“Itoophiyaatti Musliima ta’uun akka lammii lammaffaa qofa osoo hintaane akka yakkaatti ilaalamaa ture”Barsiisotaafi gorsitoota amantii Islaamaa

Finfinnee: Sirnoota darban keessa hawaasni Musliimaa abbaa biyyaa ta’ee osoo jiruu akka lammii lammataafi yakkamaatti ilaalamaa turuu barsiisotaafi gorsitootni amantii Islaamaa turtii Wiixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin ibsan. Ammaan tana garuu gaaffileen bu’uuraa hawaasni Musliimaa kaasaa ture deebii argachuus kaasaniiru.

Hayyootni kunneen akka jedhanitti, rakkoo walxaxaan sabummaafi amantii bu’uureeffate biyyattiitti dagaagee turuun waanuma beekamudha. Keessattuu dhiibbaan barootaaf hawaasa Musliimaarra ture daran ulfaataafi dubbachuufuu kan nama rakkisuudha. Ta’us jijjiiramaa as hawaasni Musliimaa waan gaarii Itoophiyaarraa dhandhamachuu eegaleera jechuun ibsaniiru.

Ustaaz Ahimaddin Jabal, Dubbi Himaa Koree Fala Barbaadduu Hawaasa Musliimaa, Gorsaa Pirezidaantii Majiliisa Federaalaa, Barsiisaafi Barreessaa Amantii Islaamaati. Namoota hawaasni Musliimaa biyyattiitti boquu olqabatee akka deemuuf mana amala sirreessaatti dararama guddaa keessummeessan keessaa isa tokko.

Akka isaan jedhanitti, bara mootii Hayilasillaaseerraa kaasee musliima ta’uun akka lammii lammataatti ilaalamuu bira darbee dhaabbatni amantii hawaasa musliimaa hanga dhaabbata miti mootummaa tokkoottuu kabaja hinqabu ture. Namni hawaasa musliimaa bakka bu’ee gaaffii mirgaa gaafatu kallattiidhumaan barjaan shororkeessaa ittimaxxanfamuun mana adabaatti darbatama. Amantii kana ta’e jedhanii ija shakkiin ilaaluun hordoftoota amatichaa shororkeessaa turan.

Gaaffiileen bu’uura hawaasa Musliimaa gumii/dhaabbata musliimaa bakka bu’u qabaachuu, filannoo Majiliisaa ilaalchisee mootummaan amantii keessa akka hinseenne, fayyadamummaa hordoftoota amantichaa mirkaneessuuf baankiin Islaamaa akka dhaabbatu ta’uufaa ibsee; bara mootii Hayilasillaasee gumiin dhimma Islaamummaa dhorkamus bara ADWUI garuu Manni Maree Dhimmoota Islaamaa maqumaaf hundaa’us dhaabbata amantii ta’uunsaa hafee akka dhaabbata mitmootummaatti waggaa sadii sadiiin eeyyamnisaa haara’aa turuu yaadachiisaniiru.

Hawaasni Musliimaa tajaajila baankii dhalarraa bilisa ta’e argachuurraa fagaatee baroota dheeraaf dinagdeen miidhamaa turuu kaasanii haa ta’uutii, jijjiiramaa as, keessattuu xiyyeeffannaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin baankotni biyyattii hedduun tajaajila bilisaa kennuu eegaluu bira darbee baankotni Islaamaa hundaa’uu dubbataniiru. Kana malees, majiliisni labsiin hundaa’uun, bakka ijaarsa masjiidotaa mootummaan kennamuun jijjiirama guddaa ta’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun gaaffii hawaasa Musliimaaf aarsaa guddaa kaffalaa kan turaniifi yeroo ammaa Gorsaa Seeraa Pirezdaantii Majiliisa Federaalaa akkasumas miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ustaaz Kaamil Shamsuu gamasaanitiin, hawaasni Musliimaa sababa amantiisaaf jecha akka saba biyya biroorraa buqqa’ee Itoophiyaa dhufeetti ilaalamaa turuu yaadachiisanii, hawaasni kun garuu dhiibbaafi jibba tureef osoo hinjilbeenfatiin barootaaf falmachaa as ga’uu dubbataniiru.

Hawaasni Musliimaa sababa maallaqaa dhalaan walqabatuutiin fayyadamummaa dinagdeerraa dhiibamaafi tasgabbaa’ee akka sirna amantiisaa hinadeemsifanneef doorsisaafi sodaachifni garagaraa taasifamaa turuus yaadachiisaniiru. Yeroo ammaa garuu hirmaannaansaa gama hundaan mirkanaa’uu kaasanii, wantoonni hunduu deebii argataniiru jechuu akka hintaanes eeraniiru.

Dhiibbaan rogawwan maraa amantii Islaamaarratti taasifame namoota siyaasaan malee ummatni biyyattii hawaasa Musliimaa waliin jaalalaafi tokkummaa jabaa akka qabu dubbatanii, daldala siyaasaatiif jecha walitti bu’iinsi yeroowwan garagaraa mudataa turan keessatti inni tokko isa biroo baraaraa turuu himaniiru. “Namni nama hingalateeffanne uumaasaa hingalateeffatu” kan jedhu qajeelfama amantii Islaamaa ta’uus eeranii, jijjiiramaa as waan ta’e hundaaf mootummaa jijjiiramaa galateeffataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to ““Itoophiyaatti Musliima ta’uun akka lammii lammaffaa qofa osoo hintaane akka yakkaatti ilaalamaa ture”Barsiisotaafi gorsitoota amantii Islaamaa”

  1. Pingback: tow truck company
  2. Pingback: obeng bet

Comments are closed.