“Nagaafi jaalala cimsinee haa qabannu; bataskaanni oggaa cuuphaa kabajju nageenya addunyaa maraaf ni kadhatti” – Abuna Maateyaas

Finfinnee: Ayyaanni Kataraa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin kaleessaa sirna ho’aan Jaanmeedaatti kabajame. Paatiraariyaarkiin Bataskaanattii Abuna Maatiyaas akka jedhanitti, ayyaanichi ayyaana nagaa, jaalalaafi tokkummaa ta’uu qaba. Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoos nagaa biyyaaf nikadhatti. Hundumtuu nagaa cimsee qabachuu qaba. Nagaafi jaalala cimsinee haa qabannu; bataskaanni oggaa cuuphaa kabajju nageenya addunyaa maraaf ni kadhatti jedhan

Walittiqabaan qulqullootaa Qees Doktar Mulgeetaa Siyyuum gamsaaniin Kataraan imala Kiristoos Yarusaalemirraa gara Yohaannisitti taasiseedha. Kaleessas Taaboti bakka jirurraa ka’ee gara cuuphaa dhaquun isa Kiristoos gara Yohaannis dhaqeen walqabata jedhaniiru. Cuuphaan jaalaafi tokkummaadha jechuunis ibsaniiru.

Barsiisaan Yuunivarsitii Qiddisti Sillaasee Qees Mazgabuu Kaasaas ayyaanni cuuphaa ayyaana jaalalafi tokkummaati jedhaniiru. Dhalli namaa cuuphaadhaan tokkummaasaa waan ibsatuuf ayyaanni cuuphaa ayyaana tokkummaan ittii ibsamuudha jedhaniiru.

Kutaa magaalaa Araadaatti raayyaa nageenyaa aanaa 9 kan ta’an Aadde Samiiraa Hasan waldanda’uu amantaan tokkummaa cimsa jedhaniiru. Amantaasaanii amantaa Islaamaa ta’us obboleewwan Kiristanaa naannawa tokkotti waliin guddanne waan ta’eef ayyaanichi akka nagaan kabajamuuf nagaafi tokkummaa hunda keenyaati jedhaniiru. Kana qofaa osoo hintaane nagaan kabajamuun ayyaana cuuphaa maqaa gaarii biyyaa daawwattoota alaa dhufanitti agarsiisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun gaazexessaan lammi Xaaliyaanii Barruu ‘Iroonee’ irra dhufee suuraa ayyaana kataraa fudhachaa osoo jiruu akka ibsetti, ayyaana kataraa haala kanaan kabajamu argee hinbeeku jechuun dinqiisiifateera. Ayyaana Qillee darbe Lallibalaatti hirmaadheera kan akkas bareedu hinargine jedheera. Tokkummaafi jaalalli akkasumas faayyaafi faaruun argeefi dhaga’e kan nama hawwatuudha jedheera. Gara biyya koo yeroon deebi’u waanan arge kana nandubbadha jedheera.

Daawwaatuun ayyaanichaa lammii Faransaayii ‘Gaelle Viand’ gama isheen sirna ayyaana Kataraa akkasii argee hinbeeku baay’ee namatti tola jetteetti. Yeroo jalqabaaf gara Itoophiyaa dhuftee akka daawwatte himtee gara biyya ishee yeroo deebitu waan argite hiriyoota isheef akka qooddu ibsiteetti.

Ayyaannichis nagaan akka kabajamuufi qamoleen nageenyaafi dargaggonni nageenya kabachiisuin tumsa barbaachisaa taasisaa akka turan hubachuun danda’ameera. Ayyaanni Cuuphaa bara 2016 har’a guutummaa biyyaatti kabajama.

Gammachuu Kadiriin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii  11 / 2016

Recommended For You

5 Comments to ““Nagaafi jaalala cimsinee haa qabannu; bataskaanni oggaa cuuphaa kabajju nageenya addunyaa maraaf ni kadhatti” – Abuna Maateyaas”

  1. Pingback: ai ดูดวง
  2. Pingback: =

Comments are closed.