“Sirni federaalizimii sabdaneessummaa waldhabdeef sababa hinta’u”-Doktar Taaddasaa Jaalataa

Finfinnee: Sirni federaalizimii sabdaneessummaa mataasaatiin waldhabdeef sababa akka hintaane Hayyuun Saayinsii Hawaasaa ibsan.

Yunivarsiitii Finfinneetti Qorataan Saayinsii Hawaasaa Doktar Taaddasaa Jaalataa, yaada Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf torbee darbe kennaniin akka jedhanitti, sirna federaalizimii sabdaneessummaa qixa barbaadamuun hojiitti hiikuu dhabuutu waldhabdee uumuu danda’a malee sirnichi mataasaatiin tokkummaa biyyaa cimsuun ala waldhabdeef sababa ta’uu hindanda’u.

Hundeeffamuu sirna federaalizimii sabdaneessummaa dura cunqursaan afaanii, aadaafi amantii turuu yaadachiisanii, saboonniifi sablammootni biyyattii fedhii eenyummaa ofii dagaagsuu, eenyummaa ofiitiin boonuu qaban mirkaneeffachuuf gareedhaanis ta’e qeenxeedhaan sirnoota cunqursoorratti qabsaa’aa turuu eeran.

Qabsoo taasisaniinis bara 1983 saboonniifi sablammootni biyyattii waliin ta’uun sirna federaalizimii hundeessuun erga mirga ofiin of bulchuu argatanii booda Sadaasa 29, bara 1987 heera waliinii kan mirgaafi walqixxummaasaaniif wabii ta’u karaa bakka bu’ootasanii raggaasifachuu ibsu. Guyyaa heerri kun ittiragga’es guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa jedhamee akka kabajamu ta’uu kaasu. Guyyichi yommuu kabajamu miira obbolummaafi tokkummaa cimsuun ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.

Sirni federaalizimii fedhii sabaafi sablammootaan hundaa’e kun sirna gaaffiiwwan afaanii, aadaafi eenyummaan itti deebii argate ta’uus biyyattii keessatti waldhabdeewwan garagaraa yommuu uumaman ni mul’ata kan jedhan Doktar Taaddasaan, waldhabdeewwan kunneen sababoota garagaraa qabaatanis irra caalaansaanii qaamolee sirna federaalizimii sabdaneessaa hundaa’e kana barbaadaniifi hinbarbaanne gidduutti waldhabdee uumaman ta’uu himu.

Kana malees, sababootni akka seenessa waloorra seenessa qeenxee leellisuu, mariitti amanuu dhabuu, miira midhamummaa, rakkinaafi fedhii walii hubachuu dhabuunfaa biyyattii keessatti rakkoolee siyaasaafi rakkoolee hawaasummaa uumaa jiraachuu kaasu. Sirnoota darban keessa cunqursaan sabaafi sablammoota hundarra turuu himanii, hoggantoota gita bittoota sirnoota yeroo sana turaniirraa kan hafe akka sabaatti sabni fayyadamaa ta’e hinjiru jedhan.

“Tokkummaan biyyaalessaa biyya guddatte ijaaruuf daran murteessaadha, tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf immoo seenessi waloo shoora olaanaa waan taphatuuf qaamotni dhimmi biyya kanaa na ilaallata jedhan hundi dagaagina seenessa walootiif hojjechuu qabu” jedhu.

Taammiruu Raggaasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ “Sirni federaalizimii sabdaneessummaa waldhabdeef sababa hinta’u”-Doktar Taaddasaa Jaalataa”

  1. Pingback: pk789

Comments are closed.