Dorgommii Haroo Wancii: Bashannansiisaa ispoorteessitoota ciccimoo horachuu jalqabe

Haroo guyyaa tokkotti yeroo sadiif bifa jijjiirratu ykn guyyaa tokkotti bifa sadii horatu. Yeroo ganamaa ykn obboroo carallaan biiftuu irra bu’e akka calalaqu ta’uudhaan bifa miidhagaafi hawwataa uummatu. Yemmuu lafti guyya’ee biiftuun sirrii sammuu gubbaa ooltutti immoo cuquliisa ta’ee bifa samiin qabdu horatu. Yemmuu aduun gara iddoo bultiisheetti godaantuufi lafti galgalaa’e immoo halluu magariisa horachuudhaan bifa dachee biqiloota naannicha marsanii jiranii fudhatu; haroo Wancii.

Hara kana keessa bineensonni galaana keessa jiran kanneen akka Naachaa, Jawweefi Qurxummii baay’inaan hinjiraatan. Sababa kanaanis harichi haroowwan biyyattiin qabdu keessaa isa qulqulluu ta’ee sadarkaa 1ffaa qabateera. Sababni guddaan haricha keessa akka bineensonni garaagaraa hinjiraanne taasise ho’inni/qorri harichaa digrii sentigireedii 15 waan ta’eef ta’uutu himama.

Waanti Hara kana adda taasisu inni biraa walakkaa harichaatii Gadaamii/bataskaana durii kan Carqoos jedhamu jiraachuusaa yemmuu ta’u, Carqoos dabalatee naannawa Haroo kanaa bataskaanota shantu jiru.

Iddoon uumamaan badhaadheefi yeroo dhihoo as xiyyeeffannoo mootummaa argachuudhaan erga misoomee booda sagantaawwan gara garaa kanneen akka dorgommii fiigichaafi kanneen biraa achitti adeemsifamaa kan jiran yeroo ta’u, dhiheenya kanas dorgommiin Biskileetii Oromiyaa 1ffaan korniyaawwan lamaaniin fageenya kiiloomeetira adda addaatiin gaggeeffameera.

Naannoon uumamaan akkasitti bareedu ijaarsa daandiifi bu’uraalee birootiin guuttamuusaatiin naannawichi bashannana qofaaf osoo hintaane dorgommiiwwan gara garaatiifis mijataa ta’uu dorgommii dubartootaa kiiloomeetira 10 tan injifatte Maartaa Kaasaahun nidubbatti.

Dorgommii biskileetii sadarkaa godinashee Shawaa Kibba Lixaatti yeroo adda addaatti qophaa’u hirmaachuun ala dorgommiiwwan sadarkaa Oromiyaafi guguddoorratti hirmaachuun isheedhaaf kan jalqabaa ta’uu kan himtu Maartaan, hirmaannaafi injifannoo jalqabaatiin dachee bareedduu Wanciitti injifachuushiitiin gammachuu olaanaa kan qabdu ta’uu himti.

Akka yaadasheetti: Hanga ammaatti shaakalaafis ta’e dorgommiiwwanirratti hirmaachuu malee kan mataashii hinqabdu turte. “Dorgommii haroo Wancii kana injifachuu kootiin garuu badhaasa waancaafi maallaqaatiin dabalata biskileetii badhaafamuun koo daran na gammachiiseera” jetti.

“Badhaasa biskileetii argachuunkoo hojii gara fuula duraa yaaddoo tokko malee osoo nama tokkos hin kadhanne sa’aatiin barbaadetti akkan shaakalu kan na dandeessisu waan ta’eef, dorgommiiwwan kana booda sadarkaalee guguddaarratti qophaa’anirratti hirmaachuufis hamileefi kaka’umsa natti hora.”

“Kanaan dura biskileetii namarraa ergifadhee waanin shaakaluuf guyyaa ani barbaadetti osoo hintaane, guyyaa abbaan biskileetichaa natti kennen shaakala. Kun immoo dorgommiiwwaniif shaakala barbaachisu taasisuudhaan bu’aa barbaachisu akka hinfinneef gufuu ta’aa waan tureef badhaasota maallaqaafi waancaa caalaa biskileetii badhaafamuun koo hedduu na gammachiiseera” jetti.

Dorgommii qofaaf osoo hintaane daawwannaadhaafuu qarqara haroo Wancii dhufuun miira namaa kan haaroomsu ta’uu kan himtu immoo dorgommii biskileetii dubartootaa fageenya kiiloomeetira 30 kan injifatte Yabsiraa Kaasahun, injifachuu ishii qofaaf osoo hintaane sababa dorgommii kanaatiif carraa iddoo sana daawwachuu argachuusheetiifis carra qabeettii ta’uushee dubbatti.

Kanaan dura dorgommii biskileetiitiin muuxannoo gahaa kan hin qabne ta’uushii kan himtu Magaalaa Shaggar bakka buutee hirmaachuudhaan kan injifatte Yabsiraan, dorgommii kanaafi injifannoo asitti argame kanaan garuu hawwiishee gara fuula duraa jiruuf abdii gaarii akka horattu ishii taasisuu himti.

Akka yaadasheetti; Daandiiwwan qarqara haroo Wanciitti ijaaraman haala gaariidhaafi qulqullinaan kan ijaaraman waan ta’aniif ariitii biskileetiitiif hedduu mijataadha. Haalli qilleensaa naannawa kana jirus qabbanaa’aa waan ta’eef ariitii biskileetiitiif kan nama hin dadhabsiisneefi humna namaa qusatudha. Kana waan ta’eef, haalota mijataa akkanaarratti dorgomuun mataansaatuu daran kan nama bashannansiisuudha.

“Haalli teessuma lafaafi daandiin dorgommii biskileetii irratti adeemsifame iddoowwan tokko tokkotti lafa irraan gadee kan qabu waan ta’eef yemmuu saffisan si’aayinni biraa waan daran dabaluuf balaa gara garaatiifis nama saaxiluu mala.

“Kanuma hubachuudhaan warri dorgomsiisus konkolaataadhaan fuula dura keenya imaluudhaan yemmuu bakka irraan gadee geenyutti akka of eeggannu nutti himaafi haala waliigalaa fuuladura keenya jirurratti hubannoo nuu kennaa adeemuunsaanii dorgommichi balaa tokko ala akka xumuramuuf carraa uumeera. Atileetiksii qofaan osoo hintaane, gama biskileetiitiinis biyyattii maqaa waamsisuuf cimnee hojjachuu akka qabnutu natti dhaga’ama” jetti.

Magaalaa haaraan dhiheenya hundeeffame Shaggar dorgommii biskileetii dubartootaa fiigicha kiiloomeetira 30 kanaan sadarkaalee tokkoffaa hanga sadaffaatti jiran walitti aansanii injifachuudhaan badhaasa maallaqaafi waancaas argachuu danda’anii jiru.

Deeggarsi bulchiinsa magaalaasaanii gahaa osoo hinta’iniin kaka’uumsa mataasaaniitiin dorgommii biskileetii Oromiyaa 1ffaa irratti hirmaachuuf carraa argachuusaatti hedduu gammaduu kan himu immoo Magaalaa Jimmaarraa dorgommicharratti kan hirmaate Abbaay Taganyi. Sababa hanqina biskileetii gahumsa qabu dhabuutiin biskileetii moofa’eeen hirmaatee sadarkaa keessa galee injifachuu akka hindandeenye dubbata.

Innis, “Biskileetii moofa’een dorgomuunsaa akkan hin injifanneef sababa tokko ta’us, hordoffiifi deeggarsi bulchiinsi magaalaas ta’e waajjira ispoortii magaalattiirraa argachaa jirru daran gadaanaa ta’uun mo’achuu dhabuu kootiif shoora olaanaa bahateera jechuun ni danda’ama.

“Bulchiinsi magaalaa Jimmaa waajjirri ispoortiis yeroma dorgommiin wayii jiraatu bakkawwan gara garaatii walitti nu qaba malee bifa dhaabbii ta’een walitti qabamnee shaakala cimaa akka taasifnuuf deeggarsa barbaachisu nuu kennaa hinjiran.

Gara fuula duraatti nutis dogoggoroota akka biskileetii moofaa ta’een dorgomuu sirreeffannee bulchiinsi magaalattiis xiyyeeffannoo barbaachisu nuu kennee waliin hojjannee gara injifannootti deebi’uuf kutannoo cimaa qabna” jedha.

Dorgommichaan sababa garaa garaatiin injifachuuf carraa argachuu baatus dorgommii iddoo bareedaa sanatti gaggeeffamerratti hirmaachuunsaa kan isa gammachiisu ta’uu kan himu Abbaay, carraa kanaan lafa namootni biyya keessaafi alaa dhufanii daawwachuu barbaadan kana yeroo biraas deebi’ee hiriyyootasaa waliin itti bashannanuuf fedhii akka qabu dubbata.

Haroon Wancii Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Wancii keessatti argama. Ummanni naannawichaas, “Oromoo Cabboo” jedhamuun beekama, Hara kanarrattis ummatichi irreefannaaf fayyadamaa ture.

Maqaa bakkichaas Haroo hara Liiban jedhama ture. Argamni hara kanaa magaalaa guddoo godinichaa, Walisorraa gara kaabaatti kiiloomeetira 38 fagaatee argama. Haalli qilleensaa naannawa sanaa baddaa jedhamee beekama. Sababa qilleensi hararraa bubbisuuf naannoon sun ni qorra. Olka’iinsi bakkichaas naannawa meetira 2600 qixa sirrii galaanaatii ol akka ta’etu himama.

Haroon hara Wancii kan uumame dhohiinsa volkaanootiini jedhama. Haalli teessuma harichaa tabba/tulluun kan marfame, bal’ina lafaa heektara 560 ol kan uwwiseefi gadifageenya meetira 9-78 kan qabuudha. Qarqara hara kanaarratti muka biftisaa gugurraacha ta’e kan utubaa mana citaa fakkaatutu fiixeensaa mul’ata.

Wanci ‘ganda turizimii filatamtuu’ addunyaa ALA kan bara 2021 ta’uun Jaarmiyaa Turizimii Dhaabbata Mootummoota Walta’anii (‘UNWTO’)n kan filatamte yemmuu taatu, ‘UNWTO’n yaa’ii waggaa Ispeen, magaalaa Maadiriiditti taa’een ‘gandoota turizimii filatamoo’ 44 biyyoota addunyaa gara garaarra filatamaniif beekamtii kennee ture.

Gandoota turizimii filatamanii beekamtiin kennameef keessaa tokko ta’uun kan filatamte Wanciin, gandoota turizimii 174 kan biyyoota 75 irraa kaadhimaman keessaa gandootiin 44 biyyoota 35 irraa kan filataman.

Wanci dabalatee Afrikaarraa gandoonni sadii kan filataman yoo ta’u, tokko Keeniyaa tokko ammoo Ruwaandaarraa filatamuunsaanii ni yaadatama.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Dorgommii Haroo Wancii: Bashannansiisaa ispoorteessitoota ciccimoo horachuu jalqabe”

Comments are closed.