Finfinnee: Itoophiyaa haaraa daran guddatte har’a ijaarsishee eegalame malee Itoophiyaa guddoon kaleessaa akka isaanitti hinmul’atne Hayyuun Saayinsii Hawaasaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa ibsan.
Doktar Mulugeetaan Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, seenessa waloo ijaaruun seenessa “Guddaa turre gara guddummaatti deebina” jedhu sirreessuurraa eegala. Itoophiyaan lammiishee hedduuf mana hidhaa taatee turteefi bara 1960moota dho’iinsa fincila barattootaaf sababa taate madaala kamiin guddoo akka taate isaaniif gaaffiidha.
Eenyummaa ummattoota biyyattii beekamtii dhorkachuun dabalata rakkoon dinagdee, keessattuu beelli hamaan biyyi kun ittiin beekamaa turte sirnoota darban keessa mudate. Gama biraatiin ammoo sochii barattootaa kanaan namootni akka Ibsaa Guutamaa, Xilaahuun Gizawuufi Waalallinyi Mokonnonfaa kan ilaalcha naannummaarra ejjechuun ilaalcha biyyummaa qabatanii cuqursaa sabootaafi sablammootaa dhabamsiisuun jiraachuus yaadachiisaniiru.
Haa ta’uutii, ammaan tana qooda sabootaafi sablammootaaf beekamtii guddaa kennuun eegaluun hidhaan Laga Abbayyaa calaqqee tokko ta’uu kaasanii; masaraa mootummaa keessattis qooda ummattootaa waan ibsan bocuufi barreessuun taatee kana dura hinbaratamne ta’uu ibsaniiru. Sochiin dinagdeefi hawaasummaa hunda hirmaachisuun waltajjii addunyaatti beekamtii horataa jirus taatee haaraa ta’uu himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan durii jalqabdee biyya taatee akka ittifuftuuf qoodni ummattoota biyyattii olaanaa ture. Taatee dhiyeenya lola Adwaa wayita ilaalamu tokkummaan hiriiruu ummattoota biyyattiin ala injifannoon waan yaadamu miti. Haaluma walfakkaatuun ijaarsa hidha Laga Abbayyaa deeggarsa alaa tokko malee milkeessuun hirmaannaa sabootaafi sablammootaan alatti waan abjootamu miti. Ta’us seenessa tokko ol kaasuu, isa kaan ammoo gad buusuun gaarummaafi tokkummaa bareedaa kaleessaa aguugee hanga har’aatti rakkoo uumaa jira.
Hanga federaalizimiin sabdaneessaa wabii ta’ee jirutti ilaalchi biyyummaafi sabummaa walhindhiitu kan jedhan Hayyuun kun; biyyoota akka Ameerikaa, Siwaazarlaandiifi kanneen biroo walqixxummaan ittidagaagetti dantaa biyyaarratti dhimmootni namni hundi walfaana hiriiru hedduun jiraachuu dubbataniiru. Biyyoota kanneen keessatti waa’een aadaafi eenyummaa rakkoo ta’ee akka hinkaanes ibsaniiru.
Itoophiyaan biyya ijaarsishee hinxumuramne waan ta’eef sodaa cunqursaa kaleessaarraa kan ka’e qorqalbiin Itoophiyummaa gadaanaa ta’uu eeranii; qaawwan kanneen bu’uureffachuun ilaalchi sabummaa fiixeetti ba’e dagaagaa dhufuu dubbataniiru. Sodaafi shakkii kana maqsuufis falli jiru walqixxummaa eegalame daran gabbisuu ta’uu dhaamaniiru.
Ammaan tana rakkoo kaleessaatiin walfalmuun yeroo gubuun hafee seenessa qeenxeerra ejjechuun seenessa waloo ijaaruun fala ta’uu himanii; seenaa dabe sirreessuuf garuu yeroofi qabeenya barbaachisu ramaduun qorannoo gadfagoo taasisuun furmaata ta’uu gorsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
2 Comments to “ “Itoophiyaa guddoon kaleessarra har’a ijaaramaa jirti” Mulugeetaa Dabbabaa (PhD)”
Comments are closed.