Finfinnee: Guyyaan Sabootaafi Sabalammootaa guyyaa seenessi biyyaalessummaa tokkummaa sabdaneessummaarratti hundaa’efi guyyaa sirni qeenxeen cabee sirna Guyyaan Sabootaa marsaa 18ffaan har’a Jigjigaatti kabajama sabdaneessummaatti ce’ame ta’uun ibsameera. Ayyaanichi mata duree “Danummaafi walqixxummaa tokkummaa biyyaaf” jedhuun magaalaa guddoo Naannoo Somaalee, Jigjigaatti kabajamaa jira.
Ayyaanicha ilaalchisuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa baga ayyaana Itoophiyummaatiin isin gahee dabarsaniiru. Ergaasaanii keessatti, ayyaanichi ayyaana Itoophiyummaati jedhanii, Itoophiyummaa jechuun eenyummaa biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaarratti hundaa’e kan giddugaleeffate ta’uus eeran.
Itoophiyummaan gamtokkoon danummaa sabaafi sablammootaa fudhachuun gama biraatiin ammoo tokkummaa cimaa danummaa walqabsiisuun baroota keessa darbee kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Ayyaanichi seenessa biyyaalessummaa tokkummaa sabdaneessummaarratti hundaa’e kan itti ijaaramu ta’uu himanii; biyyaalessummaan, seenessa qeenxee biyya qoqqooduufi dadhabsiisuuf tolfame keessaa daandii ittiin baanuudha jedhan.
Seenaa siyaasaa keenyarra seenaa hawaasummaa keenya guddisnee mul’isuudhaan, kaleessarra carraawwaniifi hojiiwwan keenya har’aafi borii irratti hundoofnee, seenessa hundarra caalu kan hawaasa siyaasaafi dinagdee tokkoo sirna heera mootummaarra dhaabbate hundeessuuf kan dandeessisu ta’uus ibsaniiru. Maddi seenessa biyyaalessaa sabaafi sablammoota ta’uu himanii; kaayyoonsaas sabaafi sablammoonni Itoophiyaa gidiraafi qorumsaan osoo adda hinba’in carraa waloosaaniif jecha aarsaa tokkummaadhaan kanfalan cimsuudha.
Sabaafi Sablammoonni Itoophiyaa ijaaruu keessatti hinhirmaanne waan hinjirreef Itoophiyaa ijaaran keessaa walqixxummaafi bilisummaadhaan jiraachuu qabu. Itoophiyaa kadhaarraa baraaruufi bu’uura badhaadhinaa kaa’uufis dirqama hundaa ta’uu eeranii, seenessi biyyaalessummaa walittiqabaa danummaafi tokkummaa giddugala godhate waan ta’eef Itoophiyummaa hundumaa walittiqabuun bara baraan jiraattu kan danda’amu seenessa biyyaalessummaa cimsuudha jedhan. Yaadota kanneen lapheetti qabachuun ayyaaneffatamuu akka qabus dhaamaniiru.
Oduudhuma walqabateen Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas sabdaneessummaan eenyummaa keenya isa dhugaa heddumminniifi walqixxummaan keessatti mirkanaa’u waan ta’eef akka agartuu ija keenyaatti tikfanna jedhan. Dallaa jibbinsaa diignee riqichi jaalalaa ijaarrus gaaddisa sabdaneessummaafi walqixxummaa jalatti ta’uu hunduu hubachuu qaba. Kun ammoo harka tokkoon abidda qabatanii harka biraatiin araaraaf qophaa’uun osoo hintaane shira lagatanii qajeelummaan nagaaf of qopheessuun milkaa’a jedhan.
Kanaafis mootummaan harka araaraaf diriirse yoomiyyuu kan dachaasu akka hintaane irra deebiin waamicha dhiyeessina jedhanii qaama Heera sagalee ummataan ragga’erratti aggaammii taasisuufi nageenya ummataa booressurratti mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan ittifufu ta’uu hubachiifna jechuunis ibsan. Guyyichis kan gammachuu, badhaadhinaafi waadaa keenya haaromsuun imala ijaarsa biyyaa itti fufsiifnu nuuf haa ta’u jedhan.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan guyyaa sabootaa sadarkaa Oromiyaatti Godina Harargee Bahaa, Magaalaa Maayaatti Roobii darbe kabajamerratti guyyichi guyyaa sirni qeenxee ittileellifamu cabee sirna sabdaneessummaatti ce’uun mirkanaa’eedha jedhan. Guyyichi hundaafuu hiikaa guddaa qabas jedhan. Guyyichi guyyaa walqixxummaafi obbolummaan ummattoota biyyaattii ittimirkanaa’ee waan ta’eef seenessaafi sirna qeenxeerraa gara sirna waloominaatti ce’ame waan ta’eef guyyaa addaati. Bu’aalee sirna federaalizimiin dhufaa jiran cimsuun isa caaluuf cichuu murteessaadha jedhan.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
6 Comments to “Guyyaan Sabootaa marsaa 18ffaan har’a Jigjigaatti kabajama”
Comments are closed.