Atileet Gooyititoom Gabrasillaasee Ambaasaaddara kabajaa taate

Finfinnee: Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaa qabeenya uumamaa biyya keenyatti argamu kunuunsee eeguuf qaamolee gargaartota adda addaa waliin hojjechaa jira.

Haata’u malee rakkina namaan uumamuun qabeenyi uumamaa yeroodhaa gara yerootti balaaf saaxilamaa jira. Isaan keessaa tokko kan ta’e bineensa addunyaarratti saffisa ykn sa’aatiitti kiiloo meetira 100 ol fiiguudhaan adda ta’een beekamu, Warbaa (‘Chiitaa’) adamsuudhaan gochi seeraan alaa irratti raawwatamu waan hammachaa dhufeef qabeenyi biyyaa kun haala yaaddessaarratti argama.

Atileetonni keenyas keessumaa fiigicha dheeraa maaraatooniitiin addunyaarratti mo’achuudhaan maqaa olaanaa kan argatan fiigichuma saffisaa kanaani.

Daarektarri Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa bineensa balaaf saaxilamee baduuf fiixeerratti argamu kana baraaruuf warbaa fiigicha maaraatooniitiin kan beekamtu atileet Gooyititoom Gabrasillaasee ambaasaaddara kabajaa eegumsa Warbaa taasisee muuduusaa beeksisaniiru. Kanaafis atileetittii wajjin waliigaltee mallatteessuu eeraniiru.

Sirna muudamaa ambaasaaddarummaa dheengadda Finfinneetti adeemsifamerratti argamuun waraqaa ragaa kan kennan Ministira Turizimii Ambaasaaddar Laliisee Caaliiti.

Saganticharratti ambaasaaddaroonni Hundiifi Poorchugaal, Ministir De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnatiifi keessummoonni biroo argamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Atileet Gooyititoom Gabrasillaasee Ambaasaaddara kabajaa taate”

Comments are closed.