Finfinnee: Humni qilleensa Itoophiyaa hidhannoowwan ammayyaa’oofi balaliistota humna qilleensaa hedduu horachuu ajajaa olaanaan Humna Qilleensa Itoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Humni qilleensichaa Sadaasa 20 irraa eegalee guyyaa hundeeffamasaa waggaa 88ffaa sagantaalee garagaraatiin kabajachaa jiraachuus ibsaniiru.
Leetinaal Jeneraal Yilmaan kabaja hundeeffama humna qilleensichaa ilaalchisuun ibsa gaazexeessitootaaf dheengadda kennaniin akka jedhanitti, jijjiiramaa as Humni Qilleensaa Itoophiyaa hidhannoowwan humna qilleensaaammayya’oofi balaliistotaa ga’umsa qaban heddumminaan horateera. Misooma humna namaarratti namoota dirqamasaanii ga’umsaan ba’an hedduus leenjisuu danda’eera. Balaliistotafi teknishaanotaaf leenjii dandeettii ga’umsa hoggansaa dabalataan kennamuun seenaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessatti waan baratame miti.
Leenjitoonni kunneen barumsa ogummaa fudhataniin dabalata balaliisa sa’aatii 250 kan xumuraniifi barnoota hoggansaa kan fudhatan ta’uu himanii; barsiisonni balalii humna qilleensichaatti leenji’anis dhiyeenya ni eebbifamu jedhan.
Humni Qilleensa Itoophiyaa jijjiirama booda hidhannoo humna qilleensaa turan fooyyessuufi hidhannoo haaraa hidhachuurratti hojjetaa tureera. Keessumaa gama hidhannoo haaraa hidhachuutiin humna mootummaafi deeggarsa dhaabbileen hojii baay’een hojjetamuu ibsanii; hidhannoo elektironiksii “WaarFeeroochii’’, xiyyaarota nama maleeyyii, helikooptaroota ammaayyaa’oofi teknolojii addunyaan irra geesse hidhachuu himaniiru.
Itoophiyaan biyya birmadummaa biyyoota Afrikaaf qabsoofte waan taateef ayyaana guyyaa hundeeffamaa humna qilleensichaa kophaa ayyaaneffachuun waan hindanda’amneef marii paanaalii, daaw’annaa, agarsiisa qilleensarraafi sagantaalee garagaraatiin dabaalamee ajajoota humna qilleensaafi kubbaaniyyoota aviyeeshinii biyyoota Afrikaa 26 waliin ta’uun akka kabajamus ibsaniiru.
Jaalattoonni Itoophiyaa damee ogummaa humna qilleensaatiin sadarkaa guddaarra ga’an agarsiisicharratti ni argamus jedhaniiru. Akka ibsasaaniitti, humni qilleensa Mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa sadarkaa olaanaan guddachaa waan jiruuf dhalootni haaraan humni qilleensichaa filatamaa ta’ee akka ittifufu gochuun ittimakamuu qabu. Sadaasni 20n waggaa waggaadhaan guyyaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa ta’ee akka kabajamu Letinaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsaniiru.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
4 Comments to “Humni qilleensaa Itoophiyaa hidhannoofi balaliistota hedduu horate”
Comments are closed.