Maqaa ‘qabsootiin’ ummata dararuun haa dhaabatu

“Abbaan koo Shifarraa Wayyeessaa Qannoo jedhamu. Jiraataa Oromiyaa lixaa ture. Abbaan koo qonnaan bulaa adda dureedha. Siyaasa keessas hinjiru. Namoota waldhabaniifi gumaaf walbarbaadan araarsuun beekama.

Sababa tokko malee shororkeessitoonni laga keessa jiraatan yeroo tokko saamicha nurratti raawwatan. Erga saamicha raawwatanii booda yeroo lammaffaaf halkan sa’aatii 5:00tti dhufanii abbaa keenya manaa fuudhanii deeman. Sababasaa hinbeeknu.

Ganama sa’aatii 4:00tti ergaa, ‘ajjeesneerraa boo’aa’ jedhu dhageenye. Oggaa reeffasaa fudhachuu dhaqnu nurratti dhukaasan. Obboleessa koos garmalee reeban. Abbaa keenya dhabnee, waan horanne hundas saamamne.

Abbaan koo ijoollee barachaa turan torba qaba. Garuu kana booda barachuu hindanda’an. Rakkoo guddaaf saaxilamne. Inumaayyuu abbaa keenya isa du’e wayya. Nuti utuu jirruu akka hinjirre taane. Gocha garajabeenyaa dhala namaarratti raawwatamuu hinqabnetu nurratti rawwatame. Gocha hamaa kana ummanni Oromoos ta’e warri kaan hubachuufi balaaleffachuu qabu” jedha gabaasni miidiyaaleen gocha hammeenyaa gareewwan shororkeessitootaafi finxaaleyyiirratti xiyyeeffachuun irradeddeebiin hojjetaa turan.

Nageenyi daran qaaliifi waantota hundaaf bu’uura. Iddoo nageenyi hinjirretti waantota guguddaa yaaduufi karoorfachuun taasumaa hin yaadamu. Ammaan tana kan ummatas, biyyas nagaa dhorkaa jiru tooftaafi muuxannoo siyaasaa waan barbaadan ittiin milkeeffatan hubachuu dhabuudha.

Haallitti rakkoon mudate ittifuramus mataansaa rakkoo qaba. Oggaa rakkoon kamuu matayyoota, murnootaafi ummatoota jidduutti mudatu rakkinicha mariifi jaarsummaadhaan furuun laafaa dhufeera.

Oggaa jalqabbiiwwan nageenyaa uumaman bitaa mirgaan kiyyoo kaa’uunis ni mul’ata. Imalli nagaadhaaf taasifamu oggaa eegalamu jabaadhu jechuu otoo hintaane kiyyoon kaa’amee akka jalqabbichi gufatu gochuun nimul’ata.

Obboleessi obboleessa ajjeesuun, madeessuun gaaffiin deebi’u hinjiru. Bu’aansaa waldeegsuu, qabeenya barbadeessuu, waraana walitti kaasuu, walitti bu’iinsa uumuu, walbuqqisuu, maatiin akka diigamuufi akka biyyiifi ummanni boqonnaa dhaban gochuu qofa.

Akka Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) yaa’ii paarlaamaa Kibxata darbe taa’amerratti ibsanittis, ummata nan qabsaa’aaf jedhan danqaa, konkolaataa gubaa, qabeenya saamaa, akka hojiin misoomaa hinhojjetamne gochuun Oromoos ta’e saba kamiifuu faayidaa hinqabu. Kun gonkumaa akka tooftaa qabsoottis hinfudhatamu.

Gocha hamaa akkanaa keessaa bahamee gara waltajjii nagaatti dhufamuu qaba. Ummata ofii gidirsaa siifan qabsaa’a jechuun faayidaa hinqabu. Ummata Oromoofis ta’e kaaniif sadarkaa har’a irra geenyeen kan barbaachisu nageenya, mariidha. Yaada caalmaa qabu qabatanii dhiyaachuun karaa dimokraatawaan aangoo qabachuu shaakaluu qofa. Kana booda Itoophiyaatti filannoodhaan malee qawweedhaan aangoo qabatanii bulchuun taasumaa waan yaadamu akka hintaane hubatamuu qaba.

Kanaa achi waanti walittibu’iinsarraa, wallolarraa, jibbiinsarraa, abaarsarraa buufatamu akka hinjrre hubatamuu qaba. Walittibu’iinsi waanuma qabnullee nu dhabsiisa malee homaa nuu hindabalu. Kan hamma har’aatti uumameyyuu ni hir’ise malee waan dabale hinqabu. Rakkoolee uumaman kamuu mariidhaan furuun aadeffamuu qaba. Kanaafis ummanni, abbootiin amantii ,jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, hayyoonniifi dargaggoonni qoodasaanii bahachuu qabu.

Walumaagalatti mootummaan karrisaa nageenyaaf baname akkuma jirutti ta’ee gidiraa gareeleen shororkeessitootaafi finxaaleyyii maqaa qabsootiin socho’an uumaniin akkuma seensarratti eerre lammiin, ummanniifi biyyi rakkachuu waan hinqabneef haaluma waadaa galameen hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu cimsee ittifufuu qaba.

Biyyi kan abbaan barbaade akkuma fedhetti qawwee rarraafatee hunkuru ta’uu waan hinqabneef murni karaa seeraan alaa hidhatee socho’u kamuu si ga’e jedhamuu qaba; dammis yoo baay’ate waan hadhaa’uuf. Obsis akkasuma jechuudha.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You