“Magaalaan Jimmaa dagatamuurraa gara hawwatamuutti ce’ee jira”Obbo Najib Abbaa Raayyaa

Finfinnee: Magaalaan Jimmaa magaalaa umurii dheeraa qabu ta’us waa maraan dagatamuunsaa gaaffii hawaasaa yeroo dheeraa turuus jijjiiramaa as garuu gara hawwatummaatti deebi’aa jiraachuu Kantiibaan Magaalichaa Obbo Najib Abbaa Raayyaa ibsan.

Obbo Najib Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, magaalaan Jimmaa Finfinneetti aanee magaalaa umurii dheeraa qabuufi Giddugalaa Itoophiyaa Kibbaafi Kibba Lixaa ta’us misoomaan daran boodatti harkifatee ture. Ta’us xiyyeeffannoo magaalotaaf kennameen magaalichatti yeroo ammaa guddataafi misoomaa jira.

Lagni Hawweetuu kiloomeetira 12 dheeratuufi magaalicha keessa darbu waqtii gannaa guutuun ummata gidirsaa tureefi hedduu buqqiseefi hedduu ofitti fudhataa ture jijjiirama as garuu misoomee dargaggoota hedduuf carraa hojiifi wabii jireenyaa ta’uu eeranii, ijaarsa pirojektii qarqara lagichaatii hanga waldaan gurmaa’uun bunaafi shaayii dhiyeessuutti dargaggoota hedduuf madda galii ta’uu ibsu.

Pirojektiin kun balaa lolaa ture maqsuufi carraa hojii uumuu qofa osoo hintaane bakka bashannanaa daran hawwataafi calaqqee aadaa godinichaan kan faayame ta’uusaas ibsanii, riqichi boca teessoo/barcuma Jimmaa fakkaatuun ijaarame magaalichaaf miidhagina addaa kennuun dabalata omishaalee godinichaa kan ta’an meeshaaleen mukarraa hojjetaman, bunaafi dammii bakka sanatti gabaaf dhiyaachuun galii magaalichaa dabalaa akka jiran akkasumas, dhimmoota hawaasummaa garagaraaf filatamaa ta’uus himu.

Akka isaan jedhanitti, hawwatummaa magaalichaaf paarkiin magariisummaafi daandiin keessa keessaa hojjetamaa jira. Paarkiin Industirii Jimmaa rakkoo hawaas dinagdee ummata godinichaa darbees kan biyyaa furuurrattis abdii guddaan kan irraa kaa’amedha.

Ta’us jalaqabatti namootni paarkicha keessatti misoomsuuf garas deeman galtee industirii naannawaa sanatti argamu dhiisuun omisha huccuufi kopheerratti xiyyeeffachuusaaniin bu’uu barbaadame akka hinargamsiifne yaadachiisanii, ammaan tana garuu abbootiin qabeenyaa omisha bunaa, mukaa, kuduraafi muduraa omishan bu’a qabeessa akka ta’an qorannoon adda ba’uu dubbataniiru. Balaliin xiyyaaraa fooyya’uu qofa osoo hintaane bu’uuraaleen misoomaa paarkichaa illee waan guutamaniif abbootii qabeenyaaf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Jimmi fedhii industirii malee hanqina lafaa hinqabdu kan jedhan Obbo Najib, wayita ammaa naannawaa Industirii Paarkii Jimmaatti industirii dabalataaf lafa hektaara 800 qopheessuun naannawicha guutummatti naannwa industirii gochuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Sadarkaa haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar ilaalchisee, harkifachuunsa komii hawaasaa ta’us mootummaan qixa barbaadameefi haala sadarkaasaa eegeen haaromsasaa raawwachuuf qorannoorra jiraachuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ “Magaalaan Jimmaa dagatamuurraa gara hawwatamuutti ce’ee jira”Obbo Najib Abbaa Raayyaa”

  1. Pingback: cumshot

Comments are closed.