Walisoo: Walisoon magaalaa guddoo Godina Shawaa Kibba Lixaa yoo taatu, Finfinneerraa kiiloo meetira 114 fagaattee argamti.
Jiraataa magaalaa Walisoo kan ta’an Obbo Rattaa Wandimmuu yaada garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, bu’uraaleen misoomaa magaalattii sadarkaa gaariirra jiraatus fedhii hawaasaa kan guute miti. Daandiin koobilii keessoo magaalattii wal hingeenye. Rakkoon bishaan dhugaatiifi ibsaas bal’inaan mul’ata. Bishaan hanga ji’a tokkoo turuu danda’a, ibsaanis yeroo baay’ee ni ciccita.
Ijaarsi daandiin Walisoo-Amboo kiiloo meetira 68 ta’u erga jalqabee waggoota lakkoofsisus hanga ammaatti xumuramuu dhabuun, kenniinsi tajaajilaa hanqina qabaachuun jiraattota magaalattii biratti komii uumee jira jedhu.
Jiraataadhuma magaalattii kan ta’an Obbo Abarraa Dassaalany gamasaaniin akka jedhanitti, jiraattonni magaalattii rakkoo bishaan dhugaatiifi qaala’ina gatii midhaaniitiin miidhamaa jiru. Bishaan badee bakka hanga torban lamaatti turu jira. Qaala’iinni gatii midhaaniis hiyyeessi nyaatee akka hinbulle taasisaafi galii argatanii jiraachuu dadhabsiisaa jira. Rakkoon hojidhabdummaas babal’ateera.
Kantiibaa Magaalaa Walisoo kan ta’an Obbo Daanyaachoo Tashoomaa akka jedhanitti, bu’uraaleen misooma magaalattii bajata mana qopheessaa, bajata idileefi hirmaannaa ummataatiin hojjetamaa jiru. Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu, buufatni konkolaataa guddaaniifi bu’uraalee misoomaa baay’ee murteessoo mootummaa naannoo Oromiyaatiin darbees bulchiinsa magaalattiitiin ijaaramaa jiru.
Ijaarsi Pirojektii Ikoo Turizimii Haroo Wancii Dandii misoomaafi guddina magaalattiif deeggaruu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Uwwisni bishaan dhugaatii magaalattii lakkoofsa ummata magaalattiin kan walhingitne ta’uu himanii, lakkoofsi ummata magaalattii kuma 180 ol akka ta’e eeranii, rakkoo bishaan dhugaatii hawaasa magaalattii furuuf pirojektiin bishaan dhugaatii tokko mootummaa naannichaatiin hojjetamaa jiraachuu himu. Hojiin ijaarsa pirojektichaa waggaa lama dura kan eegale ta’uufi raawwiin hojiisaa %70 irra qaqqabuus ni kaasu.
Hojiin ijaarsa pirojektichaa Waxabajjii 30 bara 2016tti kan xumuramu ta’uu himanii, hojiin ijaarsa pirojektichaa xumuramee tajaajila kennuu yoo jalqabu rakkoo bishaan dhugaatii hawaasa magaalattii guutummaatti kan furu ta’uu eeraniiru.
Akkasaan jedhanitti, hojiin misooma magariisummaafi qulqullina magaalattii mirkaneessuu bajata mootummaafi hirmaannaa hawaasaatiin raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, hojiin kun miidhagina magaalattii daran dabaluu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf ittifufiinsaan kan raawwatamu ta’a. Hojii misooma magariisummaa magaalattiif bajatni qarshii miliyoona 12 qabameera.
Kenna tajaajilaa mirkaneessuuf hoggantoonni manneen hojii hundi torbanitti guyyaa sadii (Wiixata, Roobiifi Jimaata) karaa guutuu ta’een abbootii dhimmaa akka tajaajilan taasifamuu kan himan Obbo Daanyaachoon, kana jechuun hawaasni tajaajila argatutti quufeera jechuu waan hintaaneef hojicha ammayyeessuu cimee kan ittifufu ta’uu himu.
Daandiin asfaaltii keessoo magaalattii kiilo meetira 22 waggaa sadii dura dizaayiniinsaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaatiin hojjetame hanga ammaatti hojjetamuu dhabuun hawaasa biratti komii uumuu himanii, kunis sababoota adda addaatiin harkifatus kan ijaaramu ta’uu dubbatu.
Ijaarsi daandii Walisoo-Amboo bara 2006 jalqabame hanga ammaatti xumuramuu dhabuunis hawaasa biratti komii uumeera kan jedhan kantiibichi, ijaarsa daandii kana yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Tolasaa Tarrafaa akka jedhanitti, harkifannaan ijaarsa daandii Walisoo-Amboo mootummaa federaalaan hojjetamaa jiru hawaasa biratti komii guddaa uumee jiru yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf kallattiin taa’ee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016
4 Comments to “ “Rakkoon bishaan dhugaatii Magaalaa Walisoo barana guutummaatti ni furama” Obbo Daanyaachoo Tashoomaa (Kantiibaa magaalattii)”
Comments are closed.