Dippilomaasiin keenya faayidaa biyyaaleessaa keenyaaf!

Itoophiyaan biyya hariiroo dippiloomaasiitiin bu’aa ba’iiwwan hedduu ceete yoo ta’u, kanaanis muuxannoo waggoota dheeraa kan qabduu, birmadummaashee barootaaf eegsiftee kan jiraatteefi hundeessituu dhaabbilee idil addunyaa hedduu taateetti.

Imaammmanni dhimma alaa biyyootaa ibsama keessoosaanii yoo ta’u, faayidaan biyyaaleessaa isaanii eegamee baroota akka ce’uuf xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetu. Itoophiyaanis faayidaan biyyaaleessaashee akka eegamuuf gaggeessitootarraa kaasee hanga dippiloomaatootaatti yaalii olaanaa taasisaniiru.

Hojiilee gama dippilomaasiitiin waggoota 116n darban hojjetaman ilaalchisuun Ministeerri Dhimma Alaa agarsiisa guyyoota 22f turu Kamisa dheengaddaa Godambaa Saayinsiitti mata duree “Dippiloomaasiin keenya faayidaa biyyaaleessaa keenyaaf” jedhuun kan qopheessee yoo ta’u, Pirezdaantiin RFDI Saahilawarqi Zawudee agarsiisicha bananiiru; saganticharrattis ambaasaaddaroonni, dippilomaatoonniifi anga’oonni olaanoo sadarkaarra jiran argamaniiru.

Waggoota darban keessa milkaa’inoonni dippilomaasii Itoophiyaa maqaa gaariin waamsisan galmaa’uusaaniifi boris kana caalaatti raawwachuuf rakkoolee mudatan hiikuuf wajjummaan dhaabachuu akka barbaachisu kaasu.

Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gamasaaniin, agarsiisni dippilomaasii kun seenaa dippilomaasii Itoophiyaa yaadachuuf, yeroo ammaa himuuf, kallattii egeree agarsiisuuf kan qophaa’e ta’uu ibsu.

Seenaa dheeraa dippilomaasii Itoophiyaa keessatti faayidaa biyyaaleessaa eegsisuuf hariiroon dippilomaasii biyyoota hedduu tokkummaa qabu barbaachisaa ta’uu himu. Seenaa irraa akkuma hubatamu qaamotni biyyattii haala gaariin hinilaalle kan jiran yoo ta’u, tokkummaa Itoophiyaa eegsisuuf cimanii dhaabbachuu akka barbaachisus ni kaasu. Itoophiyaan biyya cimtuu ummata cimaa qabdu ta’uu ibsanii, dhiibbaa addunyaa dandamachuuf tokkummaan keessoo cimee itti fufuu akka qabu hubachiisu.

Dippiloomaasiifi hariiroon alaa cimaan, ciminaafi tokkummaa keessoof bu’ura ta’uusaatiin rakkoo keessoo mariin hiikuun barbaachisaa ta’uu himanii, yeroo dhiyoo asitti dhiibbaawwan baay’ee dandamachuun kan danda’ame tokkummaa ummataatiin ta’uufi faayidaa biyyaaleessaa waaraan kabachiisuuf tokkummaan dhaabbachuun akka barbaachisu eeru.

Dippilomaasiin biyyattii sirnoota garagaraa keessatti aarsaan cimaa itti kanfalamee as gahe kunis dhaloota dhufu biratti sirriitti hubatamuufi kunuunfamuu kan qabu yoo ta’u, kunis agarsiisa suuraarra darbee dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu maluudha.

Bu’aa dippilomaasii har’arratti argame ifaajjii namoota hedduutiin kan argame ta’uunsaa hubatamee isa hojjetee darbeef galata, isa hojjetaa jiruuf jajjabeessa, isa dhufuu ammoo imaanaa ta’ee akkaataa faayidaa biyyaaleessaa biyyattii cimsuutti irratti hojjetamuu qaba.

Kanarratti addaddummaan siyaasaa, amantii, sanyiifi ilaalchaa osoo iddoo hinqabaatiin miira “biyyakoof anatu jiraadhaan” hunduu ambaasaaddara biyyasaa ta’ee hariiroo biyyoota kaan waliin qabnurratti cichee hojjechuu qaba. Addababa’iiwwan biyyooleessaa argamanirrattis tokkummaan hariiroo biyyattiin biyyoota kaan waliin qabdu akka cimuuf hojjechuun dirqama nama hundaati.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Dippilomaasiin keenya faayidaa biyyaaleessaa keenyaaf!”

Comments are closed.