Finfinnee: Biiroon Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa bara kana hojjettoota naannichaa kuma 50f qormaata mirkaneessa ga’umsa ogummaa kennuuf karoorfatee, hanga ammaatti hojjettoota kuma 12fi 50 kennuu beeksise.
Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Yaa’iqoob Taaddasaa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Oromiyaan hojjettoota mootummaa naannichaaf qormaata mirkaneessa ga’umsa ogummaa kan kennuu jalqabe bara 2012tti. Ta’us bara 2015 sirriitti lafa qabsiisuun hojjettootni kuma 16fi 500 ta’an sirna qormaata kana keessa akka darban taasifameera.
Akka isaan jedhanitti, hojjetaan tokko wayita madaalamu qabxiin qormaataa kun % 25 qofa ulaagaa madaallii keessa kan seenu yommuu ta’u harki caalu jechuunis % 75 muuxannoo, sadarkaa barumsaa, raawwii hojiifi naamusaa hammata; kanneen keessaa % 22 muuxannoo hojiirratti xiyyeeffata.
Kaayyoon qormaatichaa namni hojii hojjetuufi beekumsa waliigalaarratti hubannoo qabu beekuuf kaka’umsa hojjetaan hojiif qabu dabaluudha kan jedhan Obbo Yaa’iqoob, namni qormaata kanatti milkaa’uu dhabes akka jedhamu hojiirraa ari’ama osoo hintaane sadarkaarraa gad bu’ee kan ramadamu ta’us himaniiru.
Akka Oromiyaatti, qormaata kana ilaalchisee hubannoo ga’aan kennamaa waan tureef rakkoon mudate kan hinjirre ta’uu himanii, namni tokko beekumsa wayitawaafi kan hojii waliigalaa qabaachuuf haala inni itti qopheessuurratti hojiin hubannoo uumuu bal’inaan kennamuu hubachiisaniiru. Qormaaticha ilaalchisee duubdeebiin hojjetaas gaarii ta’uu kaasaniiru.
Tajaajila si’ataa kennuuf ga’umsa hojjetaa fooyyessuuf seerri bulchiinsa hojjettoota mootummaa lakk.215/2011 Caffee Oromiyaa ba’uu yaadachiisanii, bara 2012 eegalee shaakala keessa turuun bara 2015 seera jiru akkaataa lakk.24/2015tiin qormaata kennuutti seenuu himaniiru. Milkaa’ina qormaataa kanaa keessatti gahee leencaa taphachaa kan jiru Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa ta’uu himaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, hojiin ragaa barnootaa qulqulleessuu ilaalchisee Obbo Yaa’iqoob akka jedhanitti, kanaan dura dhaabbata barnootaa hojjetaan sun itti barateef xalayaa barreessuun ragaansaa dhugaafi ta’uu dhiisuunsaa qulqullaa’ee akka dhiyaatu taasifamaa ture. Kun ammoo haala yaadameen bu’a qabeessa hintaane. Amma garuu eeyyama dhaabbilee barnootaa qaama kennuu Abbaa Taayitaa Leenjiifi Barnoota Federaalaa walta’uun qixa sirriin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan ragaalee barnoota hojjettootaa digirii jalqabaafi sanii olii kan dhaabbilee barnoota dhuunfaarraa argaman dursa qulqulleessuuf hojii eegalameen manneen hojii naannichaa 52 jiran keessaa hanga ammaatti ragaalee hojjettoota kuma saddeetii kan manneen hojii 24 godinaalee shaniifi bulchiinsa magaalaa torbaarra walitti qabamuusaa ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016
4 Comments to “ Oromiyaan hojjettoota mootummaa kuma 50f qormaata kennuuf karoorfate”
Comments are closed.