Misooma horsiisee bulaa badhaadhina walootiif

Seenaa biyya kanaa keessatti baruma dhufaa darbaa dagatamee kan ture hawaasni horsiisee bulaa, yeroo ammaa akka damee murteessaa dinagdee biyyaatti ilaalamuu eegaleera. Kana qofa osoo hintaane, keessumaa jijjiiramaa as tarkaanfiiwwan jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa fooyyessan fudhatamaa jiru.

Sochii akka Oromiyaatti taasifamaa jiru yemmuu ilaallu, horsiisee bulummaan mala jireenyaa lafa baldhaafi ummata hedduu kan uwwisuudha. Godinaalee sagal, aanaalee 45fi gandoota 860 keessatti namoonni miliyoona shan caalan jiruufi jireenyasaanii guutummatti ykn gartokkeedhaan horsiisee bulummaarratti hundeeffataniiru.

Lafti %43fi beelladni %40 naannichumatti argamu. Hawaasni baldhaan kun osoo humna dinagdee ta’uu qabuu, baroota dheeraaf rakkoo hamaa keessa turuuf dirqamee ture. Lafa baldhaafi mataa beelladaa hedduu lakkaa’us, faayidaan argachaa ture daran gadaanaadha.

Naannichi rakkoolee hawaasni horsiisee bulaan qabuufi haala qilleensaarratti hundaa’ee mudatu hundeerraa furuuf bu’uuraalee misoomaa kanneen akka; kilinikii fayyaa beelladaa, daandii, manneen barnootaa, mankuusa margaa, hidha jallisii ammayyaafi kanneen biroo hojjechuun abbootii warraa kuma 138 ol fayyadamaa taasisuun danda’ameera. Kun immoo xiyyeeffannoo waggoota shanan darbanitti damee kanaaf kennameef agarsiiftuu guddaadha.

Waggoota muraasa darbanitti rakkoolee jijjiirama qilleensaatiin walqabatanii uumamaa turan keessatti miidhamaan duraa hawaasa horsiisee bulaa ta’uun sirriitti hubatamee hojiin dursanii balaa qolachuufi erga uumamee booda immoo sochiin deeggarsaafi dandamannaa hawaasichaaf taasifames waan guddaadha. Kanaafis sosochii deeggarsa hawaasa horsiisee bulaa Booranaa hanqina roobaatiin miidhamee ture deeggaruuf taasifame yaadachuun gahaadha.

Yeroo ammaattis ta’e kanaan dura rakkoon hawaasa horsiisee bulaa inni ijoon hanqina nyaata beelladaafi dhiyeessii bishaanii ta’uun waan haalamuu miti. Haa ta’uu malee rakkoo kana waljalaa furuuf hanga barbaadamu hojjechuu dhabuun rakkinicha hammeesseera.

Xiyyeeffannoo waggoota muraasaa as akka mootummaatti dhimma kanaaf kennameen garuu pirojektonni guguddoon hawaasa horsiisee bulaaf faayidaa olaanaa kennan hojjatamaa kan jiran yemmuu ta’u, hawaasichi horsiisa loonii qofarratti akka hirkatee hinjiraanneef oyruu qaburratti qonna sirna nyaataa maatiisaa akka mirkaneessuuf leenjiiwwan gara garaa kennamaa turaniiru.

Kanaanis yeroo ammaa rooba gannaa kuufachuudhaan kuduraafi mudura qe’eesaatti omishuurra darbee, hanga hidha jallisiitti fayyadamuudhaan oyruu bal’aarratti qamadii dabalatee sanyiiwwan gara garaa omishaa jira.

Akka Oromiyaa qofatti pirojektonni finnaa guguddoon 73 hawaasa horsiisee bulaaf hojjetamuuf karoorfaman keessaa yeroo ammaatti 35 qarshii biiliyoona 10n ijaaramaa jiran saffisaan xumuramanii hawaasa akka tajaajilaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Torbeen horsiisee bulaa sadarkaa biyyaafi naannootti barana yeroo 19ffaaf kaleessaafi dursanii kabajamanis rakkoolee damichaa hanga ammaatti furmaata hinargannerratti xiyyeeffachuudhaan hanqinoota raawwii projektotaarratti mul’atan si’aayinaan hiikamanii gara tajaajilaatti akka galaniif haala kan mijeessu ture jechuun ni danda’ama.

Keessumaa torbeen horsiisee bulaa biyyaalessaa barana haala addaatiin, karaa hawaasa horsiisee bulaa biyyoota Gaanfa Afrikaa hunda walitti hidhuu dandeesssisuun kaleessarraa kaasee Finfinneetti kabajamaa jira.

Egaa oggaa haala waliigalaatiin ilaalamu, xiyyeeffannoon waggoota shanan darbanitti hawaasa horsiisee bulaafi naannawichaaf kenname daran abdachiisaafi jabaatee ittifufuu qabuudha. Pirojektonni jiruufi jireenya hawaasa kanaa ni fooyyessu jedhamanii eegalamanis yeroodhaan akka xumuramaniif hordoffiin addaan hin citne taasifamuu qaba. Kun taanaan misoomni naannawa hawaasa horsiisee bulaa sababa bu’uura badhaadhina waloo hintaaneef hin qabu.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Misooma horsiisee bulaa badhaadhina walootiif”

Comments are closed.