Finfinnee: Dabni Koloneeffattoonni Awurooppaa dogoggora keessootti ida’amee biyyi yeroo tokko hulaa galaanaa cimaan beekamtu Itoophiyaa waggoota 30 oliif ol galtee akka teessu dirqisiiseera. Biyyi hanga Baha Fagootti darbees qarqara Awurooppaatti daldala galaanarraan maqaa gaarii horatte galaanaan wal arguunuu abjuu ta’uusaatiin seenaafi dhalootni wal gaafachuu eegalan.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad diinummaa Itoophiyaafi Eertiraa gidduu ture furuuf gahee leencaa taphachuun jaalalaan akka goolabamu taasisaniiru. Gaaffii dhalootaa deebisuufis qajeeltoo kennanii fudhachuun hulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma ijoo ta’uus hubachiisan.
Dhimma kana ilaalchisee Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii kan taasisan Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Yuunivarsiitii Finfinnee Doktar Saamu’el Tafarraa akka jedhanitti, wayita Doktar Abiyyi “Qajeeltoo kennanii fudhachuun Itoophiyaan hulaa galaanaa Eertiraa fayyadamuu qabdi” jedhan namoota baay’eetti gammachuu, baay’eetti ammoo yaaddoo uumeera. Waraanni golgoleessaaniifi diinummaan waggoottan 20 oliis yaaddoo kanaaf ka’umsa ta’eera.
Akka nama hulaa galaanaafi dhimmoota kanaan walqabatan keessatti hirmaatuufi gorsa kennuutti kallattii Sudaan yoo ta’ellee malee ulaan galaanaa kallattii Sumaaleelaandiin ni argama yaada jedhu yeroof akka hin qabneefi hubannoon namoota baay’ees kanuma akka ta’e ibsaniiru. Hulaa galaanaa Sumaaleelaanditti fayyadamuun Itoophiyaa filannoo sirrii ta’uun alatti faayidaa roga maraa akka qabus hubachiisaniiru.
Somaaleelaandi waliin hojjechuun Itoophiyaa hulaa galaanaa qofa osoo hin taane humna galaanaa akka qabaattu taasisa jedhanii; haa ta’u malee, gama Eertiraan hulaa galaanaa argachuun danda’amuu malus humna galaanaa qabaachuun akka hin yaadamneefi yoo yaadames hanga waraanaatti geessuu akka danda’u dubbataniiru.
Wayita Shororkeessitoonni akka Alshabaab, Huutiifi ISIS faa daboo wal affeeranii kallattii murteessaa kana keessattii sodaa dinagdeefi nageenyaa uumaa jiran kanatti ulaan galaanaa argamuun dinagdee qofa osoo hin taane nageenya Itoophiyaaf wabii ta’uu himanii; biyyi kunis biyya of dandeesse waan taateef cimanii waliin hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Sumaaleelaandi bara 1960 kolonii Ingilizii jalaa ba’uun biyya birmadummaashee labsiteefi beekamtii biyyoota 35 olii gonfatteedha. Haa ta’u malee, guyyaa shan booda ‘Somaaliyaa guddoo ijaarra” yaada jedhuun Mooqaadishoo deemuun fedhiin Somaaliyaatti makamte. Yeroo sana Somaaliyaan Kolonii Xaaliyaan jala turte. Turtii keessa rakkoon hedduun waan irra ga’eef bara 1991 Somaaliyaarraa bakka duraatti deebite.
Sumaaleelaandi duruu biyya of dandeesse waan turteef akka jedhamu Somaaliyaarraa adda foxxoqxe osoo hin taane bakkashee duraatti deebite kan jedhan Doktar Saamu’eel; hanga har’aatti biyyootni 20 ol biyya ta’uushee waan fudhataniif paaspoortii biyyattiin hawaasa biyyattii simachuu qofa osoo hin taane simatamaa jiru. Kanaafuu, biyya kanaaf beekamtii kennuurratti Itoophiyaan dursiteetti jechuun nama rakkisa.
Emireetiin Gamtaa Arabaa kanaan dura Sumaaleelaanditti buufata humna galaanaa wayita ijaarratte waci turuu yaadachiisanii; yeroo dhiyoo keessatti Ameeriikaanis waliigaltee buufata humna galaanaa hundeessuu mootummaa Sumaaleelaandi waliin akka taasiftu akeekaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016
4 Comments to ““Argamuun hulaa galaanaa yaaddoo waraanaa ture dhabamsiiseera”Doktar Saamu’el Tafarraa”
Comments are closed.