Finfinnee: Manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa ji’oota ja’an darbanitti teknolojiin deeggaramuun abbootii dhimmaa kuma 18 ol keessummeessuun baasii qarshii miliyoona 54.3 olitti tilmaamamu hambisuu beeksise.
Pirezidaantiin mana murtichaa Obbo Bukar Kadiroo ibsa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, manni murtichaa tajaajila seeraa teknolojiin deeggarame kennuuf moosaajiiwwan (software) garagaraa kan galmeen ittiin ergamu, irratti fe’amuufi odeeffannoo waa’ee galmee kennu “kuusaa I- faayiliifi Mana Galmee Onlaayinii (KIMO”) jedhamuufi tajaajila Viidiyoo Konfaransii Iskaayippii (Skype) fayyadamaa jira.
Akka ibsasaaniitti, kan duraan abbootiin dhimmaa qaamaan gara mana murtii deemuun galmeefi iyyatni garagaraa dhiyeeffachaa turan hafee amma karaa salphaafi dijitaalawaan iyyata mana murtii aanaarraa gara Mana Murtii Olaanaatti akkasumas, gara Mana Murtii Waliigalaatti erguun baasii geejibaafi kanneen biroo abbootiin dhimmaa baasan hanbisuun danda’ameera.
Godinichatti tajaajilli moosaajii kun aanaalee 20 akkasumas, Mana Murtii Olaanaafi Mana Murtii Waliigala Oromiyaa gidduutti diriirfamee tajaajila guutuu kennaa kan jiru ta’uu himanii, barana hanga kurmaana 2ffaatti manneen murtii aanaalee 20 irraa galmeen kuma tokkoofi 814 karaa teknolojii kanaan banamuusaafi manni murtii aanaa iyyata dhorkaafi ajaja garagaraa lakkoofsaan 539 ta’an Mana Murtii Olaanaaf erguu dubbataniiru.
Manni murtii olaanaa murtii, ajaja waamichaafi ajaja dhorkaafi deebii waliigalaa kuma ja’aafi 70 ta’u gara mana murtii manaafi Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti karaadhuma moosaajii kanaan akka erges himaniiru.
Barana hanga kurmaana 2ffaatti waliigalaan abbootii dhimmaa kuma 10 ta’an mosaajii kanaan tajaajiluun baasii geejibaafi kanneen biroof ba’uu malu qarshii miliyoona 30 hambisuun danda’amuu kan himan Obbo Bukar, haaluma wal fakkaatuun, dhaddacha viidiyoo konfaraansii 30 taasisuun abbootii dhimmaa kuma torbaafi 911 keessummeessuun baasii qarshii miliyoona 23 hambisuun danda’amuu eeru.
Mana murtii keessatti kaayyoo guddaan tajaajilawwan kennaman dijitaalessuun malaammaltummaa hir’isuu ta’uu eeranii, godinichatti tajaajilota kennaman dijitaalessuun malaammaltummaa dhibbantaa hagamiin hir’isuun akka danda’ame beekuuf qorannaan taasifamaa jiraachuu ibsu.
Deeggarsi qooda fudhattootaa, keessattuu kan Inistiitiyuutii Intalajansii Artifishaalaa daran murteessaa waan ta’eef deggarsa barbaachisaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016
6 Comments to “ Manni murtichaa teknolojiin deeggaramee dhimmoota kuma 18 ol keessummeessuu beeksise”
Comments are closed.