Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee utubaa dinagdee taasisuun gahee hundaati

Roobee: Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee utubaa dinagdee biyyaa taasisuuf hojiin paarkicha kunuunsuu gahee hundaa ta’uu Ministeerri Turiizimii ibse.

Paarkichi ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf qaamolee gumaacha taasisaniif Kibxata darbe magaalaa Roobeetti beekamtiin kennameera. Ministirri Ministeera Turiizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii sagantaa beekamtii kennuurratti argamuun haasaa taasisaniin, Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee hambaa ‘UNESCO’ ta’ee akka galmaa’uuf ummatiifi mootuummaan Itoophiyaa ifaajjii olaanaa taasisuu eeranii, ta’us hambaa ta’ee galmaa’uu qofti galma waan hintaaneef kunuunsuufi misoomsuun utubaa dinagdee biyyattii taasisuun dirqama hundaa ta’uu hubachiisu.

Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Bosonaa Itoophiyaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa gamasaaniin, paarkiin qabeenya turiizimii biyyaa ta’e kun sababa hirmaannaa ummataafi uumamaan hawwataa ta’uusaan galmee hambaa addunyaarratti galmaa’uu danda’uu himanii, ta’us kunuunsuufi misoomsuun madda dinagdee ta’ee dhalootatti akka darbu taasisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Paarkichi hambaa addunyaatti galmaa’uunsaa Itoophiyaa sadarkaa Afrikaatti akka dursitu taasisus yaadachiisaniiru.

Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Abdurramaan Abdallaa akka jedhanitti, paarkicha madda dinagdee taasisuuf nageenya mirkaneessuun barbaachisaadha. Mootummaan guddina dinagdee biyyattii damee turiizimiin utubuuf xiyyeeffannaa addaan hojjetaa jira. Yaa’iinsa daawwattootaa dabaluufis bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo guutaa jira. Abbootiin qabeenyaa taajaajila Hoteelaa irratti hirmaannaa cimaa taasisuu qabu.

Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulaakiim Aliyyii gamasaaniin akka jedhanitti, paarkichi waggoota 54 booda galmee hambaa ‘UNESCO’tti galmaa’uunsaa hawaasa godinichaa gammachiiseera. Madaala uumamaa eeguun fedhii bishaanii bonaafi ganna guutuudhaan waggaatti marsaa lama akka omishan isaan dandeessiseera. Sababa kanarraa ka’uun Godinni Baalee alergii qamadiirratti hirmaannaa akka qabaattu taasiseera. Yeroo ammaa kana ummata miliyoona 30 wabii ta’uu himanii, guddina dinagdee biyyaa keessatti gumaacha irraa eegamu akka gumaachuuf hundumtuu kunuunsuufi misoomsuu qaba.

Waajjira Aadaafi Turiizimii Godina Baaleetti Abbaan Adeemsa Misooma Babal’ina Turiizimii Obbo Shibbiruu Abdoo akka jedhanitti, kunuunsa hawaasa naannawaafi xiyyeeffannaa mootummaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baaleef kenneen ulaagaa ‘UNESCO’ guutuun hambaa addunyaa ta’eera. Yeroo ammaa kana sochiin turiizimii godinichaa akka fooyya’u taasiseera.

Bu’aan paarkichaa jal’isii bonaa, anniisaa maddisiisuu, madaala naannawaa eeguufi carraa hojii uumuu dabalatee jireenya ummata godinichaa waliin waan walqabatuuf ummati paarkicha akka kunuunsuuf hojiin hubannoo uumuu bal’aan hojjetamaa jira. Qaamoleen hundumtuu kunuunsaafi misooma paarkichaarratti gaheesaanii akka ba’aniif miidiyaan biyyattii hojii hubannoo uumuufi beeksisuurratti tumsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee utubaa dinagdee taasisuun gahee hundaati”

  1. Pingback: fuckgirl

Comments are closed.