Finfinnee: Waliigaltee mootummaa Sumaaleelaandii waliin taasisteen ulaa galaanaa argachuun Itoophiyaa calaqqee cimina dippiloomaasiifi milkaa’ina seenaqabeessa ta’uu Hayyootni Jimaata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf ibsan.
Gameessi Siyaasaa Obbo Leencoo Lataa akka jedhanitti, mootummaan Sumaaleelaandii dhimma siyaasaafi dinagdee biyyattiirratti murtoo gochuuf mirga guutuu qaba. Ummatni Sumaaleelaandi Somaaliyaa waliin tokkoomanis daguuggaa sanyii mootummaa Somaaliyaa yeroo sanii Ziyaad Barreen duguugiinsi sanyii irratti raawwatamuusaatiin bara 1991 filannoo ummataatiin mootummaa mataasaanii dhaabbatan. Itoophiyaan dursuun gaarii ta’uu baatus Sumaaleelaandi beekamtii biyya ta’uu argachuu sababa ga’aa qabdi, argachuus qabdi.
Ulaa galaanaa argachuun Itoophiyaaf milkaa’ina guddaafi taatee dippiloomaasii seenaqabeessadha kan jedhan Obbo Leencoon; haa ta’u malee, milkaa’inasaaf fedhiin ummata Somaaliyaa itti dabalamuu akka qabuufi hawaasa idiladdunyaa hafee waliin hariiroon dippiloomaasii cimaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru. Keessattuu hacuuccaa kaleessa ummatni Sumaaleelaandi Sumaaliyaa jalatti keessummeessaa turerratti ummata Sumaaleelaandiif hojjechuun barbaachisaadha.
Akka isaan jedhanitti, mala kamiinuu Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun dhimma boriif jedhamu miti. Ta’us waliigaltee amma uumameen diinummaan seenaan ture ija baasee Itoophiyaatti dhufuuf deema. Diinummaan seenaa kan Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu daran lubbuu horachuu mala. Gibxis diinummaa seenaan ture calaqqisiisuuf biyyoota Araba karaashee afuura baafatan Itoophiyaarratti hiriirsuu dandeessi. Ta’us, waci Itoophiyaarratti ka’u waca yeroo turtii booda kan dagatamudha.
Kanaan booda Itoophiyaan ulaa galaanaa kanarratti sochii taasistu suutaafi bilchinaan adeemuu qabdi jedhanii; hundaa ol garuu fedhiin ummattoota gama lachuu dursa argachuu akka qabu dhaamaniiru.
Hayyuun Saayiinsii Siyaasaafi Hariiroo Idiladdunyaa Yuunivarsiitii Haromayaa Immiruu Gammachuu (PhD) gamasaaniin akka ibsanitti, waliigalteen mallattaa’e kun Itoophiyaafis ta’e Sumaaleelaandiif milkaa’ina guddaadha. Sumaaleelaandii biyya waan hundaa qabdu taatus akka biyyaatti beekamtii dhabuurraa kan ka’e erga bara 1991 qabsootti jirti. Itoophiyaan ammoo biyya waan hunda qabdu taatee ulaa galaanaa dhabuun rakkachaa jirti. Waliigalteen kun Itoophiyaa abbaa ulaa galaanaa taasisuu qofa osoo hintaane biyya yeroo jalqabaatiif Sumaaleelaandiif beekamtii kennite ta’uun faayidaa waloo dhugoomsiteetti.
Waliigalteen kun Itoophiyaan naannawa galaana diimaatii kallattii murteessaa qabachuun kan dandeesisedha. Kallattiin kun daldala qofa osoo hin taane huma galaanaa jabaa ijaarrachuufis daran mijataafi murteessaadha. Ulaa galaanaa Eertiraas ta’e Jibuutii yookiinis kanneen biroo fayyadamuuf gatii madaalawaa qofti akka isheerraa barbaadamu taasiseera.
Akka isaan jedhanitti, sadarkaa teknolojiin geejiba galaanaarraafi humna galaanaa har’a ire ga’een wayita ilaalamu ulaa galaanaa argachuun Itoophiyaa dukkana hamaa keessaa akka ifa dinqisiisaatti ba’uutti ilaalama. Qalbiin namoota heddu marii Eertiraa waliin ulaa galaanaa argachuurratti hidhamee ture. Taateen ammaa kun garuu taate namuu ammatti hinabjooneefi firii mul’ata bal’aa qabatanii adeemuu ta’uus hubachiisaniiru.
Biyyi guddoon ulaa galaanaa malee jiraachuun salphina waan ta’eef fala kamiinuu sochiin ulaa galaanaa argachuu milkaa’uun dirqama ta’uu himanii; waliigaltee qajeeltoon kennanii fudhachuufi qajeeltoon marii milkaa’uu dhabuu waraanni hinoolu jechuun sodaa ummatni qabu hanbisuu qofa osoo hintaane kaffaltii biyyattiin ulaa galaanaaf kana dura kaffalaa turte kan salphisu ta’uu yaadachiisaniiru.
Haa ta’uutii, biyyootni Arabootaa Sumaaleelaandi qaama Somaaliyaa ta’uutti waan amananiif mormiin hangi tokko Itoophiyaa mudachuu mala. Ta’us hariiroon dippiloomaasii ofii boo’aa biyya kofalchiisuu waan hintaaneef herrega kamiinuu fedhii biyya ofii eegsifachuu waan ta’eef wareegama ulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaan kaffalaa jirtu akka hincaalles jala sararaniiru. Hojiin hawaasa idiladdunyaa amansiisuus bal’inaan yoo hojjetame bu’aansaa olaanaa ta’uus dabalataan ibsaniiru.
Waliigalteen kun waliigaltee seenaqabeessa dhalootaa dhalootatti darbu waan ta’eef miirri abbummaa ummata biyyattii gabbisuuf dhimmoota waliigalticha keessatti hammataniifi yaadrimeesaa hawaasaaf ibsuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
3 Comments to ““Ulaa addunyaatti gadiba’aniin argachuun Itoophiyaa milkaa’ina seenaqabeessa” -Hayyoota Siyaasaa”
Comments are closed.