Finfinnee: Naannoo Amaaraatti oppireeshinii qindaa’aa taasifameen bakkeewwan sodaa rakkoo nageenyaa hamaa jala turan bilisa ba’uu Biiroon Kominikeeshinii Naannichaa beeksise.
Hogganaan biirichaa Mangashaa Faantahun (PhD) Wiixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, bakkeewwan rakkoon nageenyaa hamaan ture Gojjam Lixaafi Gojjam Bahaa oppireeshinii qindaa’aa qaamni nageenyaa naannichaafi federaalaa taasisaniin diina jalaa bilisa ba’aniiru. Haaluma kanaan, bakkeewwan hiixuufi gammoojjii iddoon leenjii waraanaa ta’uun Faannoo Finxaaleyyii tajaajilaa turan kanneen akka Qu’aariit, Dagaa Daamotiifi Sakalaa bilisa ba’aniiru.
Naannicha bakkawwan hundatti haalli nageenyaa fooyya’us qaamni rukutamee bittinnaa’e gurmaa’ee ummata rifachiisuuf iddoowwan tokko tokko manneen barnootaa daa’immaniirratti boombii dhoosuun shororkaa uumaa jiraachuu himanii; akka daandiin cufamuufis waamicha irra deddeebiin dhiyeessullee waan hawaasni nagaa barbaaduuf sochiin dinagdeefi hawaasummaa haala fooyya’aarra jiraachuu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, labsii yeroo hatattamaan dura sochiileen dinagdeefi hawaasummaa guutummaatti laamsha’aniiru. Caasaan mootummaa olii hanga gadiitti diigamee ture. Ajjeechaa suukanneessaan raawwatameera. Namootni dhibee hamaan qabamanii yaalamaa turan mana yaalaa dhaquu dhorkamuun rakkoo hamaaf saaxilamuun ala gatiin meeshaalee dachaa hedduun dabaleera.
Amma meshaaleen gabaa giddugaleessaarraa gara naannichaatti geejibamaa jiraachuutti dabalee caasaaleen mootummaa bifa haaraan gurmaa’anii hojii eegaluu himaniiru, omisha oyiruurra jiru sassaabuunis cimee ittifufuu ibsaniiru.
Naannawawwan roobni gahaan hinjirre, Gondor Kaabaafi Waagimiraatti hongeen mudachuu eeranii; ummata beelaaf saaxilame deeggaruuf mootummaa federaalaafi hawaasa idiladdunyaa waliinta’uun hojjechaa jiraachuu himaniiru. Ta’us qaamni finxaalessi kun akka ummatni beelaan dhumuuf deeggarsa taasifamu danqaa jiraachuu dubbataniiru. Fooyya’iinsa nageenyaa mul’ate jabeessuun yuunivarsiitiiwwan naannichaa yeroo dhiyoo keessatti barattoota akka waamanis ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
5 Comments to ““Opireeshinii qinda’aa taasifameen bakkeewwan rakkoo nageenyaa hamaa jala turan qulqulleeffamaniiru”Doktar Mangashaa Fantaahun”
Comments are closed.