Dippiloomaasii Itoophiyaa bu’aa ce’ii dandamatee milkaa’ina gonfate

Finfinnee: Bara qarooma Aksum kan eegalame hariiroon dippiloomaasii Itoophiyaa bu’aa ce’ii hedduu keessa darbee har’a ga’eera. Imala kana keessattis aariifi gaariin, kufuufi ka’uun tureera. Torbeen dippiloomaasii mata duree “Dippiloomaasii keenya faayidaa biyyaaleessaa keenyaaf” jedhuun walta’iinsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaafi Ministeera Dhimma Alaatiin qophaa’e Kamisa darberraa eegalee, Godaambaa Saayiinsii biyyaalessaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Marii paanaalii kaleessa adeemsifamerratti Yunivarsiitii Finfinneetti Hayyuun Seenaa Pirofeesar Baaruu Zawudee waraqaa qorannoo dhiyeessaniin akka jedhanitti, bara qarooma Aksum, keessattuu buufata doonii Aduulis kan bara sana maqaa gaarii qabutti fayyadamuun Itoophiyaan dippiloomaasii bu’a qabeessa adeemsisaa turte. Ta’us bara Mootii Zaaguwee qaroominni ajaa’ibsiisoon akka Laalibalaafaa hojjetamanis sochiin dippiloomaasii laafaa turuu dubbataniiru.

Itoophiyaan durii eegaltee hariiroo dippiloomaasii taasiftu keessatti fedhiinshee hanga hintuqamnetti loogummaa tokko malee biyya kamuu waliin hojjechaa turuu kaasanii, bara waraana fannoo jedhamuttis Awuurooppaanonni warra Islaamaa injifachuuf deeggarsa gaafatanis Itoophiyaan loogiinsa waan hinfeeneef callisuu filachuushee yaadachiisaniiru. Mootii Minilikiin dura hariiroon dippiloomaasii mootota qofarratti rarra’ee akka tureefi bara mootii Minilik garuu dhaabbataan hogganamuunsaa sochii har’aaf ka’umsa ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Qonjiit Sinagiyoorgis gamasaaniin akka jedhanitti, waraana Israa’eliifi Araboota gidduutti taasifamaa ture keessatti Israa’el deeggarsa Itoophiyaa feetus mootiin Hayilasillaasee ejjennoo walabaa qabachuun gartuu lameen waliin jaalalaan turuu danda’aniiru. Sirna kolonii kuffisuun walqabatee deeggarsi Itoophiyaan biyyoota Afrikaa garagaraaf taasifte olaanaadha. Ta’us osoo Itoophiyaan dhimma Afrikaarratti ejjennoo cimaa calaqqisiiftuu teessoon Gamtaa Afrikaa Finfinneedhaa gara biyya birootti akka jijjiiramuuf shiraafi qormaatni qunnamee ture. Shirri kun bilchina dippiloomaasiin fashalaa’ee milkaa’inni Itoophiyaa labsame.

Itoophiyaan hariiroo dippiloomaasii gartuu qabachuun osoo hintaane fedhiishee tikfachuurratti fuulleeffate adeemsisti kan jedhan ammoo Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ambaasaaddar Diinaa Muftiiti. Itoophiyaa sagaleen Afrikaanotaa akka ol ka’u qabsaa’ota walabummaa Afrikaa qaruufi Paan Afrikaanizimiin akka cimu Afrikaanota waliin obbolummaan hojjechaa akka turtes dubbataniiru.

Haa ta’u malee, bara Dargii lola Somaaliyaa waliin taasifamerratti meeshaa dhiyeessuufiirratti waan rincicaniif gara Ruusiyaatti fuula deebifachuuf dirqamuu eeranii, kunis imala dippiloomaasii biyyattii keessatti dhimma akka dogoggoraatti caqasamu akka ta’es ibsaniiru. Waraana ololaa booda waraanni Itiyoo-Eertiraa, waldhabbiin keessaa akkasumas waraanni TPLF waliin dhiyeenya taasifame deeggarsa Itoophiyaaf kennamuufi dippiloomaasiisheerratti miidhaa qabaatus ammaan tana hariiroo biyyattiin biyyoota lixaa waliin qabdu gaarii ta’uus himaniiru.

Itoophiyaan walabummaashee eeggachuuf aarsaa cimaa kaffalaa nageenya addunyaa tiksuuf ammoo biyyoota addunyaa 13 olitti loltoota nagaa eegan bobbaasuun maqaa gaarii horachuushee kan dubbatan ammoo Gorsaa Imaammata Alaa Ministira Muummichaa Ambaasaaddar Taayyee Asqasillaasee yoo ta’an, har’as taanaan dhimma hidhaa Laga Abbayyaa, Waraana Kaaba Itoophiyaafi ulaa galaanaarratti Itoophiyaan ejjennoo qabatteen milkaa’uunshee ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Dippiloomaasii Itoophiyaa bu’aa ce’ii dandamatee milkaa’ina gonfate”

Comments are closed.