Tattaaffii cimaa badhaasa meedaaliyaatiin dabaalame

“Hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (‘PhD’) bu’aaleen hojiilee damee qonnaa ceessisuufi injifannoowwan cimaa midhaan nyaataatiin of danda’uurratti hojjetamaniin galmaa’an Afrikaaf dadammaqina guddaa uumaniiru.

Doktar Abiyyi mul’ata, hoggansaafi kutattummaa wabii nyaataafi dhiyeessii nyaata madaalawaarratti agarsiisaniin waltajjii idiladdunyaa Kibxata darbe Xaaliyaanii, Roomitti gaggeeffamerratti meedaaliyaa Sagantaa Nyaataafi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Walta’anii badhaafamaniiru.

Guddina ajaa’ibsiisaa Itoophiyaan waggoota shanan darbanitti galmeessisaa jirtu argeera. Badhaasni kun hojii isaan wabii nyaataa mirkaneessuuf akkasumas hiyyummaa hir’isuurratti galmeessisaniif kan kennameedha. Itoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf keessumaa misooma qamadiitiin akkasumas ashaaraa magariisaatiin bu’aa guddaa galmeessisaniiru.

Milkaa’inni waggoota darbanitti argame rakkoolee biyya keessaa, biyyoota ollaafi hudhaalee idiladdunyaa keessatti. Kun Itoophiyaa qofaaf otoo hintaane akkuma ardiittuu fakkeenyaa guddaa kan ta’uudha” jechuun Dhaabbata Mootummoota Walta’aniitti Daarektarri Sagantaa Nyaataafi Qonnaa (‘FAO’), Kiiyuu Doongiyuun ibsan.

Dhugaadha, Ministirri Muummee Abiyyi mul’ata wabii nyaataa misooma dinagdee biyyattii qaban milkeessuuf tattaaffii cimaa taasisuudhaan, furmaatawwan kennuun hojjetaniiru, hojjetaas jiru.

Akkuma daarektarichi jedhan kutattummaan hoggansaa sagantaa nyaataan of danda’uu milkeessuurratti mul’ate Afrikaaf kaka’umsa ta’eera. Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis muuxannoowwansaanii cimaa warra kaaniif akka qoodaniif gaafatatmaa jiru.

Waggaa har’aa kan jalqabame hojiin omisha qamadii gabaa alaatiif dhiyeessuu biyya keessattis qonnaan bultootaafi dhimmamtoota biroo biratti kaka’umsa guddaa uumeera. Qamadii biyyoota ollaatti erguun akka danda’amus qabatamaan agarsiisaniiru. Milkaa’inni Itoophiyaan damee qonnaarratti galmeessisteefi galmeessisaa jirtu biyyoota ardii Afrikaafi warra kaaniif fakkeenyummaan kan eeramuudha.

Keessumaa Itoophiyaatti omishtummaan qamadii akka guddatuuf tattaaffiin Doktar Abiyyi taasisaniifi bu’aan argame rakkoo wabii nyaataa Afrikaatiif furmaanni ardichuma keessa akka jirus sirriitti mirkaneessuunsaaniis bakka hoggantoonni, diippilomaatonni addunyaa argamanitti isaan badhaasiseera.

Injifannoowwan guguddoo yaadama haaraa Ministira Muummee Abiyyi Ahmad maddisiisaniin biyya keenyatti kabajaafi ulfina horaa jiru. Seenaa biyya keenyaa keessatti Itoophiyaan yeroo hoggansasaaniitiin misooma qamadii tibba bonaa eegaltee ittiin milkaa’uu qofa otoo hintaane qamadii baasii guddaadhaan alaa bitamaa ture hambisuun danda’ameera.

Kana malees Doktar Abiyyi rakkoolee akka biyyaatti mudatan dandamachuu qofa osoo hintaane gara carraa gaariitti jijjiiruunis hoggansa cimaa jaarraan 21ffaa kun barbaadu kennaa jiru. Kunis biyya keenyaaf qofa osoo hintaane Afrikaa guutuuf boqonnaa haaraadha.

Sammuun waan gaarii yaadee karoorse, harki waan gaarii hojjetee milkeesse badhaafamuun adeemsuma sirrii waan ta’eef milkaa’ina argamaa jiru gama hundaan utubuun Itoophiyaa biyya obboleewwanshii Afrikaaf darbees hawaasa addunyaatiif fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf hunduu bakka irratti bobba’etti waan addunyaan ragaa bahaa jiru kana caalaatti fiixaan baasuuf xiiqiifi kutannoodhaan hojjechuu qaba.

Akkuma Doktar Abiyyi Ahmad, “Dhaabbata Mootummoota Walta’aniitti Sagantaan Nyaataafi Qonnaa tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasisnuuf badhaasa kabajamaa medaaliyaa ‘Agricola’ nubadhaasuusaaf galateeffachuun barbaada. Omishoota faayidaa olaanaa qabaniifi kanneen galtee indastirii ta’anirratti xiyyeeffachuun keenya bu’aa abdachiisaa nuu argamsiisaa jira. Adeemsa keenya birmadummaa nyaataaf taasisnu cimsinee ittifufna” jedhan jechuudha.

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

One Comment to “ Tattaaffii cimaa badhaasa meedaaliyaatiin dabaalame”

  1. Pingback: jarisakti

Comments are closed.