Araaraafi dhiifamni duudhaa jireenyaa keenya guyyuu ta’uu qaba

Dhalli namaa seera jireenyaa uumaan isa badhaase cabsee jireenya eebbaafi abdiin guutames dhabee imala badiisa adabbii bara baraa hordofsiisu akka imale Macaafni Qulqulluun nuuf mirkaneesseera.

Haala kanaan namoonni jalqaba harka Waaqayyootiin uumaman Addaamiifi Hewaan wayita seera cabsan addunyaan kun guutummaatti ifarraa gara dukkanaa; eebba irraa gara abaarsaa, tokkoomuu irraa gara waldiiguu, jireenya dhugaa irraa gara jireenya fakkeessatti akka darbite barumsi Amantii Kiristaanaa ni mul’isa.

Kanaanis ilmi namaa mootummaa Waaqaa irraa fageeffamee bilisummaa qabus dhabe. Garbummaa jala galuun kufaatii hamaa keessummeesse; simboofi ayyaana qabu sana dhabee jooree jaawware.

Waggoota baay’ee booda garuu Waaqnis akka nama ofirraa fageessetti hinhafne. kan kufe kaasee kan bades barbaaduuf kabajaafi ulfina waaqummaa qabu hunda osoo homaatti hin lakkaa’iin salphina gara ulfinaatti deebisuuf nama ta’ee dhalate. Namoota waliinis jiraachuun gara laga Yoordaanosittis gad bu’ee waamicha qalbii jijjirannaa Yohaannis cuuphaan ilmaan namootaaf taasisaa ture dhaga’ee gadi jedhee abboomamee cuuphamuun daandii araaraafi dhiifamaa gochaan agarsiise.

Kanaanis Yesuus Kiristoos kan kufe kaasuuf gad jechuu, kan bade barbaaduufis obsaan guutamanii aarsaa barbaadamu kaffaluun daandii dhiifamaafi araaraa ilmaan namootaaf kan saaqe har’a waggoota 2016 ol lakkoofsiseera.

Cuuphaan fakkeenya ce’umsa haaraa dukkana irraa gara ifa birmadummaa guutuu qabuu ta’uus hubachiise. Kanaafis hordoftoota Amantii Kiristaanaa biratti Ayyaanni Cuuphaa araara, dhiifamaafi gara laafummaa Waaqayyoo kana yaadachuuf waggaa waggaadhaan haala ho’aafi hawwataadhaan kabajama.

Cuuphaa booda jibbiifi haaloo ba’uun, sanyummaan walqooduufi waltakaaluun dhiifamaan bakka buufama. Duudhaa gaariin tokkummaa cimsuu, jaalalaan waliif yaaduufi jireenya araaraan guute waliin jiraachuu har’as biyya keenya keessatti deebi’ee akka dagaaguufi lalisuuf hunda keenyarraa dhamaatii guddaatu eegama.

Kunis qormaataan kan guutame ta’us, ifa fuula keenya dura jiru manii guddaa sana bira ga’uuf hunduu tumsuu qaba. Tokkummaa jabeessuunis riqicha araaraafi dhiifamaa ijaaruun birmadummaa biyya guutuu taasisuuf xiiqiifi kutannoon hojjechuu barbaachisa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiileen hojjetaman hundi hirmaannaa ummataa malee milkaa’uu akka hindandeenye waan hubateef tarkaanfii haaraa humnoota waloo hojii irra oolchaa jiraachuu Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ni ibsu.

Ummannis duudhaa gaarii qabnu jabeessuun tokkummaa cimsatee maree araaraa jalqabame roga hundaan akka milkaa’uuf hojjechuu, misoomni gama hundaan jalqabames ititee hiyyummaa seenaa taasisuuf akkuma xiiqiin jalqabame xiiqiin goolabamuu qaba jedhu.

Ummanni biyyattiis duudhaa Ayyaanni Cuuphaa ittiin beekamu araaraafi dhiifama guyyaa ayyaanichaa qofa osoo hintaane jireenyasaa guyyuu keessatti amaleeffachuun yoomiyyuu caalaa tokkummaasaa cimsachuu qaba. Akkuma Waaqayyoo cubbuu dhala namaa dhiisee garaa dhiifamaatiin itti araarame nutis garaa dhiifamaa qabaachuu, badii walii lakkaa’uurra wantoota walitti nu fidan lakkaa’uun gara nagaafi tokkummaatti dhufuun nurra jiraata.

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You