Finfinnee: Rakkoo hawaasa horsiisee bulaa furuuf pirojektoonni Finnaa godina Booranaatti xumuraman bu’aa qabatamaaa argamsiisaa jiraacuu Biiroon Misooma Jal’isiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa ibse.
Biirichi ayyaana horsiisee bulaa marsaa 19ffaaf akka naannootti mata duree “Misooma naannawaa horsiisee bulaa badhaadhina biyyaaf” jedhuun barana kabajamu sababeeffachuun Kamisa darbe ibsa miidiyaaf kenneera.
Hogganaan biirichaa Injinar Girmaa Raggaasaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa rakkoo jijjiirama qilleensaan walqabatee horsiisee bulaa miidhan furuuf pirojektoota hojjetamaa jiran keessaa sagal xumursiisuun tajaajila jalqabsiiseera. Akka waliigalaatti pirojektoota hongee dandamachiisan bajata mootummaa naannichaa qarshii biliyoona 10 oliin hojjechaa jira.
Qabeenya naannoo horsiisee bulaa sirnaan fayyadamuufi rakkoolee jiran furuuf mootummaan karoora yeroo gabaabaafi dheeraa baasee hojiirra oolchaa jiraachuu eeranii, rakkoo uumamaafi namtolcheen balaa hongee namaafi qabeenya beeyladaa naannawaa horsiisee bulaa miidhe maqsuuf furuuf waggoottan arfan darbanitti hojiiwwan gurguddoon hojjetamuus yaadachiisaniiru.
Naannawaan horsiisee bulaa Oromiyaa laggeen baddaarraa maddan kanneen akka Awaash, Waabii Shabaleefi Gannaalee kanneen bonaafi ganna hingogne keessa qaxxaamuran waliigalaan %43 irra qubachuufi qabeenya beeyladaa miliyoona 16 ol akka qabus ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, qabeenya uumamaa akka bosonaa, bu’aa bosonaa, bineensota bosonaa qabaachuu himanii, qabeenyotni kunneen ikoolojii naannawaa eeguu, ho’iinsa qilleensaa to’achuu, rooba harkisuu, dhiqama biyyee xiqqeessuu, da’oo bineensotaa, nyaata beeyiladootaa, ijaarsawwan adda addaaf ooluun naannawaa horsiisee bulaatti sharafa biyya alaa argamsiisuuf shoora olaanaa qabu.
Ta’us rakkoo jijjiirama qilleensaan walqabatee hongeefi daldala seeraan alaa dabalatee jireenyaafi dinagdee horsiifatee bulaatti rakkoo ta’aa jiraachuu kaasu. Bara kanas guyyaan horsiisee bultootaa wayita kabajamu qabeenya dilbii naannawaa horsiisee bulaa misooma biyyaaf oolchuuf rakkoolee naannawaa kanatti mudatan qindoominaan irratti hojjechuun rakkoolee jiran maksuuf akka ta’e ibsaniiru.
Mata duree “Dinagdee naannaawaa horsiisee bulaafi dandamannaa jijjiirama qilleensaa’’ jedhuun mariin paanaalii magaalaa Finfinneetti Amajjii 13 akka eegalu himanii, marichis poteenshaala naannawaa horsiifatee bulaatti argamuufi qormaata haala qilleensaarratti xiyyeeffata jedhaniiru.
Poteenshaalaafi carraa naannawaa horsiisee bulaa jiru adda baasuun madda invastimantii, daldalaa, turizimiifi aartii gochuun hojiin Oromiyaa beeksisuufi horsiisee bulaa, hojjettoota, qooda fudhattootaafi caasaalee sadarkaan jiraniif beekamtiin ni kennama jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016
One Comment to “ Pirojektoonni Finnaa xumuraman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru”
Comments are closed.