Oromiyaatti kenniinsa tajaajilaa dijitaalessuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee: Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala kenniinsa tajaajilootasaa dijitaalessuurratti Itiyoo- Telekoom waliin waliigaltee mallatteesse. Waliigalteen kun Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waliinis taasifameera.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaantuutti Hoggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa sagantaa waliigaltee kanarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, kanaan dura naannichatti tajaajilawwan gama barnootaa, fayyaa, invastimantii, galiifi kkftiin kennaman akka dijitaala’an taasifameera.

Waliigalteen taasifame kunis seektaroota filataman keessatti tajaajilawwan kennaman dijitaaleessuuf kan gargaaru ta’uu himanii, seektaroonni waajjira pirezdaantiirraa eegalee hanga gandaatti jiran hundi tajaajilasaanii dijitaaleessuu akka qaban hubachiisu.

Kaantiibaan Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa gamasaaniitiin akka dubbatanitti, Shaggar barii ittihundaa’erraa eegalee tajaajilasaa dijitaaleessuurratti hojjechuurratti argama. Magaalichatti dhimmootni walxaxoo hedduun jiraachuu himanii, dhimmoota kanneen teknolojii malee bulchuun waan ulfaatuuf waliigalteen mallattaa’e murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa giddugala waliigaltee kana hojiitti hiikuuf wiirtuu (Centeral Situation Room) mataasaa ijaaruuf haaldureen xumuruu eeraniiru. Gaggeessituun Hojii Olaantuun Itiyoo-Telekoom Firewoot Taammiruus akka dubbatanitti, jireenya lammiilee jijjiiruuf digitaalaayizeeshinii ittifayyadamuun barbaachisaadha. Naannoon Oromiyaa daran bal’aa waan ta’eefis naannichatti tajaajilota kennaman dijitaalessuun filannoo osoo hintaane dirqama ta’uus himaniiru.

 Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016

Recommended For You

7 Comments to “ Oromiyaatti kenniinsa tajaajilaa dijitaalessuuf waliigalteen mallatteeffame”

  1. Pingback: view
  2. Pingback: Racial segregation

Comments are closed.