Uggurri tajaajila geejibaa Shaneen labse fashalaa’eera

Finfinnee: Uggurri tajaajilaa geejibaa gareen shororkeessaa Shaneen labsame qindoomina hawaasaafi mootummaatiin fashalaa’uu Biiroon Kominikeeshiniin Oromiyaa ibse.

Hogganaan biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa kaleessa raawwii hojii mootummaa naannichaa kurmaana 2ffaa ilaalchisee miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, gareen shororkeessaa Shanee gocha badii yeroo dheeraaf raawwachaa ture ittifufuun uggurri gabaafi geejibaa labse qindoomina hawaasaafi mootummaatiin fashalaa’eera.

Gareen kun durumaanuu qonnaan bulaan xaa’oo argatee omishaafi omishitummaan akka hinguddanne taasisaa turuu yaadachiisanii; ammas sochii geejibaafi gabaa ugguruu dabalatee sochii investimanitii gufachiisuufi namoota dhukkubsatan wal’aansa malee hanbisuuf uggura sochii labsuu dubbataniiru.

Akka barataan hinbaratne taasisuufi tajaajila mootummaafi ummataa gufachiisuun hojii diinummaa raawwachaa jiraachuu eeranii; ta’us faallaa garee kanaa mootummaan mareefi marabbaan nagaa buusuuf hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru. Waldhabbii jiru karaa nagaatiin xumuruuf harki araaraa diriire kan hindachaane ta’uufi filannoon kunis sirrii ta’uunsaa amantaa mootummaan ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan naannichaa badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf karoora xiiqii ariitii, qulqullinaafi baay’inaan inisheetiiwwan hojjirra oolchaa jiraachuu ibsanii; bara omishaa 2015/2016tti lafa hektaara miliyoona 8.2 qotuuf karoorfamee miliyoonni 9.8 sanyiin uwwifamee callaa kuntaalli miliyoona 253 (%95) sassaabamuu dubbataniiru.

Inisheetiivii misooma qamadii bonaa hektaara miliyoona 2.6 karoorsuun hektaara miliyoona 2.78 sanyiidhaan uwwisuudhaan callaa kuntaala miliyoona 105.8 akka eegamu ibsaniiru.

Milkaa’inni wabii midhaan nyaataafi sagantaa ashaaraa magariisaatiin Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad badhaasa ‘Agricola’ argachiises akka naannichaatti cimee akka ittifufus himaniiru. Akka isaan jedhanitti, tajaajila lammummaatiin ijaarsi manneen barnootaa Bu’uura Boruu, suphiinsi manneen harkaqal’eeyyii, ijaarsi mana jireenyaa barsiisotaa sadarkaa 1ffaa akkasumas deggarsa meeshaalee barnootaaf qarshiin biliyoona 65.7 ta’u sassaabameera.

Gama galiitiin galii idileerraa qarshii biliyoona 42.36, mana qopheessaarraa qarshii biliyoona 9.83, keessorraa qarshii biliyoona 4.87 waliigalaan qarshii biliyoona 71.3 sassaabuuf karoorfamee qarshii biliyoonni 57.07 (%80) walittiqabamuu ibsaniiru.

Manneen yaala fayyaa 55 ijaaruuf karoorfame keessaa manneen yaalaa 87 ijaaruun fayyaa hawaasaa dhibeeraa ittisuun danda’ameera jedhanii; namoota dhibee busaatiin qabaman kuma 945fi 942 yaaliin taasfamuufi saaphanni siree miliyoona torbaa ol namoota miliyoona 11 ta’an dhaqqabuus eeraniiru.

Namoota miliyoona 6.56 ol miseensa inshuraansii fayyaa taasisuuf karoorfamee namoota miliyoona 3.6 miseensa taasisuu himanii; kanneen hafanis baatii tokko hafe keessatti miseensa akka ta’aniif dhaamaniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You