Oromiyaatti misooma baala shaayii babal’isuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Omishaafi omishtummaa baala shaayii guddisuun guddina dinagdee tumsuuf misoomasaa babal’isaa jiraachuu Biroon Qonna Oromiyaa ibse. Hanga ammaattis biqiltuun baala shaayii miliyoona 100 buufata biqiltuurratti kunuunfamaa jiraachuus hime.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Mahammadsaanii Amiin ibsa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, mootummaan fayyadamaummaa baala shaayii gadbu’aa ture akka dabaluuf inisheetiivii misoomasaarratti xiyyeeffannaan hojjechaa jira. Haaluma kanaan bara 2016tti lafa hektaara kuma 30 irratti biqiltuu baala shaayii miliyoona 400 dhaabuuf karoorfateera.

Mootummaan karooricha milkeessuufis naannawaa misooma baala shaayiif naanaawawwan qilleensa mijataa qabanitti hojicha babal’isuuf bal’inaan hojjetaa jiraachuu eeranii, baala shaayii Godina Iluu Abbaabooritti buufata tokko qofatti daanga’ee ture yeroo ammaan godinaalee Buunnoo Baddaaleefi Jimmaa aanaalee hundatti babal’isuuf hojjetamaa jira jedhan. Biqiltuun baala shaayii miliyoona 100 buufata biqituutti kunuunfamaa jiru ji’oota lama keessatti akka dhaabamus ibsaniiru.

Omishichi godinaalee Oromiyaa hundatti omishamuu baatullee Iluu Abbaaboor, Buunnoo Baddalleefi Wallaggaa afran mijaawoo ta’uu ibsanii, wiirtuu leenjii qonnaan bulaatti fayyadamuun gadinaalee kanneenitti akka babal’atu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, poteenshaalli baala shaayii biyyarra darbee alergiif kan ga’uudha. Ta’us hanga ammaatti akka barbaachisummaasaatti waan itti hinfayyadamneef akkuma bunaa madda dinagdee cimaa ta’ee sharafa alaa argamsiisuuf akaakuu, baay’inaafi qulqullinasaa dabaluuf hojiin babal’isuu hojjetamaa jira.

Hojicha mirkaneessuuf oyiruu qonnaan bulaarraa eegalee qooda fudhattoonni hubannoo ga’aa akka argataniif irratti hojjetamaa jiraachuu himanii; bakkeewwan misoomni baala shaayii ittibabal’ataa jirutti warshaaleen akka dhaabamaniif biirichi hojjetaa jira jedhaniiru. Dabalataaniis, teknolojii omishaafi omishitummaafi qulqullina baala shaayii mirkaneessuuf dhaabbileen qorannoo qonnaa irratti hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.

Xumura inisheetiivichaatti omisha baala shaayii lafa hektaara kuma lamarraa gara heektaara kuma 30tti ol niguddata jedhaniiru. Kanaan walqabatees warshaalee 30 baalli shaayii itti omishamu akka barbaachisuu himanii; warshaaleen kunneen qonnaan bultoonni gurmaa’anii dhiyeessuun gatii gaarii akka argatan gargaarus eeraniiru.

Gammachuu Kadiriin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Oromiyaatti misooma baala shaayii babal’isuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: Bilad Alrafidain
  2. Pingback: 검증커뮤니티

Comments are closed.