dabalatee ummanni Hararii qabu kan ummata biraarraa adda jedhanii, isa kanammoo qabatamaan lafarratti wayita agarsiisnu namoonni hedduu itti gammadaa jiru. Barbaadamummaan meeshaalee kanneeniis biyya keessaafi alaan dabalaa jira jedhu.

Inni guddaan kolleejjisaanii adda taasisu yoo jiraate leenjitootarraa wanti eegamu fedhii qofa yoo ta’u, kaffaltiii tokko malee ogummaa kabajamaa kanaan ijaaaramanii bahu.

Leenjitoota kanaan dura leenjicha fudhatan jechuunis kanneen marsaa shaniif leenji’an hedduunsaanii bakka hojii dhuunfaasaanii banatanii galii guddaa argachaa jiru.

Aadaan kun gabbachuun inni guddaan ga’umsaafi qaroomina kalaqawwan abbootiifi haadholiin darban qaban akka hindagatamne kan taasisu yoo ta’u, darbeemmoo eeggattummaa hambisuun ofirra darbanii namoota birootti abdii jireenyaa kan horuu ta’ee tajaailaa jira.

Yeroo ammaattis ogummaalee xibiraa uffata aadaa, gonfoo, hodhaa kennaaf oolu, meeshaalee faaya mormaa, kan aadaa akka hojjetaaniif dhaloota hedduu qaraa jiraachuullee nuu kaasanii, ogummaan kun akka hindagatamneef deeggarsi ogummaa haadholii ga’umsa qabaniin kennamaa jira jedhan.

Sochiin gama kanaan eegalame akka cimuufis kolleejjicha karaa bocasaa ganamaa hingadhiisneen haaromsaa jirra jedhanii, leenjitoonnis gammachuufi si’aayinaan simatamanii ijaarsa dandeettii fudhachaa jiru.

Aadaan kun gabbachuun eenyummaa dhaloonni darbe qabu dhaloota har’aatiin akka dhaalamu ga’umsi dandeettiifi qaroominni kaleessaa gabaa har’a bakka olaanaa qabaachuusaatiif agarsistuu guddaadha.

Meeshaalee biyya alaatii dhufan gatii qaaliin binnee mana keenya ittiin miidhaagsina. Nuti garuu meeshaa faaya akkam akkam bareedu kan fagoorraa nama hawwatu osoo qabnuu kan ormaa filanna. Aadaan kun ofta’uu dhabuu akka ta’e hinbeeknu jetti diiniin kolleejjichaa.

Faranjoonni wayita dhufanii meeshalee aadaa keenya argan ni raajeffatu. Amanuu dadhabaniillee asumatti hojjetamaa jedhanii gaafatu. Nuyis leenjitoonni wayita hojjetan yoo isaan agarsiisnu ajaa’ibsiifatanii meeshaalee kanneen gatii qaaliidhaan bitatu.

Nuyi kan keenya gatii akka baasu wallaallee kan ormaa faana fiigna malee osoo barreetii binnee gabaaf dhiyeessuun sharafa alaa guddaa irra argamsiisuu dandeenya ture. Hubannaa kana dhabuu keenyaan ogummaa keenyatti fayyadamaafi bu’a buusaa hinjirru. Kun fooyya’uu mala yaada jedhu kaasu.

Walumaagalaatti meeshaalee aadaa keenya abbootii ykn haadholii darbaniin hojjetamaniiru jennee godambaa keessa keenyee kan ittiin boonnu kana har’a qaroomina dhaloota darbeetii hojjedhaa nu agarsiisaa osoo jedhamnee meeqan keenyatu beeka laata?

Of haa gaafannu. Of ta’uun ofiifis biyya ofiifis ta’uudha. Dhaloota hambaa lakkaa’u qofa osoo hintaane ogummicha dhaalee madda galii godhatu akka taanuuf kennaa guddaafi hindhumne ogummaa walhaa dhaalchisnu.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You